Aadde Melaatewarq walitti-qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa ta'uun muudamte

Aadde Melaatewarq Hayiluu

Madda suuraa, House of Peoples Representative

Manni-maree Bakka Bu'oota Ummataa Aadde Melaatewarq Hayiluu walitti-qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa gochuun muude.

Manni-marichaa walga'ii Mudde 19, 2023 gaggeessaa jiruun muudama Aadde Melaatewarq nama sagalee kennuurraa of qusate tokkoon ala sagalee guutuun raggaasiseera,

Miseensota mana-maree keessa muudama walitti-qabduu Boordii kana kan morme hin jiru.

Yunivarsiitii Harvaard irraa kan eebbifamte Aadde Melaatewarq Hayiluu, walitti-qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa shanaffaa ta'uun mana-maree duratti dhiyaaachuun kakuu raawwataniiru.

Walitti-qabaa Boordichaatiif kaadhimamtoonni lama toban lama dura Ministira Muummeetiif dhiyaachuun isaanii ni yaadtama.

Akka Heera Mootummaa keewwata 102tti walitti-qabaa boordii filannoo dabalatee miseensonni boordii kan muudaman ministirri muummee dhiyeessee manni-maree bakka bu'oota ummataa raggaasisa.

Akka labsii hundeeffama boordii filannoo biyyaalessaatti, walitti-qabaan boordichaa hariiroo boordichi qaama sadaffaa waliin qabaatu bakka bu'uudhaaf aangoo qaba. Dabalataan, Qajeelfama hojii boordii filannoo biyyaalessaaf kora waamuufi gaggeessuufis aangoon kennameeraaf.

Walitti-qabaa boordichaa akka ta'aniif kaadhimummaatiin kan dhiyaatan Aadde Melaatewarq Hayiluufi Obbo Taaddasaa Lamaa turan.

Kadhimamtoota lamaan akka kaadhimamtoota dhumarratti calalamanii filatamaniitti kan ministira muummeetiif dhyeesse ammoo koree kaadhimamtoota akka calalaniif ministirri muummee hundeessanidha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Koreen kunis A L I Sadaasa 03, 2016 irraa kaasee guyyoota kudhaniif walitti aansuun kaadhimamtoota fudhataa tureera.

Guyyoota kana keessatti kaadhimamtoota 56 koree kanaaf dhiyaatan keessaa dubartoonni afur yoo ta'an, kan hafan 52 ammoo dhiirotadha.

Koree kaadhimamtoota filatu kan dursan barreessaan waliigalaa Yaa'ii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Qasiis Taagaay Taaddalaa marsaa sadiitiin kaadhimamtoota shan adda baasuu isaa ibsa A L I Sadaasa 22 kenneen beeksiseera.

Koreen kun dhumarratti kaadhimamtoota lama adda baasuun ministira muummeetiif dhiyessuu isaa ifa godheera.

Koreen kaadhimamtoota filatu kun kaadhimamtoota dhumaa gochuun ministira muummeetiif kan dhiyeesse Aadde Melaatiwarq Hayiluu fi Obbo Taaddasaa Lammaa ta'aniiru.

Aadde Melaatiwarqis ta'an Obbo Taaddasaan itti-gaafatamummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaatiif haaraa miti.

Kaadhimamtoonni lachanuu Boordicha itti-gaafatamummaa gara garaarra tajaajilaniiru.

Aadde Melaatiwarq waggoota lamaaf hoji-raawwachiiftuu Boordii filannoo Biyyaalessaa ta'uun hojjetaniiru. Obbo Taaddasaan ammoo itti-gaafatamaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa damee Benishaangul Gumuziiti.

Boordicha hooganuun dubartii sadaffaadha

Aadde Melaatewarq Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa walitti qabduu taatee hogganuun dubartii sadaffaa taateetti.

Dubartiin jalqaba walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa turte Saamiyaa Zakkaariyaa turte. A L I bara 2010 kan muudamte Saamiyaan Boordicha waggaa tokko qofaaf hoggante.

Saamiyaan fedhiisheetiin aangoo gadhiisuushee hordofee Boordichatti dubartii walitti qabduu ta'uun kan muudamte Burtukaan Miidhagsaa turte. Burtukaan waggaa shan dura A L I Sadaasa 13, 2011 ture kan muudamte.

Muudamni Burtukaan parlaamaarratti wayita raggaasifametti MM Abiy Ahimad, "Burtukaan mootummaafillee taanaan harka kan hin kennine, seeraafi sirnaaf amantaa cimaa kan qabdudha," jechuun jajatanii ture.

Duraan nama siyaasaa kan turte Burtukaan Miidhagsaa, erga aangoo Boordii Filannoo walitti qabuu qabatteen booda; filannoo biyyaalessaa ja'aaffaafi kibba Itoophiyaatti murtee uummataa sadii gaggeessiteetti.

Burtukaan Boordicha waggaa afuriifi walakkaa erga hoggantee booda Hagayya darbe fayyaashee "sirnaan eeggachuuf boqonnaa yeroo dheeraa" akka ishee barbaachisu ibsuun ture aangoo kan gadhiiste.

Aadde Melaatewarq Hayiluu eenyu?

Aadde Melaatiwarq osoo gita walitti-qabduutti hin dhufiin dura Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa itti-gaafatamummaa gara garaarra tajaajilaniiru.

Kanaan dura waggoota lamaaf hoji-raawwachiiftuu Boordii Filannoo Biyyaalessaa kanaa ta'uun hojjetaniiru.

Yunivarsiitii Finfinneerraa barnoota Seeraan kan eebbifaman Aadde Melaatiwarq, Komishinii Gumuruka Itoophiyaatti ture hojii kan eegalan.

Komishinichatti qondaala Seeraa Gumuruka sadarkaa jalqabaarraa hanga itti-gaafatamtuu oppereeshiniitti hojjetaniiru.

Yunivarsiitii Kollejjii Niiwu Jenereshinii hundeessuu keessatti gahee kan qaban Aadde Melaatiwarq, dhaabbata tajaajila gorsa seeraa kennus hundeessanii ture.

Aadde Melaatewarq digirii jalqabaasaanii Yunivarsiitii Finfinnerraa erga fudhatanii booda IPSS irraa ammoo Digirii Maasters (MA) argataniiru.

Dabalataanis, Yunivarsiitii Harvaard, Mana-barumsaa Kenediirraa ammoo bulchiinsa ummataan MA biraa qabu.

Namoonni itti dhiyeenyaan beekan, dubartiin walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaaf muudamte kun, dhimmoota hojii kanaan walqabatan keessatti muuxannoo bal'aa akka qabdu dubbatu.