Itoophiyaatti 'Yuuniversitiin Islaamaa jalqabaa' maqaa Haji Aadam Tuulaan hundaa'e maali?

Haji Aadam Tuulaa fi uummata faawundeeshinii maqaasaaniin ijaarame eegalsiisuuf ba'e

Madda suuraa, Sheikh Amin Ibro/FB

Haji Aadam Tuulaa ji’a afur dura umurii waggaa 110 boqachunsaanii ni yaadatama.

Sirna awwaalcha dure amantaa Islaamaa gameessa kana irrattis namoonni kumaatamaan lakkaa’aman kutaalee biyyattii garaagaraa fi biyyoota alaarraa argamanii ture.

Haji Aadam Tuulaa, waggoota 80 oliif amantii Islaamaa barsiisuun akka dabarsan maddeen BBC'n dubbise ni himu.

Hojiiwwan Sheekni gameessi kun eegalanii darban yaadachuu fi waan isaan eegalchiisanii turan itti fufsiisuuf Faawundeeshiniin birrii biiliyoona 6 caaluun socho'u magaalaa Hararitti eegaleera.

Hoogganaa Boordii Faawundeeshinii Haji Aadam Tuulaa, Sheek Filaa Adam Hasan, ''Haji Aadam Tuulaa ji’a afur dura wayita aakiraman/boqotan ulamoonnii fi wahillansaanii yaadannoon nama guddaa kana madaalu dhaabbachuufii akka qabu irratti waliigalan,'' jedhan.

Yaadi kun erga dhihaatee booda boordiin dhimma kana qindeessu kan nama sagal of keessaa qabu hundaa’e.

''Hojiin boordiichaa kan jalqabaas hayyama baasuudha. Hayyama faawundeeshinichaas Ministeera Nageenya Itoophiyaa irraa fudhanne,'' jedhan Sheek Fiilaa Aadam.

Hojiin ittaanu faawundeeshiniin kun maal fa'ii of keessatti akka qabachuu qabu murteessuufi waan sheekni kun ittiin beekaman keessa galchuudha jedhan.

''Hojii sheekni kun ittiin beekaman keessaa inni ijoon majlisatti ilmii ykn barnoota amantii Islaamaa barsiisuudha. Kutaa Oromiyaa mara irraa namoota barsiisaa turan,'' jedhan.

''Kanaaf majlisa ammayyaawaa tokko- kan namoonni baratan keessa turanii barnoota kana dhalootatti dbarsan ijaaruu barbaachisa. Doormii barattoonni keessa taa’anii itti baratan ni qabaata.''

Giddugalli kun bakka qorannoon itti gaggeeffamus of keessaa qaba jedhan.

''Giddu galli kun namoota majlisa baratan qofa miti kan keessummeessu. Namoota majlisa hin barannes damee barnootaa adda addaatiin ni barsiisa,'' jedhan Sheek Fiilaa Aadam.

Itoophiyaatti Yuuniversitii Islaamaa jalqabaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaa keessa kolleejjiin barnoota amantii Islaamaa irratti xiyyeeffatu jiraatus sadarkaa yuuniversitiitti garuu hin jiru jedhan Sheek Fiilaa Aadam.

Kaayyoon giddu gala kana ''Seenaa amantii Islaamaa biyya keenyaa, afaan Arabaa, Shari’aa, farsii, Hadiisaa fi Qur’aana bifa ammayyaan kan barsiisuudha. Kun Itoophiyaa keessatti yuuniversitii Islaamaa kan jalqabaati.''

Magaalaan Harar seenaa keessatti Baha Afrikaatti magaalaa giddu-gala amantii Islaamaa jedhamuun beekamti turte.

Kanarratti qorannoowwan garaagaraa gaggeessuuf giddu-galli kun ga’ee olaanaa gumaacha.

Kana malees manni kitaabaa (library) guddaan Islaamaa giddu gala kana keessatti ni hundeeffama akka Sheek Fiilaa Aadam jedhanitti.

''Akkasumas masjiida itti salaatan, iddoo oolmaa daa’immanii fi jaarroleen iti kunuunfaman ni qabaata.''

Iddoowwan ispoortii fi giddu gala biizinasii hundeessuunis karoora keessa akka jiru himan.

