Manneen barnoota bultii barattoota qaroo horaa jiran

Madda suuraa, Getty Images
Marsiimoyi Margaa barattoota Itoophiyaa qaroo dhaabbata barnoota olaanaa UStti beekamaa ta’e Joorjiyaa Teekitti Eero Ispees Injinaringii baratan keessaa tokkodha.
Marsiimoyi dhaabbata kana seenuuf barattoota kuma 50 ol ta’an wajjiin dorgomee akka darbe yaadata.
Barnootaf osoo gara Ameerikaa hin deemiin dura mana baruumsaa sadarkaa lammaffaa kan barate Mana Baruumsa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaatti.
Manni baruumsaa bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Adaamatti argamu kun barattoota akka Marsiimoyi baruumsan collee ta’an guutummaa Oromiyaa irraa calalee barsiisun maqaa gaarii erga horatee bubbuleera.
Bara 2014 barattoonni mana baruumsichaa qormaata 12ffaa fudhatan hundi isaanii darbaniiru.
Bifuma wal-fakkaatun manneen barnoota bultii biroos kanneen akka Giddu Gala Kalaqa Istem Bahiir Daar, Mana Baruumsa Bultii Addaa Dasee, Mana Baruumsa Bultii Addaa Walaayittaa Leeqaa fa’aas barattoota 12ffaa qormaata biyyoolessaa qoraman hundi isaanii akka darban godhaniiru.
Ofii milkaa’inni manneen barnoota kanaa malirraa madde? BBCn manneen barnoota bultii addaa qabxii gaarii galmeessisan keessaa sadi filachuun dubbiseera.
Barattoota barsiisonnillee akka ciman taasisan
Manneen barnootaa qormaata biyyoolesaa kutaa 12ffaa baranaa barattoonni isaanii hundinuu darban torba keessaa manneen barnoota bultii addaa keessatti argamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ministeerri Barnootaa akka ibsetti manneen barnoota bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaa, Walaayittaa Leeqaafi Manni Baruumsa Bultii Addaa Dasee barattoonni isaanii hundinuu qabxii dhaabbata barnoota olaanaa isaan seensisu galmeessaniiru.
Manni Baruumsa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Adaamatti argamu bara 2013 irraa kaasuni barattoota simatee barsiisuu kan eegale.
Manni baruumsaa kun waggaatti barattootaa haaraa 200 kan simatu yoo ta’u, guutuu Oromiyaarraa mana baruumsa mootummaarraas ta’ee kan dhuunfaa irraa barattoota dorgomsiisee akka fudhatu BBCtti himan daayireektara Waldaa Misooma Oromiyaa (ODA) kan ta’an Obbo Dajanee Itichaa.
Barattoonni haaraa mana baruumsa bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaa kanatti carraa argachuuf qabxiin isaan kutaa 8ffatti galmeessa, kutaa 7ffaafi 8ffaa daree keessatti qabxiin isaan qabanis ni ilaalama.
Kuni qofti gahaa miti. Qormaata seensaa manni baruumsichaa qopheessu fudhachuutu isaanirraa eegama.
Naannoo Kibbaatti kan argamu manni baruumsa bultii addaa Walaayittaa Leeqaas ulaagaledhuma wal-fakkaataa hordofuun barattoota simata.
Dabalataanis barattoonni ciccimoon sababa maatin isaanii harka qaleeyyii ta’aniif baruumsa gahaa argachuu hin dandeenye karaa Waldaa Misooma Walaayittatin baasin isaanii guutun cufamee akka baratan daayireektara mana baruumsichaa kan ta’an Obbo Maatusaalaan BBCtti himan.
Gama biraan ammoo barattoonni baasii qooddachuun (cost sharing) mana baruumsa isaanii keessatti baratanis akka jiran himu Obbo Maatusaalan.
