Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezident Joo Baayiden ilmasaa yakkamaa ta'eef haal-duree tokko malee dhiifama godhe
Prezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden imasaa yakka garagaraa lamaan himatameef ifatti haal-duree tokko malee dhiifama godhaniif.
Baayiden osoo aangoorraa hin bu’iin dura ilmasaaniif dhiifama ni taasisu jedhamee himamus kun ta’uu dhiisuu danda’a jedhamee ture.
Pirezidant Joo Baayiden ibsa baasaniin ilmisaanii “qofaa bahee” miidhaan irra gaheera, kun ammoo “gaaga’ama haqa keessatti mul’atuudha” jedhan.
Hanter Baayiden Fulbaana darbe himannaa gibiraa irratti dhiyaate ilaalchisuun balleesseera jedhee kan ture yoo ta’u, himannaa biraan ammoo qoricha sammuu addoochu fayyadamuufi meeshaa waraanaa qabachuun Waxabajji darbe yakkaadha jedhameera.
Hanter nama osoo abbaan isaa pirezidantii biyya Ameerikaa ta’ee jiruu yakkamaa ta’uun isa jalqabaati.
Joo Baayiden imasaaniif dhiifama gochuu hordofee yaadasaanii kan kennaan pirezidantiin haaraa filataman Doonaald Tiraamp, “dhiifama pirezidantichi ilmasaaniitiif godhan [deeggartoota isaa Waxabajji 6m 2021] hidhamanii rakkachaa jiran ni ilaallataa? Kun haqa akka hin malletti fayyadamuufi gaaga’uudha,” jedhan.
Deeggartoonni Tiraamp Waxabajji 6, 2021 bu’aa filannootiin booda mormii kaasanii Gamoo Kaappitol Hiil seenuun jeequun isaanii ni yaadatama.
Joo Baayiden ilmasaaniif dhiifama ni taasisumoo hin taasisan jedhamanii gaafatamanii, ‘dhiifama hin godhuuf’ jechuun isaanii ni yaadatama.
Fulbaana darbe pirees sekireetaariin Waayit Haawus waa'ee kanaa gaafatamanii Joo Baayiden ilmasaaniif dhiifama hin godhan jedhanii ture.
Haata'u malee, Dilbata galgala Pirezidant Baayiden sirna haqaa yoo amananillee "siyaasni akka haqni gaaga'amu godheera," ibsa jedhu baasaniiru.
"Ergan aangoo qabadhee sirna haqaa keessa hin galu jedheen ture. Akkuman dubbadhetti ilmikoo qofaa hafee haqni karaa hin taaneen yeroo itti murteessu osoon waan tokkollee hin jedhiin ilaalaa tureera," jedhan.
Baayiden murtee kanarra gahuudhaaf baayyee akka wallaansoo qabaa turan ibsaniiru.
"Amerikaanonni abbaan tokkoofi namni pirezidantii ta'e akkamiin akka murtee kanarra gahuu danda'e na hubatu jedheen yaada."
Ilmi prezidantii dhiifamni taasifameef Hanter, "dogogorra bara jireenya koo dukkanaafi araadaan adoode raawwadhe faayidaa siyaasaatiif ooleera," ibsa jedhu baaseera.
"Dhiifama kana akka salphaatti kanan ilaalu miti. Bara jireenya koo hafe namoota dhukkubsataniifi rakkatan gargaaruutiinan dabarsa," jedheera.
Abbaam isaa Joo Baayiden akka jedhanitti, ilmisaanii waggoota shanan dabran alkooliifi qoricha sammuu nama adoochu kamiyyu fayyadamee hin beeku.
Pirezidantiin Ameerikaa tokko maatii isaatiif dhiifama yeroo taasisu kun kan jalqabaa miti.
bara 1985 BiilKilintan nama gam tokkoon obboleessa isaaf ta'u Roojar Kilintaniif dhiifama gochuun isaa ni yaadatama.
Bara 2020 ammoo Doonaald Tiraamp abbiyyuu (abbaa dhirsaa) intalasaanii Ivaankaa Chaarles Kushineriif dhiifama godhaniiru.
Tiraamp Sambata darbe Chaarles Kushineriin Faransaayitti ambaasaaddar gochuun muudaniiru.