''Yaadi giddugala biizinasii hundeessuu hirkattummaa jalaa ba’uu kan jedhurraa dhufe. Kanaaf faawundeeshinni kun yeroo mara maallaqa nama kadhachuurraa of danda’ee akka dhaabbatu gochuuf giddugalli biizinasii barbaachise.''

Giddu galli magaalaa Hararitti lafa karee 120 yookiin hektaara 12 irratti birrii biiliyoona 6.6’n ijaarama.

Maallaqi kun guddaa ta’us karaan ittiin argatan salphaa ta’uu himan Sheek Fiilaa Aadam.

''Haalli maallaqi kun ittiin argamu baayyee salphaadha. Hawaasarraa sassaabuu, zakaa fuudhuu, hojii piromooshinii fi beeksisaa akkasumas hunda caalaa amansiisaan ammoo faayinaansii bifa haaraa ta’een maddisiisuu- Innovative Financing kan jedhamuudha,'' jedhan.

''Akkuma waltumsinee hidha haaromsaa ijaarretti majlisa kanas ni ijaarra''

Namoota kumaatamaan lakkaa'aman sagantaa galii walitti qabuu ijaarsa giddugala Haji Aadam Tuulaa irratti argamaniiru

Madda suuraa, Sheikh Amin Ibro/FB

Erga namni beekamaan seenaa fi duudhaa dhalootaaf darbu qabu boqotee maqaa nama sanaan jaarmiyaa yookiin faawundeeshinii hundeessuun Itoophiyaa keessatti heddummaataara.

Garuu yeroo baayyee akka eegalametti xumuramee wayita kaayyoo hundeeffameef bakkaan ga'u hin mul'atu.

Sheek Fiilaa Aadam kan Haji Aadam Tuulaa kun waggaa shan keessatti xumurama jedhan.

''Maallaqi ittiin ijaaramu guddaadha, nama rifaasisuu mala. Garuu maallaqi kun salphaatti argamaa jira. Guyyaa faawundeeshinii kana eegaluuf sagantaa galii walitti qabuu jalqabaa qopheessine Baankiin Raammis birrii miiliyoona shan, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa birrii miiliyoona lama, Baankiin Awaash birrii miiliyoona shanii ol, Baankiin Hijiraa birrii miiliyoona afur kennan.''

Namoonni dhuunfaadhaan birrii miiliyoonaaan lakkaa'amu galchaa jiran jiraachuu fi ergaa gabaabaadhaanis maallaqi guddaan galaa jiraachuu himan.

Kanarratti dabalataan sagantaan galii walitti qabuu (Teleton) magaalota biyyoota alaa kanneen akka Ameerikaa, Awurooppaa, Awustiraaliyaa fi biyyoota kaanittis ni gaggeeffama jedhan.

''Namoonni giddugala kana keessatti gamoo bilookii tokko fudhatanii hojjechuuf waadaa galanfaatu jiru.''

Hunda caalaa ammoo sagantaan galii sassaabuu Dilbata darbe gaafa Guraandhala 05, 2023 jalqabsiisne addunyaa mara irraa namoota hawwateera.

Sagantaan faawundeeshinii kanaaf galii walitti qabuu bakka keessummoonni mootummaa fi dureewwan amantii gameeyyiin argamanitti eegalame.

Miseensa ulamaa Afrikaa kan ta'an Itti gaafatamaan imaamaawwan Itoophiyaa Sheek Amiin Ibroo, Pireezidantiin Gumii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa, Itti gaafatamaa Ulamaa Itoophiyaa Dr Jeylaan Kadir fi majlisa Itoophiyaa keessa jiran hundarraa bakka buutonni argamaniiru.

Dureewwan amantii fi qondaaltonni mootummaa sagantaa kanarratti argaman ijaarsa majlisa kanaaf xiyyeeffannaa guddaa akka kennan waadaa seenan.

Pireezidantii Majlisa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa dabalatee dureewwan amantii fi qondaaltonni mootummaa sirna galii walitti qabuurratti argamaniiru

Madda suuraa, Sheikh Amin Ibro/FB

Kana malees Pireezidantiin naannoo Hararii Obbo Ordeen Badirii, Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Jawaar sagantaa kanarratti argamaniiru.