Akka isaan jedhanitti manni baruumsa bultii addaa Walaayittaa Leeqaa kutaa biyyattii kamiyyuu keessaa barattoonni barachuu fedha qabaatanii qormaata seensaa darban barachuu ni danda’u.
Bara 2018 hojii kan eegale manni baruumsa bultii addaa Dasee ammoo barattoota 100 qofa simatee barsiisuu danda’a.
Daayireeltara mana baruumsichaa kan ta’an Obbo Fiqir Balaay akka jedhanitti naannoo Amaaraa keessaa barattoonni qormaata kutaa 8ffaa qabxii 85fi isaa ol fidan qormaata seensaa barnoota saayinsii, Ingiliffaafi Amaariffa irratti xiyyeeffate fudhachuun mana baruumsichaatti barachuuf carraa argatu.
Barattoota kaanif fakeenya
Barattoonni mana baruumsa Waldaa Misooma Oromiyaas ta’ee Walaayittaa Leeqaa hanga ammaa qormaata biyyoolessaa fudhatan hundi isaanii yuunivarsiitii galaniiru.
Barattoonni isaan biratti baratan yuunivarsiitidhaayis gaafa eebbifaman qabxii olaanan akka eebbifaman kan himan Obbo Daajaneen kanneen eebbifamanii hojiitti bobba’an illee akka jiran dubbatu.
Barattoota mana baruumsa bultii addaa Waldaa Misooma Oromiyaatti baratanii yuunivarsiitidhaa eebbifamuun hojiitti bobba’an keessaa tokko Galataa Tsaggaati. Galataan kitaabota sadi kan barreesse yoo ta’u amma Waldaa Misooma Oromiyaa keessatti qacaramee hojjataa jira.
Shawaa Lixaa Midaaqanyitti dhalatee kan guddate Galataan bara 2013 mana baruumsa addaa Waldaa Misooma Oromiyaa seene.
Mana baruumsaa kanatti barachuuf carraa argachuun “akka Ameerikaatti carraa barnootaa argachuuti” jechuun jireenyasaarratti jijjiirama bu’uuraa fiduuf akka isa gargaare dubbata Galataan.
Mandara xiqqoo keessaa bahee mana baruumsichaa gaafa seenu, “ilaalcha kootu jijjiirame. Dubbisuu, teekinoolojiifi laaboraatoorii wajjin kanan wal bare mana baruumsa bultii addaa kana keessatti” jedha.
Galataan qormaata biyyoolessaa qabxii olaanaa fiduun Yuunivarsiitii Haromaayaa seenun Fayyaa Hawaasaa barate. Yuunivarsiitin Haromaayaa achitti hafee akka barsiisuf gaafatus, Galataan waamicha Waldaan Misooma Oromiyaa godheef fudhatee waldicha waliin hojjataa jira.
Barattoonni mana baruumsa bultii addaa Walaayittaa Leeqatti baratanii yuunivarsiitii seenan [yeroo jalqabaaf] bara 2022tti gosa barnoota garaa garaan eebbifamaniiru.
Manneen barnootaa kana kan adda godhu hanga ammaa qormaata biyyoolessaa irratti barataan tokkollee jalaa kufee hin beeku.

Madda suuraa, MERSIMOY MERGA
Yuunivarsiitii Finfinneetti Daayirektara Qorannoo Barnootaa kan ta’an Dr. Balaay Hagoos akka jedhanitti manneen barnootaa kun barattoota jiru jedhaman dorgomsiisanii fudhachuun akka milka’aan isaan taasiseera.
Barattoonni isaan omishanis barattoonni warri kaan “daandeettin maal jechuu akka ta’e itti agarsiisun” fakkeenya gaarii akka ta’an dubbatu Dr. Balaay.
Daayireektarri Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Dajaneen ammoo milkaa’ina isaanif sababni kaayyoo qabatanii ka’an akka ta’e ibsu.
Obbo Dajaneen waldaasaanii yoo hundeessan hojiiwwan mootummaan hojjatu hojjachuuf kaayyoo hin qaban ture.
