Waggaa 10 dura oddoola Lampeduusaatti godaantota Ertiraa 368 dhuman irraa kan hafan maal himu?

Waggaa 10 har'aa gaafa Onkoloolessa 3, 2013tti godaantonni Ertiraa oddoola Xaaliyaanii Laampeduusaatti bidiruun osoo imalanii balaa isaan mudateen dhuman.

Bidiruun godaantonni ittiin imalaa turan Laampeduusaa gahuuf kilomeetirri tokko yeroo hafu dhidhimte.

Yeroo balaan kun mudatu viidiyoon waraabamee BBC dabalatee miidiyaalen addunyaa gabaasaa turan.

Godaantoni Ertiraa balaa sanarraa hafan Adihaanom Fitwii, Iskindir Gabritiifi Abirhalaayi Amaaraa haala ture akkanatti dubbatu.

Namoonni balicharraa hafan kun sadan biyyasaanii Ertiraadhaa bahanii jalqaba Sudaanitti walitti qabamanii turan.

Kanneen karaa seeran alaa namoota daddabarsan godaantota kanneen gara Ertiraatti dabarsuuf maallaqa guddaa irraa fudhataniiru.

Yeroo dheeraf gammoojjii Sahaaraa keessa imalanii booda namoota 500 ta'anii bidiruun galaana Medetiraaniyaanii qaxxaamuruun bakka abjootaa turan Awurooppaa galuuf kutataniiru.

Adihaanom fa'aa gara oddoola Laampeduusaa imaluuf guyyaan tokko gaafa hafu namoonni wajjin turan heddu dhiphataa akka turan ni yaadatu.

Sababnisaa carraan galaana Meditiraaniyaanii keessatti dhidhimuu bal'aadha waan ta'eef.

Namooonni heddu bidiruu gara Xaaliyaanitti isaan ceesiftu Liibiyaa qarqara Meditiraaniyaanii dhaabatanii osoo eeganuu bidiruun qurxummii ittiin kiyyeessan dhufe.

Meditiraaniyaanii qaxxaamuranii Awurooppaa galuun akkuma jiru, dhidhimanii hafuunis akka jiru waan hubateef Abirhalayi baay'ee yaadda'ee akka ture ni yaadata.

"Akka boriin deema gaafa jettu yaaddofi abdiitu sitti dhagahama. Galaana Meditiraaniyaanii keessatti yeroo heddu balaan akka mudatu ni beekna. Kanaaf, osuma sodaannuu gama biraan ammoo nagaan akka geenyu hawwina," jedha Abirhalayi guyyaa sana yoo yaadatu.

Bidiruun sun namoota 500 fe'attee Liibiyaadhaa akka kaate kan himu Iskindir, "humna Waaqayyoon hunda keessa ni dabarra" jedhee akka bidiruu kana kore yaadata.

Bidiruun sun namoota humnaa ol feetee takka erga foqoqxee booda, namichi bidiruu oofu fadaalota waamee bidiruttiin gara tokkotti duufaa waan jirtuuf namoota muraasa akka hir'isan itti hime.

Faddaalonnis namoota 26 tumanii bidiruu sanarraa buusanii bidiruu xiqqoon of afoo deebisan. Namoonni hafan 518 bidiruu guddaan Lampeduusaatti qajeelan.

Awurooppaa deemanii kaan barachuu, hojjatanii ofiifi maatiisaanii gargaaruu yaadu.

"Rabbi Awuroppan na gahu malee baradhee of jijjiira jedheen yaada ture," jedhan Iskindir.

Bidiruun mukarra hojjatamte namoota 500 ol feetee halkan guutuu deemtee gara barii oddoola Lampaaduuzatti dhiyaachuu argan.

Halkan guutuu deemsa naga qabeessa ture.

''Halkan guutuu deemaa bullee fageenyarraa ibsaa arginee Lampaaduuzaa geenyerra jennee gammanne,'' jedha.

Liibiyaadhaa Xaaliyaanitti cehuuf namni tokko dolaara 1,600 gaafatama

Godaantonni kun as gahuuf waan qabaniifi sabbata maatirraa waan walitti qaban heddu itti baasaniiru.

