Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humnoonni Tigraay 'haleellaan nurratti baname' jechuu mootummaan Itoophiyaa 'soba' jedhe
Himannaan humnoonni Tigraay adda waraanaa gara garaatiin haleellaan nurratti baname jedhan dhara ta’uu dubbi-himtuun waajjira ministira muummee Itoophiyaa Biillenee Siyyum himte.
Biilleneen ibsa gaazexeesssitootaaf Kamisa Finfinneetti kenniteen himannichi marii nagaa irratti hirmaachuu jalaa "miliquufi" jette.
Ajajni jiddu-galeessaa waraanaa Tigiraay ibsa Roobii galgala baaseen waraanni mootummaa Itoophiyaa humnoota Tigraay irratti taankii fi meeshaalee gurguddoon haleellaa sa'aatii tokkoof ture raawwachuu hime.
"Haleellaa kaleessaa dabalatee gaggeesitootni Itoophiyaa Lixi Tigiraay qaama Tigiraay akka hin taaneef shira waraanaa fi siyaasaa gaggeesuu cimsanii itti fufaniiru,'' jedhe ibsichi.
"Haleellaan kun Lixa Tigiraay bilisa baasuu fi jiraattota qe'ee isaanii irraa buqqa'an qe'ee isaaniitti deebisuuf tarkaanfii humnaa akka fudhannu nu dirqiisas'' jedhe.
Ibsi kun kan bahe koreen nagaa mootummaan federaalaa Itoophiyaa TPLF waliin akka mari'atu hundeesse, qaamoleen lamaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuun mariin nageenyaa Gamtaa Afrikaa jalatti hatattamaan akka jalqabu erga gaafatee booda.
Ibsi humnoonni Tigraay waraanni mootummaa federaalaa haleellaa 'nurratti banan' jechuun baase marii nagaa itti adeemamaa jiru irratti hirmaachuu dhiisuuf sababa kaa'amaa jirudha jetti Aadde Billaneen.
Waraana hamaa Kaaba Itoophiyaatti ji'oota 20 oliif deemaa jiru dhaabuuf carraaqqiin taasifamu baatiiwwan dhiyoo asitti haala gaariin deemaa turus, guyyoota muraasa darban garuu qaamoleen lachanuu jechoota jajjaboo walitti deddebisuutti jiru.
Humnoonni Tigraay mootummaan yeroo dabalataa argachuuf jecha mariin akka harkifatu taasisaa jira jechuun himatu.
Yaada daarektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tediroos Adihaanom tibba kana 'gidiraan Tigraay keessa jiru xiyyeeffannoo addunyaa maluuf hin arganne; kun ammoo sababa 'bifa gogaatiif ykn [sanyummaatiif] jechuun dubbatan mootummaan akka qeequs kaasteetti.
"Yaadni daarektara olaanaa WHO kun kan nama ajaa'ibus miti. Kunis akkuma yaadawwan safuu hin qabne kanaan dura dhiyeessaa turan keessaa tokkooti.
Anaa haa nyaatuu warra Lixaa argachuuf jecha aangoo guddaa kana ejjennoo dhuunfaa ooffachuuf kaardii sanyummaa fayyadamuun waan hin malle,'' jette Billanee Siyyum.
Dubbii Daariktera Ol aanaa WHO Dr Teediroos Adaanoom, UN akka qoratus abdii qabna jette.
Tajaajila bu'uuraa Tigiraayitti deebisuufi marii nageenyaa
Waraana Kaaba Itoophiyaa dhiiga kumaatamootaa dhangalaase marii nagaan xumuruuf koreen mootummaan federaalaa TPLF waliin akka mari'atu hundeesse, mariin akka eegalu ariitiin waliigalteen 'dhukaasa dhaabuu' akka raawwatu gaafateera.
Korichi ibsa kenneen waliigalteen dhukaasa dhaabuu raawwachuun gargaarsi namoomaa akka dhaqqabu, tajaajilawwan bu'uuraa akka deebi'an akkasumas waraanichi karaa nagaa furmaata akka argatu barbaachisaadha jedhe.
Waliigalteen 'dhukaasa dhaabuu' akkuma raawwateen haala mijataa uumamutti fayyadamuun, "tajaajilawwan bu'uuraa ariitii danda'ameen deebisuuf qophiin godhamaa jira" jedheera.
Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa garuu ibsa koree nagaa kana, "hawwaasa idil-adunyaa gowwoomsuuf hojii burjaajessuuti'' jechuun fuula Tiwiiterii isaanii irratti barreessan.
Haatahu malee tajaajiloota naannichaa sababa waraanaan manca'an deebisuun qaamolee lamaan irraa tumsa akka barbaadu Billaneen himte.
''Kun waanuma gidduugaleessa irraa cuftee bantu miti. Tajaajiloota kanneen deebisuuf gara naannichaatti imaluu gaafata. Kun ammoo waajjiraalee hedduu gara bakkichaatti sochoosu barbaada. Qaamolee kaan waliinis nageenyaan hojjechuu barbaachisa.
Akkamiin tajaajilicha deebisuu qabna kan jedhu irratti qaamni tokko fedha yoo hin qabaanne akkamiin deebisuu dandeessa?'' jette Billaneen ibsa kenniteen.
Waraana Kaaba Itoophiyaa ji'oota 20 oliif turetti xumura gochuuf mootummaan Itoophiyaa Gamtaa Afrikaa jalatti marii nagaa gaggeesuuf qophii tahuu ibseera.
TPLF garuu pirezidaantii Keeniyaa yeroon aangoo isaanii xumuramaa jiru Uhuuruu Keeniyaataa jalatti akka gaggeeffamu barbaadu.
Sababa waraana Kaaba Itoophiyaan kumaatamni lubbuu dhabanii Miliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaanii irraa godaananiiru.