Bu'uuressitoota waldaa Maccaa-Tuulamaa keessaa kan ta'an Haji Biiftuu Fayyisoo eenyu?

Haji Biiftuu Fayyisoo umriisaanii waggaa 99tti boqotan

Madda suuraa, SM

Tibbana maanguddoo gameessi Haji Biiftuu Fayyisoo jedhaman boqochuu hordofee namoonni bebbeekamoon waa'eesaanii miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa jiru.

Maanguddoo gameessi Oromoo-keessattuu kan Oromoo Sikkoo mandoo Haji Biiftuu Fayyisoo bu'uuressitoota Waldaa Maccaa Tuulamaa keessa tokko ta'uu namoonni ni ibsu.

Ijoollee maanguddoon kun horatan 12 keessaa ilma 11ffaa kan ta'an Obbo Tolaa Biiftuu, abbaansaanii dhimma maatii caalaa dhimma sabaaf of kennanii osoo hojjetanii lubbuun darbuu himan.

''Ijoollummaarraa eegalanii sirna cunqursaan falmuurraa hanga qabsoo hidhannootti osoo tattaafatanii yeroonsaanii dhumte,'' jedhan ilmisaanii kun.

Manguddoon kun gama amantiin qofa osoo hin taane, hawaasa keessattis gorsuun, kan waldhabe walitti araarsuun, akkasumas artistoota walleedhaan qabsoo sabaa jabeessaa turan onnachiisaa turuu himan Obbo Tolaan.

Haji Biiftuun artistoota gameeyyii akka Eebbisaa Addunyaa, Umar Sulaymaan, Ilfinash Qannoo, Daawite Makonnin fi garee kana waliin kan turan waliin ta'uun hamilee ta'aafii akka turan himan ilmisaanii kun.

Artist Daawite Makonnin Haji Biiftuun gameessa qabsoo Oromoo, bu'uuressaa Waldaa Maccaa-Tuulamaa ta'uu fuula Facebook isaarratti barreesse.

Barsiisaan Amantii Islaamaa Ustaaz Raayyaa Abbaa maccaa Haji Biiftuun qabsoo mirga uummataaf jecha takkaa osoo gadi taa'anii hin boqotin lubbuun addunyaa kanarraa darban jechuun fuula Facebook isaaniirratti barreessan.

Haji Biiftuu fi Waldaa Maccaa- Tuulamaa...

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Abbaansaanii, Haji Biiftuun, ijoollee 12 godhachuu fi ofii 11ffaarratti dhalachuu kan himan Obbo Tolaa Haji Biiftuu, abbaansaanii dhimma sabaa malee dhimma maatiif dursa kennanii akka hin beekne BBCtti himan.

''Ijoollummaarraa eegalanii dhimma lamarratti xiyyeeffatan: dhimma sabaa fi amantii. Hanga umriinsaanii darbutti kanumarra turan,'' jedhan.

Haji Biiftuun bara xumura bara 1960 fi jalqaba 1970ootaa keessa dargaggoota qindeessuun nama qabsoo Oromoo eegalaniidha.

Akka Obbo Tolaan jedhanitti Haji Biiftuun wayita gameeyyiin qabsoo Oromoo fi hundeessitoonni Waldaa Maccaa- Tuulamaa Jenaraal Taaddasaa Birruu fi Koloneel Alamuu Qixxeessaa gara Arsii, dheeraa imalan simatanii waliin qabsoo eegalan.

''Haji Biiftuun gidduu taa'anii ergaa Baaleerraa dhufu gara Harar, kan Harar irraa dhufu gara Baalee dabarsaa turan. Haala kanaan Oromoon akka quba walqabaatu gochaa turan,'' jedhan Obbo Tolaan.

Waldaa Maccaa-Tuulamaa keessatti miseensa boordii ta'uunis hojjetaniiru.

Haji Biiftuu Fayyisoo cunqursaa bara mootii fi mootummaa dargii waraanaan biyya bulchaa turee jalatti gammoojjii Arsii fi Baalee keessa socho'uun qabsoo gaggeessaa, ummanni akka mirgasaa gaafachuurratti harka hin kennine onnachiisaa turan jedhan ilmisaanii kun.

