Bataskaanni Kaatolikii Itoophiyaa Vaatikaan keessatti qabeenya waggaa 500 akkamiin horatte?

Bataskaanni Kaatolikii Abisiniyaa Qulqullaa Isxiifaanoos mooraa Vaatikaan keessaa waggaa 540 akka lakkoofsise marsariitiin magaalaa Vaatikaan ifatti agarsiisa.

Magaalaan Vaatikaan teessoo mummee bataskaana Kaatolikii akka addunyaatti hordoftoota miiliyoona dhibbaan lakkaa'amaniiti.

Bakka lalisaa walakkaa magaala kanaa uffisu keessa Itoophiaadhaan ala biyyi biraa kamiyyuu qabeenya kooti jedhu hin qabu.

Mooraa lalisaa kana keessa bataskaanni Abisiniyaa Qulqulluu Isxifaanoos waggaa 540 lakkoofsiste jira. Kooleejiin phaaphaasummaa Itophiyaa fi Eritiraa waggaa 104 lakofsisees dhaabbata barnootaa Vaatikaan keessatti argamu dha. Isaan ala kooleejiin akkasii biraan hin jiru. Itoophiyaan addunyaarraa addatti akkamiin mooraa Vaatikaan keessatti qabeenya horachuu dandeesse?

*****

Addabaabayiin Qulqulluu Pheexiroos gammachuu guddaa keessa jira. Namni harka walitti rukuta, ni iyya.

Namoonni biyyoota adda addaa irraa dhufan kaatedaraala Qulqulluu Pheexirositti walitti qabamanii jiru.

Namni baayyeen taateewwan achitti mul'atan bibilaan waraabbachaa ture.

Karaa kanarra nama tokko qofaatu adeema. Konkolaataan adii tokkos qofaa asiifi achi marsa.

Konkolaataan banaafi adda tahe kuni bataskaana Kaatolikii keessatti nama tokkoffaa jedhaman qabata.

Namni kuni Abuna Firaansis jedhamu.

Abunni kuni abbaa hafuuraa amantoota Kaatolikii addunyaa biliyoonaan lakkaa'amaniiti.

Aangoo amantii baayyees of harkaa qabu. Murtoon isaanii jireenya namoota dhuunfaa baayyee irratti dhiibbaa qaba.

Hogganaa biyya Vaatikaan jedhamtuutis. Namoonni gariin abuunni kuni hogganaa aangoo itti hin bu'amne qabani dha jedhuuni.

Abunichi wayyaa amantii isaaniirratti kobbortaa adii uffataniiru. Qoobiin isaanis akkasuma adii dha.

Eegdonni uffata gurraacha keewwatanis konkolaataa isaanii marsaniiru. Ijisaanii hirmaattota saganticharraa hin ka'u.

Poop Firaansis dhukkubaa wajjin wal-aansoorra akka jiran fuula isaanirraa mul'ata.

Namoota gamaafi gamanaan dhaabbbatan gidduu darbaa fuula gammachuun eebbisu.

Yeroo kanatti uummanni achitti walitti qabame iyyaafi harka walitti dhahaa miira ibsata.

Namoonni dhibee qaban eebba phaaphaasichaa argachuuf yeroo yaalan mul'ata. Kaan immoo ijoollee isaanii mataarratti baatanii phaaphaasichatti agarsiisu.

Iddoo kana sanyiin namaa tokko kan hafe hin fakkaatu, addunyaan bakka bu'aadhaan addabaabaayi sana kan dhufte fakkaata.

Hunduu guyyaa kana kan eegaa oole fakkaata, sababiinsaas guyyaa kana arguuf namuu ji'a shan eegeera.

Duraan sagantaan kuni torban torbaniin gaafa Roobii taasifama ture.

Tahus phaaphaasichi rakkoon fayyaa isaan mudateen sagantaa kanarraa fagaatanii turaniiru.

Eebba isaanii erga xumuraniin booda gara teessuma isaanii deeman. Kadhannaa gabaabaa erga taasisaniin booda sagantaan inni kaan itti fufe.

Addabaabaayiin Qulqullu Pheexiroosii fi kaatedaraalichi boqonnaa hin qaban.

Kaatedaraala muummee amantoota Kaatolikii kana duuba qabeenyi biyyi biraa hin qabne Itophiyaan qabdi.

Garuma sana haa deemnu.

Kaatedaraala Qulqulluu Pheexiroos duuba ykn akka isaan jedhanitti Baasilikaa duuba mooraan lalisaa Vaatikaan argama. Lafa walakkaa biyya xiqqoo addunyaa kanaa mooraan lalisaa kuni uffiseera.

Tahus iddoon kuni tuuristoota hundaaf banaa miti. Eeyyamni addaa barbaachisa.

Gareen BBC Amaarinyaa hojiif gara Xaaliyaanii deeme iddoo kana daawwachuuf guyyootaaf eegeera.

Guyyaan daawwannaa Dilbata ture, guyyaa kanatti phaaphaasichi nama gidduu hin deeman inumaa barandaa kaatedaraalii Qulqulluu Pheexiroos irra dhaabbatanii eebba kennu, ni barsiisu.