Pireezidantiin Gumii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajji Ibraahim Tufaa, ''hojiin jaarmiyaansaanii sadarkaa jalqabaarratti qabatee jiru majlisa kana ijaarsisuudha jechuun waadaa seenan,'' jedhan Sheek Fiilaa Aadam Hasan.

''Akka mootummaa fi lammiileen Itoophiyaa irree tokkoon hidha abbayyaa ijaarretti majlisa kana ni xumurra jechuun yeroo garaagaraatti nu onnachiisaa turan,'' jedhu Sheek Fiilaa Aadam.

Kaayyoon sagantaa galii walitti qabuu kanaa waa sadi jedhu Sheek Fiilaa Aadam.

''Inni duraa galii walitti qabuudha, kan lammataa galii haala ajaayibaan yeroo gabaabaa keessatti argame sadarkaa idil-addunyaatti labsuudha, sadaffaan uummanni keenya miira abbummaan faawundeeshinii kana akka ijaarratu onnee hawaasaa keessa galchuudha.''

Ijaarsa giddugala kanaaf sagantaan galii walitti qabuu itti fufuun magaalota Dirree Dhawaa fi Finfinneetti ni gaggeeffama jedhan.

Haji Adam Tuulaa maaliin yaadatamu?

Sheek Fiilaa Aadam Hasan Haji Aadam Tuulaa umrii waggaa 110 biyya lafaarra jiraatan keessaa waggaa 80 ol majlisa barsiisuun dabarsan jedhu.

''Walloo dabalatee kutaalee Oromiyaa mara irraa namni hedduun Haji Aadam Tulaa biratti barataniiru. Namoota kuma shan caalan barsiisaniiru. Barattoonni isaaniis barattoota hedduu oomishan,''

Haji Aadam majlisa Itoophiyaaf akka dhaabbatu namoota adda durummaan qabsaa'aa turan keessaa tokko, akka Aab Filaa Aadam jedhanitti.

''Muslimni Itoophiyaa gaaddisa tokko jalatti buluu qaba jedhee qabsaa'aa ture.''

Haji Aadam Tuulaa muftii Oromiyaa jalqabaa nama turaniidha.

Barnoota amantii qofa osoo hin taane jiruu fi jireenya hawaasaa qajeelchuu keessattis qooda olaanaa gumaachaniiru.

Keessattuu magaalota akka Harar, Dirree Dhawaa, akkasumas naannolee Oromiyaa fi Somaalee gidduutti walitti bu'iinsa uumamaa tureef ifaajeesaaniin araara buusaniiru jedhu Aab Fiilaa Aadam.

''Nuti kan qabsoofne biyyaaf malee biyyeef miti jechuun hawaasa lamaan walitti araarsuudhaan kan beekaman.''

Haji Aadam Tuulaa daangaa Oromiyaa fi naannoo Hararii gidduutti kan argamtu bakka Tuulaa jedhamtutti dhalatanii achumatti guddatan.

''Garuu achitti miti kan baratan. Gara Arsii, Baalee, Harargee keessa naanna'uun ulamoota garaagaraa 17 caalan biratti baratan,'' jedhan Sheek Fiilaa Aadam.

Erga barnootasanii fageessanii booda iddoo itti dhalatanitti deebi'uun, magaalaa Harar irraa kiilomeetira saddeet fagaattee gara bahaatti kan argamtu magaala Suqul keessa buufatanii barsiisuu eegalan.

''Suqul ganda isaan keessa qubatanii maatii horatanii jiraachaa turaniidha,'' jedhan.

Wayita isaan boqotan namoonni kutaalee biyyattii garaagaraa fi biyyoota alaarraa kumaatamaan kan awwaalarratti argamaniifis, ''Sheekni gameessi kun barnoota kennaniin caasaa isaanii waan bal'isaniif,'' jedhan Sheek Fiilaa Aadam.

Haji Aadam Tuulaa aalima ykn beekaa nama hedduu qare, abbaa maatii hedduu fi qe'ee kabaja guddaa qabuu turan jedhu.

Hawaasni muslimaas waggaa sadi tura konkolaataa ammayyaawaa kan isaan ittiin imalanii da'awaa godhan yookiin barsiisa amantii kennan bitanii badhaasaniiru.

Kana malees hawaasi naannoo, gameessa amantii kana akka qaroo ijasaatti kunuunsaa ture jedhan Sheek Fiilaa Aadam Hasan.