Embaasiin Ameerikaa Asmaraatti argamu waggaa torba booda tajaajila viizaa kennuu jalqabe

Embaasiin Ameerikaa Asmaraatti argamu, torban dhufurraa eegalee tajaajila viizaa waggaa torbaaf addaan citee ture akka jalqabu Ebaasichi beeksise.

Hata'u malee, Seera Immigireeshiniifi Lammumma kutaa 243 (C) jalatti ifatti lammileen Ertiraarra dhorkaan viizaa jiru akkuma jirutti akka itti fufu Embaasiin Ameerikaa Asmaraa jiru kun ibsa fuula marsariitii isaaratti beeksiseera.

Dhorkaan viizaa kaa'ame aanga'oota mootummaa ertiraa sadarkaa daarekatara olaanaa ol jiran, aanga'oota paartii biyya bulchaa jiru Paartii Ummataa Dimokiraasiifi Haqaaf (IGDAF) keessa hojjetan kan ilaallatudha.

Dabalataanis, namoota aanga'oota kana waliin hariiroo gaa'elaa qabaniif ijoolleen isaanii umuriin waggaa 21 ol ta'anirratti dhorkaan kun hojiirra ni oola.

Namoota kenneen ala kan ta'an Ertiraanonniifi lammileen Eritiraa jiraatan tajaajila viizaa argachuu akka danda'an beeksisa Embaasichaarratti eerameera.

Mootummaan Ameerikaa waggoota sadiin dura bara 2021 waraana Tigraay tureen walwabatee sababa sarbama mirgoota namoomaa raawwatameen aanga'oota Ertiraarra qoqqobbii kaa'eera.

Baruma sana keessa ji'a hagayyaa keessa Ameerikaan Tiriizhariin Itaamaajor Shuumii Humna Ittisaa Ertiraa Fili[hoos Waldeyohaannis galme gur'aacha keessa galchu ibsee ture.

Boodarras itti-gaafatamaa Tika Biyyaalessaa Ertiraa B/Jeneraal Abrahaa Kaasaa Maariyaamiifi Itti=gaafatamaa dhimmoota dinagdee IDGAF Obbo Hagoos Gabre-hiwoot irra qoqqobbii kaa'uun isaa ni yaadatama.

Ertiraan qoqqobbii aanga'ootasheerra kaa'ameef deebii kenniteen, "gocha seeraan alaa" ishee gaddisiise ta'uu ibsuun, "himannaa bu'uura hin qabneefi qabatamaa hin taane, akkasumas maqa-balleessiidha," jechuun fudhatama dhabsiisteetti.

Hariiroon Ertiraafi Ameerikaa gidduu jiru walumaagalatti waggoota gara duraa yeroo walabummaa ertiraarra gaarii ture. Waraana Itiyoo-Ertiraan booda garuu hariiroon biyyoota lamaanii gufuu godhate.

Akkaataa Ertiraan mirgoota namaa ittiin qabdu, tajaajila biyyaalessaa dirqama ta'eefi hacuuccaa siyaasaa cimisitee kan balaaleffattu Ameerikaan, "walitti bu'insa qaxanaa sana keessatti hirmaannaa qabaniin garee finxaaleyyii deeggeraniiru," jechuun biyyattiifi aanga'ootasheerra qoqqobbii keesseetti.

Qoqqobbiiwwan kunneen meeshaa waraanaa daddabarsuu, akkasumas sochiin aanga'oota Ertiraa akka daangeffamu taasiseera.

Biyyoota Gamtoomaniitti Koreen Adda baasu mootummaan Ertiraa Al-Shabaabiin akka deeggaru gabaasa dhiyeesseen, Manni-Maree Nageenyaa Eritiraarra qoqqobbii kaa'uun isaa kan yaadatamu yoo ta'u, kun ammoo turtii waggaa kudhaniin booda waggaa afur dura irraa ka'uun isaa ni yaadtama.

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii caraawwan gara garaafi gaaffiifi deebii taasisanirratti Ertiraa qofa osoo hin taane guutmmaa addunyaa miidheea jechuun imaammata warra Lixaa Ameerikaan durfamu qeeqaniiru.

Mootummaan Ertiraa bulchiinsi pirezidantonni duraanii Ameerikaa akka baaraak Obaamaa, Joorj W Bush fi Biil Kilintan "imaammata dogogoraa" hordofu jechuun qeequ.