Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
"Gareen TPLF waraana bifa haaraan eegale" jechuun mootummaan himate
Humnoonni Tigraay naannawa daangaa Naannoo Amaarafi Tigraayiti waraana bifa haaran eegalan jechuun mootummaan Itoophiyaa himate.
Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa ibsa baaseen, har’a barii sa’a 11:00 irratti humnootni TPLF adda waraanaa Bahaan: Bisoobar, Zoobilii fi karaa Tekulash haleellaa bananiiru jedhe.
Himannaan mootummaa kun kan dhagahame, har'a ganama TPLF "humnoonni mootummaa waraanaa bal'aa nurratti eegalan" jechuun erga himatee boodadha.
Humnooni Tigraay walii galtee dhukaasa dhaabuu deeggarsa namoomaa ji'a Bitootessaa keessa labsamee ture cabsuu ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa ni agarsiisa.
Waraana har'a ganama bifa haaraan eegalame jedhame kanaaf humnoonni lachuu gamaa gamanaa wal himataa jiru.
Mootummaan ibsa baase kanaan, humnoonni mootummaa haleellaa humnoonni TPLF irratti gaggeessan "milkaa'inaan" ofirraa qolataa akka jiru beeksise.
Lolli bifa haaran eegale kun rakkoolee namoomaa duraanuu haalan hammaataa ture caalmatti rakkisaa taasisa jedhamee yaaddoo uumee jira.
"Garee shorokeessaa kana gara mariitti fiduuf tarkaanfii barbachisu hunda ni fudhanna"
Waraana guyyaa har'aa bifa haaraan eegale kana dursee kan himate garee TPLF dha.
Itti aansun mootummaan waraanicha kan eegale garee TPLF dha jechuun ibsa baase.
Mootummaan ibsa isaa keessatti, "Yeroo dhiyoo as jaleewwan isaa guutuu addunyaa keessaa jiran bakka rafanii turanii dadammaquun isaanii duula waraanaa kana piroppaagaandadhaan dabaaluf kan kaayyeeffateedha" jedha.
"Raakkoon guutummaa Itoophiyaa furmaata kan argatu karaa nagaa qofaani kan jedhu ibsi mootummaa kun "garichi jaalatees jibbes gara filannoo nagaatti akka dhufu gochuuf mootummaan tarkaanfii barbaachisu hunda ni fudhata" jedha.
Filannoo karaa nagaa dhugoomsuuf koree Nagaa hundeessuun hojiitti galchuu fi meesaalee barbaachisoon gara Tigiraayitti akka geeffaman gochuu mootummaan ibsee jira.
Ibsi mootummaan baase kun humnootni TPLF ji’oota Jahan darban keessa, "Marfamicha ni cabsina, human keenyatti amanna, lafa Tigiraay weerarame ni deebisna,’’ jechuun dhaadachaa turan jedhe.
Torban darbee kaasee ji'ootaaf dubbii ijoo kan ture dhimmi marii araaraa TPLF fi Mootummaa Federaalaa danqamaa akka jiruufi waraanni akka haaraatti eegaluufi dubbiin jedhu dhagaahamaa tureera.
Waraana Waliinii Itoophiyaa erga eegalee ji'ootni 20 ol lakkaawwan kana xumuruuf tattaaffii godhamuuf mootummaan Itoophiyaa garee marii irratti hirmaatu ijaaree qajeelfama marii araaraa kana ilaallatus qopheessuu ibseera.
Dabalataan mootummaan humnootni TPLF deeggarsa alaa argatan waliin tahuun waraanicha itti fufuuf fedha akka qaban agarsiisaa turan jedhe.
Mootummaan kana haa jedhu malee TPLF ulaagaawwan marii nagaaf barbaachisan lafa gochuun karaa nagaa xumuruuf fedha akka qabu ibsaa ture.
Marii Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffama jedhamee eegamaa tureefis qophii akka tahan ibsaniiru.
Garuu TPLF mariachi Gamtaa Afrikaa caalaa jaarsummaa pirezidaantii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan akka gaggeeffamu barbaadu.