Daawwannaan keenya duuba taateen kuni hundi itti adeemuuti - mooraa lalisaa Vaatikaan.

Fakkii biqiltoota lafarra jiraniin kalaqame, finca'aa lakkoofsa hin qabne, siidaawwan qulqullootaa akkasumas iddowwan banaa yeroo gargaraatti kadhannaan itti adeemsifamu mooraa Vaatikaan akkaan miidhassaniiru.

Mooraa Vaatikaan keessa mana jireenyaa phaaphaasota duraanii dabalatee gamoowwan faayidaa garagaraaf oolan jiru.

Mooraa kana keessa qabeenyi hunduu kan biyya Vaatikaan kanaati. Waan lamaatiin alatti. Isaanis Bataskaan Qulqulluu Isxifaanoosiifi Kooleejii Itoophiyaa dha.

Dhaabota kunneen qofaatu mooraa bal'aa Vaatikaan keessa qabeenya biyya alaati-

Kooleejii Itoophiyaa fi Eritira Vaatikaanitti.

Gara Kooleejichaa haa yaanu.

Galma gamoo kanaarratti phaaphaasiiwwan hundeeffamsaaf shoora guddaa qaban fakkiin Pooppi Beneedikt 15ffaa fi Pooppiyoos 11ffaa bitaafi mirga balbalaarratti fannifamaniiru.

Gaafa Guraandhala 28/2016 A.L.I soomni guddichi amantoota Ortodooksiifi Kaatolikii itti eegale ture

Soomni eegalu guyyaa tokko dursuun kooleejii phaaphaasota Itoophiyaa mooraa Vaatikaan keessatti argamu daawwachaa jirra.

Barattoonni kooleejichaa soomii qabamaa jiruuf qophaa'aa turan.

Kooleejichi waggaa 104 lakkoofsiseera.

Kooleejii kanaan ala barnooti idilee jedhamu biraan as hin jiru.

Yeroo ammaa kana tajaajiltoonni bataskaan Kaatolikii Itoophiyaa fi Eritiraa irraa walitti babbahan keessatti baratu.

Gamoon kuni iddoo bultii barattootaa, galmaa nyaataa, mana kitaabaa fi mana kadhanna xiqqoo qaba.

Manni kadhannaa kuni Room handhuura Vaatikaanitti kan argamu hin fakkaatu.

Haallisaafi sirni adeemsifamu bataskaanota Itoophiyaa fi Eritiraatti argaman waliin tokkuma.

Galmasaa fuuldura kutaawwan huccuu adiidhaan golgaman mul'atu.

Mana kadhannichaan gara bitaa fakkiin Abuuna Salaamaa yeroo mootummaan Aksum nama wangeela labsan jedhaman argama.

Abuna Salaamaan lammummaan isaanii Sooriyaa yoo tahu, ''lafa Abisiniyaatti wangeela babal'isaa akka turan himama.

Masrii Aleeksaandariyaa Qulqulluu Axinaateewoos irraa phaaphaasummaa fudhachuun 'Abisiniyaattii' phaaphaasii jalqabaa tahuun muudaman.

Vaatikaanitti fakkiin argamus kanuma hima.

Fakkii isaaniin ol aanee immoo gabatee keelloo irratti barreeffamni afaan Gi'iizii ''Qidduus Igzaabiheer Tsebaa'ot,'' jedhu halluu diimaan barreeffamee mul'ata.

Mana kadhannaa fuuldura ammoo kitaaboti kadhannaa afaan Gi'iiziin qophaa'an qabannoo kitaabaa Atiroonoos jedhamurra diriirfamaniiru.

Dibbeewwan bataskaana Ortoodoksii Itoophiyaa fi Eritiraa keessatti argamanis tataa'aniiru.

Manni kadhannaa kuni tsinaatsilaafi uleen amantiis tajaajila kennu.

Barattoonni koolejicha keessatti argaman qiddaasee dabalatee sirna hundumaa afaan Gi'iiziin geggeessu.

Darbee darbees afaan Xaaliyaaniin qiddaaseen adeemsifama.

Gamoon Vaatikaan keessatti argamu kuni bakka bultiifi soorataa barattootaa qofa tahuun tajaajila.

Barattoonni Ertiraa fi Itoophiyaa gamoo kana keessa jiraatan yunivarsiitii phaaphaasummaa Room keessa jiran deemuun baratu.

Barattoonni biyyoota lameen kanarraa filaman barnoota amantii garagaraan digrii maastarsiidhaan eebbifamu.

Kanaan alas barnoota afaan garagaraan qophaa'e qo'chuufis afaanota garagaraa baratu.

Akka damee barnootichaatti barattonni afaan laatiinii, Giriikii fi afaan waggaa kuma sadii ol lakkoofsise Aramaayik barachuun dirqama dha.

Kooleejiin kuni yeroo waggaa 100 guute Pooppi Firaansis iddichatti argamuun eebbisaniiru. Haasaas taasisaniiru.

