Raashiyaan waliigaltee galaanarraan midhaan gara alaatti erguu keessaa bahuun adunyaatti yaaddoo uume

Yukireen karaa ulaa Galaana Gurraachaa [Black Sea] midhaan gara biyyoota alaatti erguu itti fufuun miidhaa qabaata jette Raashiyaan.

Yuukireen qilleensaa fi galaana irraan diroonii fayyadamtee Sevaastoopool haleeluun ishee hordofee Moskoon kana booda doonii midhaan fe’ee galaana Gurraacha irra deemuuf wabii nageenyaa hin kennu jette.

Mootummaan Kiremliin waliigalteen midhaan fe’uu danqamuu isaa adunyaan akka yaaddun barbaada, kaaptenotni doonii offanis imala eegaluu isaaniin dura hula balaa guddaa qabaachuu danda’u kanarra imaluu si’a lama deebisanii yaaduu qabu jechuun akeekkachiifte.

Haa tahu malee, Yuukireenii fi UN olola Raashiyaa duubatti dhiisuun karaa mataa isaanii doonii midhaan fe’an hula ce’umsa namoomaa waliigalame irra erguu akka itti fufan himaniiru.

Karaan ittiin humni waraanaa galanarraa Raashiyaa ‘’nageenya mirkaneessuu’’ danda’u hula daddarbaa dooniiwwanii irraa fagaachuudhaan qofa akka tahe beeku.

Filannoo Raashiyaan qabdu muraasadha. Tarkaanfii fe’umsa midhaanii idil-adunyaa danquu ykn sodaachisuun biyyoota akka malee midhaan Yuukireen barbaadaniif ergaa hamaa dabarsa.

Kun ammoo ergaa Kiyeev isa Raashiyaan nyaata dhorkuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamti jedhu cimsa.

Kana qofa osoo hin taane, Yukireen dandeettii doonii Raashiyaa Galaana Gurraacha irratti haleeluu agarsiifte Moskoon oppireeshinii galaanara irra gaggeesitu keessatti of eegganoon akka sochootu godheera.

Biyyootni ixaas naannicha irra maaltu adeemaa akka jiru ni basaasu.

Gamtaan Awurooppaa murtee Raashiyaan waliigaltee fe’umsa midhaanii Galaana Gurraachaa keessaa bahuu ibsite akka irra deebistu gaafate.

‘Raashiyaan gara waliigaltichaatti deebi’uun hula galaanarraa irraan midhaan adunyaa akka dhaqqabu eeyyamuu qabdi,’’ jedhan Dubbii Himtuun Komishinii Gamtaa Awurooppaa.

Murteen Raashiyaa hula midhaanii fi xaa’oo akkaan barbaadamuu ittiin daddarbuun rakkoo nyaata adunuaaf furmaata tahu balaa irra buusa,’’ jedhan.

Erga ji’a Caamsaa as hulaa kana fayyadamuun oomishaaleen qonnaa toonii miliyoona 14 tahu gara biyyoota adunyaa adda addaatti ce’eera, akka ibsa komishinichaatti.

Dabalataan oomishaalee qonnaan ala tahan toonii miliyoona 15 tahu hulaama Kanaan daddarbeera.

Murteen raashiyaa kun rakkoo qaala’insa jireenyaa sababa waraana Yuukireeniin mudate ittuu kan hammeessu taha.