TPLF ‘haala addaatiin’ Boordii Filannootti galmaa’uusaa akka hin fudhanne beeksiise

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) seera qabeessummaasaa duraatti akka isa deebisan malee Boordii Filannootti irra deebiin galmaa’uu akka hin fudhanne beeksise.

Paartiichi kan kana jedhe gaaffiin seera qabeessummaansaa duraan ture akka deebifamuuf Boordii Filannootti dhiyeeffate fudhatama osoo hin argatiin Bordichaan akka addaatti galmaa’unsaa erga ifa ta’een boodha.

Boordiin Filannoo Biyyaaleessa Itoophiyaa ibsa ALI Hagayya 3, 2016 baaseen, haaluma labsii foyya’insa galmee paartiiwwaniifi naamusaa Caamsaa keessa raggaasiifameen, seera qabeessummaa duraan qabu deebiisuu kan jedhu waan hin jirreef gaaffiin TPLF dhiyeesse fudhatama akka hin arganne ibsee ture.

TPLF gamasaatiin Hagayya 4, 2016 ibsa baaseen, gaaffiin dhiyeessee ture akka seera qabeesummaansaa deebiifamuuf malee irra deebiin akka galmaa’u akka hin taane kaasuudhaan, ‘‘gaaffiin kan biraa deebiin, waan biraa’’ jedhuun deebii Boordii Filannoo mormee ture.

Ibsi Boordii Filannoo Jimaata darbe baase, labsiin foyyeeffame ‘‘labsiichi kan paartii gocha hokkaraa irratti hirmaachuun seera qabeessummaansaa haqameef seera qabeessummaa duraan qabu deebiisuuf jedhu waan hin qabneef, Boordichi gaaffii seera qabeessummaasaa durii deebiisuudhaaf dhiyaateef hin fudhanne’’ jedhee ture.

TPLF waraanni Tigraayitti gaggeeffamee ture egalamee gara baatii sadiin booda ture kan Boordii Filannootiin seera qabeessummaansaa haqame.

TPLF labsiin foyya’insa galmee paartiileefi naamusaa Caamsaa darbe raggaasifame akka seera qabeessummaa paartiichaa hin deebifneef hubachuudhaan, hoggnsi olaanoon TPLF dhimmicha irratti Ministira Mummee Abiy Ahimad fi qondaaltoota olaanoo mootummaa Federaalaa kaan waliin marii taasisuudhaan seera qabeessummaan paartiichaa akka deebi’uuf waliigalteerra gahameera jedheera.

Kanaan alattis, marii paanaalii Gamtaa Afriikaa irratti akkasuma seera qabeessummaan paartiichaa akka deebiifamuuf waliigalteerra gahameera jedheera.

Haata’u malee, Boordiichi waliigalte taasifaman hunda cinaatti dhiisuudhaan gaafiicha labsii foyya’insa filannoo, galmee paartiileefi naamusa Itoophiyaa bahe irratti hundaa’uudhaan deebii kenne hin fudhadhu jedheera.

TPLF gaaffiin Boordii Filannootti dhiyeesse deebii hanga argatuttis haaluma ittiin buulmaanni paartiisaanii hayyamuutiin, hojiiwwan wal qabatan ni raawwata kan jedhe yoo ta’u, mootummaan Federaalaatiis tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatuuf waamicha dhiyeesseera.

Kun osoo kanaan jiruu dura taa’aa Ittaanaan TPLF fi pirezidantiin yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa iyyanni seera qabeessummaa TPLF duraanii akka naaf deebi’u jechuun Boodrii Filannootti dhiyaate, kan Koreen gidduugala paartiichaa hin beekneedha jedhan.

Obbo Geetaachoon kana kan jedhan, gaaffiin TPLF Boordiin Filannootiif dhiyeessee hordofuudhaan Boordiichi paartiichi irra deebiin galmaa’uu ifa taasisuudhaan ibsa baasee hordofuun xalayaa Boordiichaaf barreesserratti ture.

Obbo Geetaachoon ‘‘gaaffiin galmee’’ kunis kan Koreen gidduugala TPLF hin beekne akka ta’e ibsuun, ‘‘sanadni nuti galmee kanaaf jecha mallatteessine omtuu osoo hin jiraatiin, gochaa ta’uu hin mallee kan namoonni dhuunfaa gareedhaan ijaaramuudhaan adeemsa dhaabaatiin ala raawwatan ta’uu beeksisuu barbaadna’’ jechuun ture xalayaa Boordii Filannootiif Sambata barreessaniin kan ibsan.

Itti dabaluudhaanis, Obbo Geetaachoon, iyyanni Boordii Filannootti ergames ta’e sanadni maqaafi mallattoo dureewwan paartiichaa qabate ‘‘gaaffii namoonni dhuunfaa nuun osoo hin hayyamsiisiin raawwatan ta’uu ibsaa, Boordiin Filannoo biyyaaleessaas galmeen namoota kanneeniif kenne raga sobaarratti kan hundaa’e waan ta’eef deebisee akka qoratu ni gaafanna," jedhan.

Obbo Geetaachoon kana haa jedhan malee, xalayaan dura taa’an TPLF Dabra Tsiyoon Gabra Miikaa’el (Dr)n mallattaa’eefi seera qabeessummaan paartiichaa akka deebii’uuf gaafatu ALI Adooleessa 19, 2016 Boordii Filannootti dhiyeeffamuun Boordiichaan deebiin itti kennameera.