''Bara 1983 maatii fi qe'eesaanii gatanii hidhatanii bosonatti galan. Gaarreen Arbaa Guuguu, Cilaaloo, gammoojjiiwwan Arsii keessa turan,'' jedhan.

Bosona waggaa afur erga turanii booda gara Finfinnee imalanii qabsaa'otaa fi artistoota gameeyyii waliin walarganii, bakka qabsoon abdii itti qabdu onnachiisuu eegalan jedhan Obbo tolaan.

''Haala kana keessa osoo jiranii bara 1990 achi buuteensaanii dhabame. Ji'a afur booda mana hidhaa Adaamaatti argaman. Erga ba'aniis hojii Waldaa Maccaa- Tuulamaa barattoota Yuniversitii Finfinnee gurmeessuun hojjechuu itti fufan,'' jedhan.

''Barattoota yuuniversitii ji'aan argaa turan. Seenaasaanii akka beekan, akka barreessan gorsaa turan. Seenaas barsiisaa turan. Waldaa kana jalatti damee walgargaarsa Aartii jedhamu bu'uuressuun hojii walgargaarsaa cimsaa turan. Hanga 1996 akkanaan turan.''

Bara 1996 booda adeemsa Waldaa Maccaa- Tuulamaarra dhiibbaa guddaan waan ga'eef hojiisaanii itti fufuu hin dandeenye.

''Bara sanarraa eegalanii riphanii Finfinnee fi Oromiyaa keessa turan. Bara 2009 wayita jijjiiramni siyaasaa biyyattii keessatti dhufu isaanis walabummaan as ba'anii socho'uu eegalan,'' jedhan Obbo Tolaan.

Haji Biiftuun qabsoof erga manaa ba'anii wayita intallisaanii fi obboleessi isaanii du'anillee gara biyyaa dhufuu hin dandeenye jedhan ilmisaanii kun.

Jiruu ijoollummaa, barnoota ammayyaa fi amantii

Haji Biiftuu Fayyisoo 1917 Godina Arsii Aanaa Xiyyootti kan dhalatan yoo ta'u, umriisaanii waggaa 99tti Sambata gaafa bultii 20, 2023 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.

''Erga manaa ba'uu dadhabanii ji'a afur ta'eera. Dhumarratti guyyoota 15f dullumaa fi dhukkubaan guddoo miidhaman. Yaalli godhamaafii turus garuu gara fuula rabbii deemuu hin hambisne,'' jedhan Obbo Tolaan.

Haji Biiftuun ijoollee waggaa 11 ta'aniiti kan abbaa fi haadhasaanii sirna mootummaa yeroo sanaan dhaban.

Haalli kun ijoollummaarraa akka mirgasaaniif falmachuutti cichan isaan dirqamsiiseera.

Haji Biiftuun mana barumsaa yeroo bara mootii Raas Daargee jedhamu [Kan amma Cilaaloo jedhamu] seenanii hanga kutaa ja'affaatti baratanii turanis, cunqursaan itti hammaannaan dhiisanii qabsootti seenan jedhan ilmisaanii kun.

Maanguddoon kun barnoota amantiin hagas mara deemuu baatanis, hawaasa keessatti dhalatan keessaa amantii Islaamaa fudhachuu fi babal'isuun adda duree ta'uu eeran.

''Bakka deeman maratti waa'ee qabsoo sabaa fi amantiisaanii akkaan jabeessu.''

''Isaan kan ummataa turan, kan maatii qofa miti. Nama araarsuu malee namaan waldhabanii hin beekan,'' jedhan Obbo Tolaan.

Maanguddoon gameessi bara 1995 gara iddoo eebbifamaa Makkaa imaluun sirna hajjii raawwataniiru.

Erga of beekanirraa eegalanii hanga lubbuunsaanii dabartutti hojii tola ooltummaa fi tokkummaa sabaa cimsuun beekamu jedhan.

Sirni awwaalcha maanguddoo kanaa Dilbata darbe gaafa guyyaa 21, 2023 magaalaa Asallaatti raawwate.