Liibibyaadhaa gara Xaaliyaanitti cehuuf namni tokko dolaara 1,600 kaffaluu qaba.

Sa'aatii 36f bishaanirra osoo addaan hin kutin erga deemanii booda dhiyeenyarratti Lampeduusaa ilaaluu jalqaban.

Namichi bidiruu oofu motora dhaamsee eegdonni galaanaa Xaaliyaanii dhufanii dhiibanii akka lafa gogaatti baasan eegaa ture.

Osoo kanaan jiranii bishaan bidiruu sanatti galuu eegale.

Namichi bidiruttii oofu motora kaasuf yaalii godhus hin milkoofne. Kaapteenin bidiruu kun namoonni halaalarra jiran akka qaqqabaniif mallattoo agarsiisuf huccuutti boba'aa naqee abidda qabsiise.

Haa ta'u garuu abiddi waan harkasaa gubeef abidda achuma bidiruurratti darbate.

Baqattoonni heddus abidda qabate kana jalaa miliquuf yeroo oliif gadi jedhan walirra ijjataa waci baay'atee bidiruun gara tokkotti duufuu eegalte. Namoonni bidiruurraa bishaanitti of-darbachuu eegalan.

Namoota lubbuun oolan keessaa tokko kan ta'e Abirhalaayi yeroo abiddi qabatee namoonni wacan rafaa waan tureef abjuu akka itti fakkaate dubbata.

Hirriba keessaa ka'ee namoota bishaanitti utaalan argee innis of baraaruf bishaanitti gadi of darbate. Abirhalaayi kana dura bishaan daakee hin beeku.

"Sana booda iyya qofa ta'e, waanti biraa waan hin jirreef calliseen iyya. Namni hunduu ni iyya. Namoonni tokko tokko akka hin dadhabneef callisi naan jedhu. Sana boodarra bishaanirra jiraachuu koo dagadheen maatiin koo natti mul'achuu eegalan."

"Dambalii galaanan osoon oofamuun yaadan fudhatame. Boodarra Waaqayyo dinqiin na baase," jedha.

Adihaanom gamasaan haala ture sana yoo yaadatu, "Dadhabeen ture, namni hunduu bishaanitti of darbate...gommaa lubbuu baraaru gaafa gadi darbatan illee dadhabbiirraa kan ka'e qabachuun dadhabe. Garuu warra dinqiin Waaqayyo oolche keessaa tokkon ta'e," jedha.

Iskindir ammoo, "Waaqayyo gaafa jedhe malee hin duutu kan jedhu dhugaa ta'uusaa kanan amane gaafa sana. Namoonni bishaan keessa seenanii hin beekne ni oolu ture. Garuummoo miseensota humna galaanaa [Ertiraa yeroo turan] kan turaniifi warri bishaan daakuu beekan lubbuun hin baane" jechuun hojii Waaqayyoo akka ta'e hima.

Suurrifi viidiyoon yeroo namoonni bishanitti of gataniifi lubbuu oolfachuuf yaalan, bidiruun abiddaan gubattee yeroo dhidhimtu agarsiisu miidiyaa addunyaa guute.

"Kaleessa wajjin nyaatanii dhuganiii, ji'ootaf wajjin kan deeman, baay'ensaanii abjuu kan qaban, ijoollee kolfitee tapahattee hin quufne fa'aa tasa jireenyisaanii gafa bishaanirratti hafee reeffasaanii agartu baay'ee ulfaataa ture," jedha Adihaanom.

Iskindir balaan kun mudatee guyyaa jaha booda obboleessa isaa Juubaa jirutti bilbilee lubbuun akka oole itti himuu yaadata.

Adihaanom garuu balaa kanaan fira baay'ee waan dhabeef gaddisaa guddaa ture. Lubbuun hafuusaa maatin hiriyootasaarraa dhagahan.

Abirhalaayi ammoo obboleessa isaa Finfinnee jiruufi obboleettisaa Asmaraa jiraattutti bilbilee lubbuun akka oole itti hime.

Adihaanom amma abbaa ijoollee lamaa yoo ta'u, Iskindir ammoo abbaa ijoollee sadiiti.

Abirhalaayi yeroo dhiyootti mana dhaabbachuuf qophiitti jira.