Wayita isaan mana barnootaa bulmaataa hundeessaniitti mootummaa maneen barnootaa waliin gahuuf haala cimaan hojjataa akka ture kan yaadatan Obbo Dajaneen, haata’u malee manneen barnootaa kanneen haala lammiilee gahuumsa qaban omishan irra hin turre jedhu
Qulqullinni barnoota kennanii gaaffii keessa seenee waan tureef, lammiilee biyya keessarra darbee waltajiiwwan idil-addunyaa irratti dorgomtoota ta’an qabaachuu kaayyoo taasifachuun manneen barnootaa kanneen banuu dubbatu.
‘‘Dorgomtummaan ijoollee keenyaa biyya keessatti qofaa osoo hin taane waltajjiiwwan idil-addunyaa irrattisi.’’ Kanaanis beekumsa saayinsii barataniitin alattis dhaloota aadaa, dudhaafi haala jireenyaa hawaasaa sirriitti baran, kabajaniifi eegan uummachuuf hojjataa jiraachu dubbatan.
Manni barnootaa saanii dandeettii qabaatanii garuu kanneen carraa hin arganneeffis waltajjiiwwan mijeessuun bu’aa qabeessa akka ta’an gochuuf kaayyoo qabatee ka’uu kaasu.
Obbo Maatusaalaan gamasaanitiin, Fulbaanarratti barri barnootaa wayita eegaluutti, maatiiwwan ijoolleefi manni barnootichaa waliigaltee akka walii mallatteessan dubbatu.
Waliigalteen kunis mikaa’inasaanii kan deeggare keessaa tokko ta’u dubbatu. Qabiyyee waliigaltichaa yoo ibsanis, ‘‘Waliigalteen kunis qabxiin barataa gadi yoo bu’e fi dhuma waggaattii qabxiin jiddugalaa parsanataa 75 gadi yoo ta’e, akka gaggeeffaman kan ibsuudha’’ jedhan.
Waggaa guutuu garuu barataadhaas deeggarsi, hordoffii fi hojiiwwan deeggarsaa akka kennaman dubbatu Obbo Maatusaalaan.
Barsiisonni wagga guutuu qabxii barattootaa hordofuudhaan deeggarsa akka taasisan kan kaasan Obbo Maatusaalaan, barattoonnis gaaffiiwwan qaban rakkoo tokkoo malee haalli baruu barsiisuu itti dhiyeessuu danda’an diriirfamuu dubbatu.
Gama kanaanis hojimaati mana barnoota Bultii Waldaan Misooma Oromiyaa kan Walaayitaatiin wal fakkaatadha.
Barataan Mana Barnootaa Bulmaata Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa turtii mana barnootichaa keessatti qabuutti qabxii parsantaa 79.09 gadii yoo argate, ni gaggeeffama. Kun akka hin taaneef ammo barsiisonni barataa gorsan ramadamaniiru.
Gaaffii kamuu yeroo kamiittu barsiisonni isaanis dhiheenyatti argamuun ni deebiisuuf. Ni gargaaru, ni ibsuuf. Galataa fi Marsiimooyis fayyadamtoota carraa kanaa ta’u turtii BBC waliin taasisaniin dubbataniiru.
Daareektarri Ittaanaan Mana Barnootaa Bulmaataa Addaa Dasee gama saanitiin, barattoonni wayita mana barnootichaa keessa turaniitti qaxbii waliigalaa parsantaa 85 akka galmeessaniif galmi kaa’amuun akka hojjatan ibsuun, barattoonni isaan gadi fidan yoo jiraatan garuu hordoffiifi deeggarsi ni taasisaaf jedhan.
Manni barnootaa Dassee kunis qabxii kana mirkanneessuuf jecha haala qaccarrii barsiiftootaa irratti sirna cimaa akka hordofu himu.
