Namoonni Boordii Filannoo hogganuuf kaadhimaman eenyufaadha?

Madda suuraa, NEBE
Baatii sadii dura aangoo kan gadhiiste walitti qabduu Boordii filannoo Biyyaalessaa Birtukaan Miidhagsaa bakka buusuuf kaadhimamtoonni lama Mudde 1, 2023 Ministira Muummee Abiy Ahimadiif dhiyaataniiru.
Hojii kaadhimamtoota kanneen adda baasuu kan raawwate ammoo koree Ministirri Muummee hundeessanidha.
Labsiin Boordii filannoo hundeessuu ALI 2011 ji'a Caamsaa keessa raggaasifame, "ministirri muummee koree [Boordii Filannoo] kaadhimamtoota miseensa boordii filatan akka hundeessan," ibsa.
Bu'uuruma kanaan MM ji'a tokko dura koree miseensota saddet of keessaa qabu hundeessanii ture.
Koreen kunis A L I Sadaasa 03, 2016 irraa kaasee guyyoota kudhaniif walitti aansuun kaadhimamtoota fudhataa tureera.
Guyyoota kana keessatti kaadhimamtoota 56 koree kanaaf dhiyaatan keessaa dubartoonni afur yoo ta'an, kan hafan 52 ammoo dhiirotadha.
Koreen kaadhimamtoota filatu barreessaan waliigalaa Yaa'iin Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Qasiis Taagaay Taaddalaa dursan marsaa sadiitiin kaadhimamtoota shan adda baasuu isaa ibsa A L I Sadaasa 22 kenneen beeksiseera.
Koreen kun dhumarratti kaadhimamtoota lama adda baasuun ministira muummeetiif dhiyessuu isaa ifa godheera.
Koreen kaadhimamtoota filatu kun kaadhimamtoota dhumaa gochuun ministira muummeetiif kan dhiyeesse Aadde Melaatiwarq Hayiluu fi Obbo Taaddasaa Lammaa ta'aniiru.
Ministirri muummichaas kaadhimamtoota kanneen lamaan keessaa walitti qabaa Boordii Filannoo ni ta'u kan jedhan paarlaamaaf dhiyeessanii akka muudamu taasisu.
Akka Heera Mootummaa Itoophiyaa keewwata 102tti walitti-qabaa boordii filannoo dabalatee miseensonni boordii kan muudaman ministirri muummee dhiyeessanii mana-maree bakka bu'oota ummataatiin.
Waa'ee kaadhimamtoota kanneen kan beeknu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Melaatiwarqis ta'an Obbo Taaddasaan itti-gaafatamummaa Boordii Filannoo Biyyaalessaatiif haaraa miti. Kaadhimamtoonni lachanuu Boordicha itti-gaafatamummaa gara garaarra tajaajilaniiru. Aadde Melaatiwarq waggoota lamaaf hoji-raawwachiiftuu Boordii filannoo Biyyaalessaa ta'uun hojjetaniiru.
Yunivarsiitii Finfinneerraa barnoota Seeraan kan eebbifaman Aadde Melaatiwarq, Komishinii Gumuruka Itoophiyaatti ture hojii kan eegalan.
Komishinichatti qondaala Seeraa Gumuruka sadarkaa jalqabaarraa hanga itti-gaafatamtuu oppereeshiniitti hojjetaniiru.
Yunivarsiitii Kollejjii Niiwu Jenereshinii hundeessuu keessatti gahee kan qaban Aadde Melaatiwarq, dhaabbata tajaajila gorsa seeraa kennus hundeessanii ture.
Aadde Melaatewarq digirii jalqabaasaanii Yunivarsiitii Finfinnerraa erga fudhatanii booda IPSS irraa ammoo Digirii Maasters (MA) argataniiru. Dabalataanis, Yunivarsiitii Harvaard, Mana-barumsaa Kenediirraa ammoo bulchiinsa ummataan MA biraa qabu.
Namoonni itti dhiyeenyaan beekan, dubartiin walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaaf kaadhimamte kun, dhimmoota hojii kanaan walqabatan keessatti muuxannoo bal'aa akka qabdu dubbatu.
Aadde Melaatewarq muuxannoofi barumsa qabduun qalbii MM argattee yoo filatamteef Boordii Filannoo Biyyaalessaa walitti qabduu taatee hogganuun dubartii sadaffaa taati.
Dubartiin jalqaba walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa turte Saamiyaa Zakkaariyaa turte. A L I bara 2010 kan muudamte Saamiyaan Boordicha waggaa tokko qofaaf hoggante.
Saamiyaan fedhiisheetiin aangoo gadhiisuushee hordofee Boordichatti dubartii walitti qabduu ta'uun kan muudamte Burtukaan Miidhagsaa turte. Burtukaan waggaa shan dura A L I Sadaasa 13, 2011 ture kan muudamte.
Muudamni Burtukaan parlaamaarratti wayita raggaasifametti MM Abiy Ahimad, "Burtukaan mootummaafillee taanaan harka kan hin kennine, seeraafi sirnaaf amantaa cimaa kan qabdudha," jechuun jajatanii ture.
Duraan nama siyaasaa kan turte Burtukaan Miidhagsaa, erga aangoo Boordii Filannoo walitti qabuu qabatteen booda; filannoo biyyaalessaa ja'aaffaafi kibba Itoophiyaatti murtee uummataa sadii gaggeessiteetti.
