Poop Liyoon lammii Ameerikaa, dhaadannoo 'Dursa Ameerikaaf' jedhu hin deeggaran

Bulchiinsi Tiraamp gorsitootaa fi qondaaltota amantiin siyaasa isaanii keessatti gahee guddaa qabaachuu ifatti dubbatan waan hammateef, amantin Kaatoolikii siyaasaa Ameerikaa keessa beekamtii guddaa argateera.

Garuu erga torbaan kana Phaaphaasiin haaran filatame deeggartoonni Tiraamp kan dhaadannoo isaanii 'Dursa Ameerikaaf" jedhu leellisan gammachuu hin qaban.

Poop Liyoon lammii Ameerikaa jalqaba aangoo kana qabatan ta'us dhaadannoo kana waan deeggaru hin fakkaatu jedhan.

Ejannoo siyaasaa Phaaphaasichaa irratti wanti beekamu hin jiru.

Poop Liyoo14ffaan, Ameerikaa Chikaagootti dhalatan. Maqaansaanii Roobert Firaansiis ture.

Hiyyeeyyii fi godaantotaaf quuqama kan qaban yoo ta'u, yeroo gara garaatti dhimma kana irratti dubbachaa turan. Yaada Phaaphaasii Firaansis kan deeggaran fakkaata, akkasumas imaammata pirezidaantii Ameerikaa miidiyaa hawaasaa irratti qeeqaniiru.

Pirezidaant Tiraamp ammo filatamuun Liyoo US'f ''kabaja guddaa'' akka ta'e dubbataniiru.

Haata'u malee deeggartoonni Tiraamp beekamoo ta'an Poop Liyoo qeequu eegalaniiru.

Tiraampitti qormaata ta'uu danda'uu jedhanii yaadu. Sababnisaas dhimma godaantummaa irratti ilaalcha akka Phaaphaasii Firaansis hordofuu danda'a jedhanii waan amananiif.

"Dhugumatti waan nama ajaa'ibaa," jedha gorsaan duraanii Prezidaant Traamp Istiiv Baanon yeroo BBC'n filannoon Liyoo irratti dubbise.

"Namni Tiwiteer irratti hooggantoota siyaasaa Ameerikaa olaanoo qeeqaa ture akkamiin Phaappaasii ta'uuf akka filatame na rifachiisa." jedha Istiiv Baanon kan amantaa Katoolikii hordofu.

Istiiv fi Tiraamp gidduutti waldhibdeen akka uumamu kanaan dura tilmaamee ture.

Obboleessi Phaaphaasichaa Joon Preevoostii, "obboleessi koo waan prezidaantii waliin walii hin galle, ifatti dubbata." Jechuun New York Times'tti himeera.

"Wanta godaantummaa fi baqattootaa ilaalchisee akka inni gamachuu hin qabne nan beeka" jedha.

"Dhimma kana irratti hammam akka deemu hin beeku, garuu taa'ee hin hin ilaalu. Inni callisee ilaala jedhee hin yaadu."

Qorannoo dhiheenya kana gaggeeffame akka agarsiisutti lammiileen Ameerikaa %20 ta'an Kaatolikiidha.

Kaatolikoonni Ameerikaa hedduun Poop Firaansis deeggaraa turan.

Kaatolikoonni magaalaa dhaloota Phaaphaasii haaraa Chikaagoo keessatti argaman hedduun Poop Liyoon daandii Poop Firaansis akka hordofu abdatan.

''Ajandaa Firaansis gara fuulduraatti akka itti fufu abdii qabna,'' jedhan Riik Isteevans, diyaaqoniin Kaatolikii Niiw Jeersii irraa dhufe.

Deeggartoonni Tiraamp Kaatolikii Ameerikaa lakkoofsan xiqqaa ta'anis, miidiyaalee konsarvaatiivii fi gurra Tiraampiin kan baay'inaan itti fayyadaman keessaa isa tokkodha.

Erga inni filatame baay'ee qeeqaa jiru.

Gaazexeessaa Been Haarenwel, "Amala Phaappaasii Firaansis of keessaa qaba." Jedhe.

Poop Liyoo akkamiin akka filatame ammas ifa hin taane.

Uumanni addunyaa garuu waa'ee ejannoo siyaasaa fi amantaa isaa ilaalchisee ragaalee miidiyaa hawaasaa Poop Liyoo irra barbaadaa jiru.

Akkaawuntii X maqaa isaa qabu, dhimma godaansaafi ejannoo siyaasaa Tiraamp qeeqaa ture.

Ji'a Guraandhalaa keessa, akkaawuntichi itti aanaa pirezidaantii Ameerikaa JD Vaans baay'ee qeeqe. Barreeffama mata duree "JD Vaans dogoggoreera: Yesus jaalala keenya warra kaaniif akka sadarkaan kenninuuf nu hin gaafatu" jedhu maxxanseera.

Vaansi, godaansa dabalatee imaammata bulchiinsa kana yeroo ibsu amantaa waliin wal qabsiisa.

"Akka amantaa kiristaanaatti, jalqaba maatii kee jaallatta, sana booda ollaa kee ni jaallatta, sana booda hawaasa kee ni jaallatta, sana booda lammiilee kee ni jaallatta, sana booda, addunyaa guutuu qaqqabuu dandeessa." jedha

Akkaawuntii kun kan Liyoo ta'uu mirkaneessuuf BBC'n Vaatikaan gaafate, garuu deebii hin arganne.