Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qamadiin Yukireenirraa Itoophiyaaf ergame Jibuutii qaqqabe
Dooniin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii biyya hongeefi walitti bu'iinsi lammiilee ishee miiliyoona 20 ta'an deeggarsa maidhaan nyaataaf Saaxile, Itoophiyaaf, Yukireen irraa fe'ame buufata doonii Jabuutii qaqqabe.
Dooniin UN erga waraanni eegalee yeroo jalqabaaf buufata Yukireen irraa middhaan kan fe'e yeroo ta'u qamadii toonii 23,000 ta'utu fe'ame.
Qamadiin biyyoota qaala’insa jireenyaa fi hanqina nyaataan rakkoo keessa jiraniif akka gahuuf UN haala mijeessuun fe’ame.
Fe’umsicha doonii irraa buusun kaargootti dabarsuun guyyoota afur fudhata. Sana booda gara biyyoota ollaa jiran akka Itoophiyaatti fe’ama.
Itoophiyaatii waliigalaan namootni miliyoona 20tti siqan gargaarsa midhaan nyaataa barbaadu.
Itoophiyaa dabalatee biyyootni akka Somaaliyaa goginsa yeroo dheeraaf kan saaxilaman yoo tahu, goginsi bara kanaa waggaa 40 keessatti isa guddadha jedhame.
Midhaan amma fe’ame kun fedhii jiru waliin wal biratti yoo ilaalame baay’ee xiqqaadha.
Dooniin UN kun buufata doonii Pivdennyi Laden kan galaana gurraacharra argamurraa qamadii toonii 23,000 fe'uun ture gara Baha Afrikaatti kan dhufte.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa(WFP) harka walakkaa qamadii deeggarsaaf oolu kan bitu Yukireen irraati.
WFP addunyaa guutuutti namootni miiliyoona 345 ta'an biyyoota 82 keessatti hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii deeggarsa hatattamaa barbaaduu jedha.
Waraana Raashiyaafi Yukireeniin walqabatee midhaan biyya alaatti ergamu Yukireen jalaa danqamanii ture.
Turkii fi UN kuusaan midhaanii Yuukireen akka hin rukutamneefi nageenyi dooniiwwanii eegamee midhaan fe’anii akka bahaniif Raashiyaa waliin walii galanii ture.
Midhaan amma dooniin UN Yukireen irraa feete deeggarsa WFP, dhaabbilee gargaarsaa US fi deeggartoota kaaniin bitame.
Itoophiyaan goginsaan cinatti waraana Kaaba biyyattiitti mudateen haalaan miidhamteetti.
Naannoo Tigiraay, Affaarii fi Amaaraatii namootni qe'ee isaanii irraa buqqa'anii fi deeggarsa nyaataa barbaadan miliyonotadha.
Naannoo Oromiyaa keessaa godinaaleen akka Booranaa, Baalee fi Harargee walumaagala godinaaleen kudhan goginsaaf saaxilamaniiru.
Mootummaan Itoophiyaas deeggarsa akka dhiyeessa jiru himus qaala'insi jireenyaa akka adunyaatti hammaate biyyattii irrattis dhiibbaa guddaa fideera.