Burtukaan Boordicha waggaa afuriifi walakkaa erga hoggantee booda Hagayya darbe fayyaashee "sirnaan eeggachuuf boqonnaa yeroo dheeraa" akka ishee barbaachisu ibsuun ture aangoo kan gadhiiste.
Aangoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa kana walitti qabuu qabachuuf namni biraan kaadhimame Obbo Taaddasaa Lammaati. Obbo Taaddasaan itti-gaafatamaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa damee Benishaangul Gumuziiti.
Obbo Taaddasaan gaheessa umuuriin isaa waggaa 48 yoo ta'u, barumsa sadarkaa tokkoffaafi lamaffaa kan barate naannoo Benishaangul Gumuz, Godina Matakkal Aanaa Bulan keessattidha.
Kollejjii Barsiisotaafi Fayyaa Gambeellaa keessatti barsiisummaan leenji'eera. Itti aansuunis Kollejjii Barsiisotaa Kotabeettis afaan Ingliziitiin barsiisummaan dippilomaatiin eebbifameera.
Obbo Taaddasaan erga dippiloomaa argateen booda mana-barumsaa sadarkaa tokkoffaatti barsiisaafi daarektara ta'uun hojjeteera.
Obbo Taaddasaan dippiloomaa barachuun waggaa ja'aan booda Yunivarsiitii Baahir Daar irraa afaan Ingiliziifi Og-barruutiin digirii jalqabaa argateera.
Waggaa sagal dura digirii isaa kan barate Obbo Taaddasaan, waajira barnootaa aanaa Bulan irraa kaasee hanga Komishinii Farra Malaammaltummaatti ogeessa leenjii ta'uun hojjeteera.
Dabalataanis mana-murtii Waliigalaa naannichaatti daarektara dubbi-himaa ture. Obbo Taaddasaan bara darbe Yunivarsiitii Wallaggaarraa barnoota Hariiroo Idil-addunyaatiin digirii Maastersii (MA) argateera.
Hoj-manee walitti qabaa/duu boordii itti aanu
Obbo Taaddasaas ta'e Aadde Melaatiwarq walitti qabaa Boordichaa ta'uun yoo filataman, hojiin walitti qabduun duraanii hin xumuriin hafte isaan eeggata. Hojiiwwan kunneen keessaa tokkoofi inni guddaan biyyattii keessatti bakkawwan filannoon itti hin gaggeeffamiin hafanitti filannoo gaggeessuudha.
Naannoo Tigraay kan waraanni waggoota lamaaf itti gaggeeffamaa turetti filannoon paarlaamaas ta'e kan mana-maree naannoo hin gaggeeffamne.
Naannichi waggoota sadan darbaniif mana-maree bakka bu'oota ummataatti bakka bu'aa hin qabu. Manni-maree naannichaa kanaan dura tures aangoo isaa bulchiinsa yeroo MM Abiy hundeessanitti dabarsee kenneera.
Boordichi A L I bara 2016 naannicha keessatti filannoo gaggeessuuf karoora qabachuu parlaamaatti beeksisee ture. Walittiqabaan Boordichaa itti aanu karoora kana ni milkeessuu kan jedhu adeemsa keessa kan ilaalamu ta'a.
Filannoon kan itti hin gaggeeffamiin naannoo Tigraay qofa miti. Bakka Obbo Taaddasaa Lammaa itti dhalate naannoo Benishaangul Gumuz keessattis bakkawwan tokko tokkottis filannoon hin gaggeeffamne.
Filannoo Biyaleessaa ja'affaa irratti naannicha keessatti mootummaa hundeessuuf sagalee dandeessisu paartiin siyaasaa argate hin jiru.
Miseensota mana-maree naannichaa 99 keessaa dhibba keessaa harka 72 kan ta'u filannoo waggaa sagal dura gaggeeffameen ture mana-maree kan galan. Waggoota sagal darban keessa ammoo wantoonni hedduu jijjiiramaniiru.
Waggaa sagal dura filannoo bara 2007 naannichatti paartii biyya bulchu ta'ee kan durgome Paartiin Dimokiraasii Ummattoota Beneshaangul Gumuz ture.
Paartiin kun amma diigamee amma Paartii Badhaadhinaa ta'eera. Filatamtoonni Paarticha bakka bu'anii mana-maree naannichaatti makaman ammallee achuma jiru.
Hanga ammaatti deebii argachuu baatus paartileen naannicha keessa socho'an akka A L I dhuma irraa kaasee naannicha keessatti filannoon akka gaggeeffamu gaafachaa jiru.
Akka naannoo Tigraay fi Beneshaangul Gumuz ta'uu baatus naannoo Amaaraa fi naannoo Oromiyaatti ammoo godinaalee Wallaggaa keessatti sababa nageenyaatiiin filannoon hin gaggeeffamne.
Boordichi bakkeewwan kanneenitti baruma kana filannoo gaggeessuuf karoora qabateera.
Filannoon naannoos akkuma kana hoj-manee walittiqabaa boordii filatamuuf jiru kanaati.
Itoophiyaatti yeroo dhumaatiif filannoon naannoo kan gaggeeffame waggoota 11 dura A L I bara 2005 ture. Paartileen siyaasaa filannoon naannoo yeroo gabaabaa keessatti akka gaggeeffamu fedhii qabu.
Namni walittiqabaa Boordichaa ta'ee filatame fedhii paartilee siyaasaa kana milkeessuu ni danda'aa laata?












