Yaalii Itoophiyaan mukkeen biiliyoona 20 dhaabuuf taasiftu milkaa’aa jiraa?

    • Barreessaa, Soraya Ali
    • Gahee, BBC News

Bara 2019 keessa duula biqiloota biiliyoona 20 dhaabuufan jira jechuun mataduree dubbii taatee kan turte Itoophiyaan, karooraa ol milkeesseen jira, ammas garuu ittan fufa jetti.

Lakkoofsonni dhaga’aman ajaa’iba, 2019 keessa inumayyuu guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 350 ol dhaabneerra jechuun, mootummaan himee ture. 

Biyya hongee, walitti bu’iinsaafi dabaluu baay’ina ummataa falmachaa jirtu kana keessatti garuu, hagam duulli mukkeen hedduu dhaabuu milkaa’aa jira kan jedhu ifa miti. 

Akka deggartoonni Sochii Ashaaraa Magariisaa (GLI) kan MM biyyattii Abiy Ahimadiin durfamu jedhanitti, magariisummaan deebi’ee, jijjiiramni qilleensaas hanqatee, jireenyi ummataas fooyya’aa jira. 

Wanti hin haalamne garuu, dhimma manca’uu bosonaa irratti hubannoo uumuun, ummanni miiliyoona 20 ol akka irratti hirmaannaa taasisuu danda’uu isaati. 

Biqiloota hagamtu qabate?

Koreen mootummaan hundaa’eefi sochii kana qindeessu akka jedhutti, 2020 keessa biqiloonni %79 kan qabatan yoo ta’u, walumaagalatti %83 lafa qabachuun guddachaa jiru. 

Haata’u malee, Inistitiyuutii Misooma Naannoo Addunyaa kan UK keessa taa’umsa godhate keessa kan dalagu Jeemsi Maayarsi akka jedhutti, lakkoofsi kun ammallee hin mirkanoofne. Koreen sochii kana dursu ammallee adeemsa lakkaa’uu sirrii ta’e geggeessuu qaba jedha. 

“Ammallee waggaa muraasadha, mukkeen guddachuuf ammoo yeroo hedduu fudhatu. Yeroo dheeraa keessa dandamachuu danda’uu isaaniitu ilaalamuu qaba.”

Sochiiwwan akkasii kun akka addunyaatti osoo hin milkaa’in hafanii beeku. “Nutis qaama walaba ta’een lakkoofsi kun ni mirkanaa’a jennee abdanna,” jedheera Jeemsi.

Gosti mukaa murteessaadha

Itoophiyaan lakkoofsa ummataa Afriikaatti lammaffaa ta’e qabaattus duulli biqiloota dhaabuu salphaa hin turre.

Mukeen ‘agroforestry’ dabalatee biqiloonni kan akka avokaadoofi paappaayyaa akkasumas gosoonni biqiltuu hedduun faayidaarra oolanii jiru.

Gosoota biqiltuu sirrii bakka sirrii ta’etti fayyadamuun murteessaa ta’uu kan dubbatan ogeessonni, keessumaa waggaa jalqabaa duula kanaarra wanti taasifame qophiin ga’aa kan hin qabne ture jedhu. 

Qonnaan bultoonni guyyaan tokko qofti gaafa hafuun yaa’anii akka dhaaban itti himamee, lafa dhagaan itti baay’atu fa’itti dhaabanii deebi’ani jedha, qorannoon Echnoserve dhaabbata jedhamurraa ba’e akka mul’isutti. 

“Mukkeen akka baargamoo fa’i bakkeen naannawa miidhuu danda’anitti dhaabamaniirus” jedha qorannoon kun. 

Mukkeen kan akka baargamoo faayidaa qabaatanus, biyyee irratti miidhaa waan geessisaniif naannoo itti dhaabaman irratti of eeggannoon taasifamuu qaba. 

Akka ogeessonni dhimma kanarratti qorannoo geggeessan jedhanitti, kan gorfamu, biqiloota biyya keessatti argaman dhaabuudha.

Koreen Sochii Ashaaraa Magariisaas yeroo dhihoo asitti, biqiloota kan akka leemman dhaabsisuun hojii fooyya’aa hojjachaa jiraachuutu himama. 

Lakkoofsa gosa mukkeen akkamiitu dhaabame jedhu irratti garuu ammaaf odeeffannoo mirkanaa’aa argachuun rakkisaadha. 

Dallaa Magariisaa Guddicha

Sochiin Ashaaraa Magariisaa qaama piroojektii guddaa Dallaa Magariisaa Guddicha (Great Green Wall) jedhamuufi Gamtaa Afriikaatiin hogganamuuti. 

Sochiin kun 2007 keessa kan eegale yoo ta’u, Senegaal irraa kaasee hanga Jibuutiitti km 8,000 diriira. 2030 keessattis ni xumurama jedhamee yoo yaadamu, Gammoojjiin Sahaaraa gara Kibbaatti akka hin tamsaaneef dhaabuu yaadamee eegalame.

Gargaarsi hedduun dhaabbilee arjoomaa irraa kan argame ta’us, haga yaadametti galmaan ga’uun hin danda’amne. 2017 keessa %15 qofatu milkaa’e, kan %4 qofadha jedhanis jiru. 

Akka UN jedhutti, sochiin dallaa guddaa ardii kana qaxxaamuruu danda’u ijaaruu jedhu geeddaramee jira. 

Hanga yoonaatti, Itoophiyaan iddoowwan biqiloota omishan 58 keessatti biqiltuu biiliyoona shan dhaabuuf waadaa seenuun kan jalqabaa taateetti. 

Akka dhaabbanni ‘Tree Aid’ piroojektiiwwan lamaan waliin hojjatu jedhutti, hojii firii qabu hojjachuuf, deggarsi siyaasaa cimaa ta’e hawaasa gajjallaa jiru dammaqsuu waliin dabaalamee taasifamuu akka qabu sochiin lamaanuu nu barsiisaniiru jedha. 

“Duula biqiltuu hedduu dhaabuu akkasii irratti rakkooleen jiraatanus, kan akka Ashaaraa Magariisaa kana deggaruun, wal-barsiisaa kufaatii keenyarraa barachaa fooyya’aa adeemuu qabna,” jedhani ogeessi dhimma kanarratti hojjatan Iskiiroov.