Barsiiftoonni manni barnootichaa qaccaruu hundisaaniis kan diigrii lammaffaa qaban akka ta’u akka eegamuu kan dubbata Daareektarri Itaanaan kun, diigrii lammaffaa isaanitiinis kan qabxii 3.5 fi isaan ol, diigrii jalqabaatiin ammo 3.0 kan qaba ta’u akka qabu dubbatu.
Isaan booda ammo Yunivarsitii Wallootti erga qormaata seensaa darbaniin booda akka mindeeffaman ibsan.
Giddu gala fakkeenyummaa
Raajii Ashannaafii bara 2014 yeroo Yuunivarsiitii Adaamaa Saayinsiifi Teeknolojii Adaamaa irraa gosa barnoota Fiizoiksiifi Herreegatiin digrii lamaan A+ 60 fiduudhan eebbifame.
Kanarraa ka’uun Ameerikaatti kan argamu Yuunivarsiitii MITtti kallattiin digrii 3ffaa akka baratuuf carraa barnoota bilisaas argatee argateera.
Manneen barnoota bultii barattoota qaroo akkasii omishan kunneen kanneen biroof fakkeenya gaarii kaa’aa waan jiran fakkaatu. Manneen barnootaa kanarraa fakkeenya fudhachuun naannon Oromiyaa manneen barnoota bultii dabalataa torba ijaarera.
Ministiirri Ministera Barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaa manneen barnoota bultii sadarkaa isaanii eeggatan 50 ijaaruf karoora qabaachuu yeroo tokko dubbatanii turan.
Manni baruumsaa kun manneen barnootaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman biroof giddu gala fakkeenyummaa ta’ee akka tajaajiluuf karoora isaanii akka ta’e dubbatu Obbo Dajaneen.
Wiirtuu fakkeenyummaa ta’uu bira darbee manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman gidduutti morkiifi dorgommii uumuf karoora isaanii akka ta’e himu.
Kuni ammoo manneen barnootaa barattoota qabxii gaarii qaban akka omishan, gama biraan ammoo qulqullina barnootaa eeguf akka gargaaru ibsu Obbo Dajaneen.
Barataan milkaa’aa yoo ta’e manni baruumsaa sunis milkaa’era kan jedhan Dr. Hagos manni barnootaa kun kanneen biroof fakkeenya ta’uu bira darbee bakka itti hojjatanii agarsiisan ta’uu qaba jechuun gorsu.
Manni baruumsa isaanii manneen barnoota naannolee biroof illee muuxannoo qoodaa jiraachuu kan himan Obbo Dajaneen Oromiyaatti aanaalen muraasni muuxannoo isaanirraa fudhachuun dareewwan barattoota ciccimoo itti deeggaran hundeessuu himu.
Manneen barnoota bultii bakkeewwan garaa garaatti banamuun gaarii ta’uu kaasanii kanneen banaman kana galmaan gahuuf muuxannoon isaanii barbaachisaa akka ta’e amanu.
Manneen barnootaa kun yeroo ammaa modeelii manneen barnoota bultii kan hordofan ta’uu kan himan Dr. Balaayi, barattoonni mana isaanirraa osoo hin fagaatin, barnoota isaanirraa osoo adda hin bahin qophaatti haala itti deeggarsa argataniifi isaanis warra kaanif deeggarsa kennanif warra kaan wajjin ta’uun modeeliin bu’a qabeessa itti ta’an jiraachuu himu.
Dareewwan kunneen kutaa gadii irraa kaasee hanga sadarkaa lammaffaatti gurmeessun kanneen baay’ee saffisan akkaataa saffisa isaanitti gargaarun barsiisun ni danda’ama jedhu.
Barattoota kanaaf karoora barnootaa, barsiisotaafi leenjiin addaa akka isaan barbaachisufi qulqullina barnootaf illee gumaata akka qabu ibsu.
Bu’uuralen misoomaa hangam guutamaniidha?
