Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biqiltuu dhaabuu ilaalchisee gorsa saayintistootaa murteessoo kudhan
Saayintistoonni biqiltuu dhaabuu ilaalchisuun seera biyyoonni hundi waggoota kurnan kanatti dursanii irratti xiyyeeffachuu qabu jedhan tarreessaniiru.
Biqiltuu dhaabuun jijjirama qilleensa baramaa ittisuufi hedduummina lubbu-qabeeyyiitiif fala sirriidha, garuu muka iddoo isaaf hin malle dhaabuun miidhaa caalu qaba jedhu ogeeyyiin Royaal Botaanik Gaardan.
Seerichi bosona ammatti jiru kunuunsuufi kunuunsarratti hawaasa naannoo hirmaachisuu dabalata jedhanii gorsu. Sababni isaammoo bosonni dachee keenyaaf murteessaadha.
Bosonni biqiltoota dachee keenyarra jiran harka afur keessaa sadii kan of keessatti qabatuufi Kaarbon Daayoksaayidii xuuxuun, soorata, boba’aafi dawaa irraa kan argannudha.
Haata’u malee, bosonni saffisaan manca’aa jira. Waggaatti bosonni amma biyya Deenmaark gahu manca’aa ykn badaa jira.
Qorataafi hogganaan dhaabbata gargaarsaa Botaanik Gaardansi Intarnaashinaal Dr Paawol Isimiiz, "Muka iddoo sirrii dhaabuun xiyyeeffannaa jalqabaa biyyoota hunda keessatti argachuu qaba, keessattuu yeroo egeree dachee irra jiraannuu murteessuu dandeenyu keessa jirra," jedhan.
Bosona manca’e bakka buusuuf garuu piroojeektiin biqiltuu dhaabuu abdii namatti horuu biyyoota addunyaa keessatti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsan biyyattii keessatti waggaatti lafa heektara 30,000rra biqiltuu dhaabsisuuf karoorsan.
Sochiin Afriikaan hogganamu bosona lafa maayilii km 8,048 irra dhaabuun jijjirama qilleensa baramaa qolachuuf dhaabamu dacheerratti boca lubbuu qabuu isa gudda uuma jedhamee abdatama.
Haata’u malee, biqiltuun dhaabuun dhimma salphaa miti, walxaadha.
Dr Keetii Haardiwiik ogeettiin jedhaman, ’’Biqiltuu sirrii hin taane iddoo isaaf hin taane yoo dhaabde, bu’aarraa miidhaa qaqqabsiisutu caala," jedhan.
Yeroo hedduu mukkeen, bineensonniifi fangasii bosonni uumamaa qabu mukkeen gurgurtaaf dhaabamanii waggoota kudhaniitti lakka’amanitti gahaniin bakka buufamu jechuun BBCtti dubbatan Dr Keetiin.
Waantii nuti hojjachuuf yaallu, namoonni bosona uumamaa kan naannoo, namootaafi hanga Kaarboonii to’achuuf fayyadu yoo danda’ame akka bosonoomsan jajjabeessuudha," jedhan.
Qorannoowwan barruu ‘Journal of Global Change Biology’ irratti maxxanfaman akka agarsiisanitti, biqiltoonni namoonni karoorsanii dhaaban kanneen amma Kaarboonii qilleensa xuuxuu hin daballeefi miidhaan qaqqabsiisuu danda’anillee jiraachuu ibsa.
Seerotni kurnan biqiltuu dhaabuu ilaalchisuun biyyoota hunda keessatti akka xiyyeeffannoo argatan ogeeyyiin gorsan:
Bosona amma jiru kunuunsuu
Bosonni uumamaa hin macaafamne amma Kaarbonii qiilleensa keessaa xuuxurratti foyya’aafi ibiddaa, obonboleettiifi gogiinsa dandamachuurratti cimina qaba.
Kanaaf, bosona mancaasuu hambisuun, ‘’Hafteen bosonaa akka kunuunfamu waamicha dhiyeessina,’’ jedhu daarektarri saayinisii dhaabbata gargaarsaa Botanik Gaardansi Itarnaashinaal pirofeesar Aleeksaandar Antoonel.
Hawaasa naannoo sagantaa biqiltuu dhaaburratti dursa hirmaachisurratti xiyyeeffachuu
Qorannoon akka agarsiisutti, hawaasa naannoo hirmaachisuun sagantaan biqiltuu dhaabuu akka milka’uuf dhimma ijoodha. Hawaasa naannichaatu bu’aa argamuurras caalaatti fuulduratti argata.
Heddummina lubbu-qabeeyyii dabaluu
Deebisanii bosonoomsuun galma hedduu qaba, isaan keessa ijoon jijjiramni qilleensa baramaa akka hin uumamne tiksa; kunuunsa bosonaa fooyyeessuun bu’aa dinagdeefi aadaas ni qabaata.
Iddoo bosonoomfamuu qabu sirnaan filachuu
Bidoollee uumamaa kanneen akka lafa margaa ykn caffa’aa bosonoomsuu caalaa iddoowwan duraan bosona qabaniifi bosonni irraa manca’e dhabuutu filatama.
Bosonni uumamaa deebi’ee akka ofiin margu akka filannootti fudhachuu.
Mukkeeen akka uumamaan deebi’anii margan gochuun biqiltuu dhaaburraa bu’a qabeessaafi gatii kan nama hin baasifnedha.
Sanyii mukaa heddummina lubbu qabeeyyii guddisan filachuu
Saayintistoonni akka gorsanitti, sanyii mukkeen uumamaa naannichatti margan waliin makanii dhaabuu, kanneen naannichatti baay'inaan hin argamneefi bu’aa dinagdeef dhaabaman itti dabaluun dhaabuu gorsu.
Sanyii mukaa dafanii safffisaan naannichatti tamsa’anii dhaabuun gaarii mitii jedhanii gorsu ogeyyiin.
Mukkeen haala qilleensa baramaa wajjin walsiman dhaabuu
Sanyii mukkeen haala qilleensa naannoo wajjin wal simaniifi akkamitti naannicha akka jijjiranirratti ilaaluun akka barbaachisu gorsu.
Dursa karoorsuu
Akka itti sanyii biqiltuu argattuufi hawaasa naannoo wajjiin akka itti hojjattu karoorsi.
Hojjachaa barachuu
Beekumsa naannoofi saayinsii walitti fiduun itti gargaarami. Yaaliii xiqqaa otoo biqiltuu hedduu hin dhaabiin dursa gaggeessi.
Gatii barbaachisu kaffaluu
Itti-fufiinsaan biqiltuu deebisanii dhaabuun kan danda’amuun, namoota hiyyeeyyi dabalatee qooda fudhattoota hundaaf madda galii taasiisuun yoo danda’amedha.