Yuunivarsiitii Finfinneetti Daayireektara Dhaabbata Qorannoo Barnootaa kan ta’an Dr. Balaay Hagoos barnootatti milkaa’aa ta’uuf wantoota murteessaa ta’an keessaa fedhii, yaaliifi dhamaatiin barataa murteessaa akka ta’e himu.
Fedhii barattoonni barnootaf qabaniifi dhamaatii isaanii utubuuf barsiisotaafi meeshaalee baruumsaf gargaaran guutuu, haala barnootaf mijataa ta’e uumun murteessaa akka ta’e kaasu.
Manni baruumsa bultii Dasee barattoota simatee barsiisuu erga eegalee kaasee rakoolen garaa garaa isaan mudachuu daayireektarri ittaanan mana baruumsichaa ni dubbatu.
Keessumaa sababa Koronaa vaayirasitiin walakkaa waggaaf baruumsi addaan citee turuu hima. Isa booda ammoo sababa waraanatiin bu’uuralen barnootaa heddu akka manca’e dubbatu Obbo Fiqir Balaay.
Waraana Kaaba Itoophiyaa dura manni baruumsichaa kutaa yaalii saayinsii sadi, wiirtuwwan ICT sadiifi manni kitaabaa Yuunivarsiitii Wallootin qindaa’ee akka ture dubbatu.
Sababa waraanatiin bu’uuraalen barnootaa kunneen manca’anii kaan ammoo fudhatamanii turan amma kompiitaroonni suphamanii laabrariin ICT tokko jiraachufi kutaan yaalii saayinisii deebisanii dhaabuf rakkoo galtee qabaachuu ibsa.
“Mana baruumsa idilee irraa addatti bu’uuraalee misoomaa adda ta’e hin qabnu,” jechuun bakki ispoortii illee akka hin jirre dubbatu barsiisan kun.
Milkaa’ina barattoota kanaaf tattaafi barattootafi cimina barattootaa akka ta’es himu.
Manni baruumsi bultii Waldaa Misooma Oromiyaatin hundaa’e garuu barattoota qofaaf osoo hin taane barsiisotaaf illee iddoo bultii kan qabuufi bu’uuraalee misoomaa guutuu akka qabu ibsu Obbo Dajaneen.
Miseensota isaanirraa deeggarsa godhameen kutaalee yaalii saayinsii, laayibrariifi kutaalen ICT guutamuu dubbatu.
Daayirekatara mana baruumsa addaa Walaayittaa kan ta’an Obbo Maatusaalan gama isaanitiin, “Haala baruufi barsiisuu mijataa uumuuf wantoota heddutu nu hafa,” jechuun manni baruumsa isaanii hanqina faayinaansii akka qabu dubbatan.
Kutaalee yaalifi laayibrarii irratti hanqina qabaachuu himuun humna qabaniin barattoota gahoomsuu irratti xiyyeeffatanii hojjataa jiraachuu himan Obbo Maatusaalan.
Gama biraan barattoonni mana baruumsa bultii addaa Adaamaa carraa barnootaa argatanii biyyoota garaa garaa gaafa deeman rakkoon akka isaan hin mudanneef afaan biyyoota garaa garaa barataa akka jiran himu Obbo Dajaneen.
Barattoonni mana baruumsichaa BBCn haasofsiises kanuma mirkaneessu. Barataa Marsiimoyi “Chaayiniffas Amaariffas kanin baradhe mana baruumsa bultii keessatti” jedha.
Afaan barnootatiin alatti afaan tokko dabalataan barachuun mana baruumsichaatti dirqama jedhu Obbo Dajaneen. Kanaan alatti afaanota jiran barattoonni fedhii isaanitiin baratu.
Afaanonni akka Chaayiniffaa, Arabiffa, Faransaayiffa, Ingiliffa, Afaan Kooriyaa mana baruumsa bultii addaa kana keessatti akka kennamu ibsu Obbo Dajaneen.
“Barataa afaan torba dubbatu qabna,” jedhu.