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad 2012 A.L.I yeroo Vaatikaanin daawwatan iddoo kanas mil'ataniiru.

Iddoo kana daawwachuun garuu MM Abiy hogganaa jalqabaa miti.

Waggaa 54 dura Mootiin Haayilassillaasee kooleejii kanatti argamanii turan.

Kooleejichatti argamanii haasaan taasisanis marsariitii raadiyoo Vaatikaan irratti waraabamee taa'eera.

Mana kadhannaa koolejichaa keessaa bahuun gara kutaa biraa deemne.

Akkuma kuticha galleen suuraan lammiileen Itoophiyaa fi Eritiraa koolejicha bulchanii fannifamee mul'ata.

Suuraalee kunneen gidduu gidduutti saanduuqooti ija namaatti tolaniifi baaxii manichaaf dhiyaatan dhadhaabbatanii jiru.

Kunneen keessaa lamaan isaanii banaa dha.

Saanduuqni inni tokko fakkiiwwan, meeshaalee weedduu aadaa fi kitaabota biraannaa Itoophiyaafi Eritiraa irraa dhaqan qabateera. Fakkiiwwan mul'atan kunneen hawwaatoo dha.

Fakkiiin inni tokko dhiira wayyaa adii uffateefi dubartii daa'ima baatte akkasumas gaangee miini irratti fe'ama mul'isa. Irra keessas barreefama afaan Amaariffaan''Imala gara gabaa'' jedhu qaba.

Hundeeffamuu bataskaana Vaatikaan keessa jiruuf daldaltoota sababa turan kan leellisu fakkaata.

Daldaltootaafi bataskaana Itoophiyaa Vaatikaan keessatti argamu maaltu walitti fide?

Bataskaan Abisiniyaa Vaatikaanitti

Bataskaanni Qulqulluu Isxifaanoos Vaatikaan keessatti argamu daldaltoota Itoophiyaa wajjin hariiroo kallattii qaba.

Yeroo tokko Kaardinaaliin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa ammaa Abuuna Birehaane Iyyeesuus waa'ee hundeeffama bataskaanichaa yeroo haasa'an kana mirkaneessaniiru.

Akka isaan jedhanitti jaarraa 15ffaa keessa Kiristaanoti Itoophiyaa biyyasaaniirraa ka'anii gammoojjii Sudaaniifi Masrii qaxxaamuranii bataskaan Maarqoos Iskindiriyaa Masrii salaamfatu ture.

Ittifufuun gammoojjii Sinaayi darbanii, ''biyya qulqullooftuu'' Iyyeeruusaleemiin daawwachuuf adeemu, akkasuma imalli kuni addaan hin citu ture.

Lafa awwaalchaa Qulqulluu Phaawuloosiifi Pheexiroos mil'achuufis gara Roomaa imaluun awwalcha isaanii salaamfachaa turan.

Mootii Haayilessillaaseen, ''bataskaana Qulqulluu Pheexiroos seennee awwaalchasaa mil'annee, miidhaga bataskaanichaan dinqamnee baane, '' jechuun kitaaba seenaa jireenya isaanii keessatti eeraniiru.

''Namooti amantii Itoophiyaa, awwaalcha Phaawuloosiifi Pheexiroos arguuf ni yaadu kanumaafis Itoophiyaa hanga Room deemu,'' jechuunis dubbataniiru.

Awwaalchi Qulqulluu Pheexiroos bataskaanaafi kooleejii Itoophiyaa Vaatikaan keessa jiru duubatti argama. Iddoo kana ammallee namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman daawwatu.

Kaatedaraaliin Qulqulluu Pheexiroos bakkeewwan kadhannaafi qiddaasee qaba, innis awwaalcha Qulqulluu Pheexiroos irratti akka ijaarame amanama.

Kaaterdaraalli guddicha ijaaramee dhumuuf waggaa 120 fudhateera. Amma waggaa 518 lakkooofsiseera.

Kaatedaraaliin kuni guyyaa ayyaana hin taanettis namoota daawwataniin dhiphata.

Kaatedaraaliin Qulqulluu Pheexiroos awwaalchi phaaphaasota kaatedaraala Vaatikaanii hogganan baayyee keessatti argama.

Dhimmi tokko qalbii nu harikse.

Kaatedaraalicha keessa kutaawwan socho'an kan mukarraa hojjetaman jiru.

Kutaawwan baayyee irra ibsaan magariisaa mul'ata. Muraasni immoo halluu diimaan ifu.

Maal kuni jennee gaafannaan, manguddoon koolejichatti baratan ''kunneen saanduuqoota qalbii diddirrannaati,'' jedhan.

Isa halluu magariisaan ifutti quba qabaa ''achi keessatti lubni isnitti mul'ataa?'' jedhan.

''Lubni kuni, ''kanneen qalbii diddirrachuu barbaaddan gara koo dhufuu dandeessu jechaa jiru. Namoonni itti dubbachuu barbaadan deemanii waan qalbii jijjiirratan afaan Ingiliiziifi Xaaliyaaniin himatu, isaanis irraa fudhatu,'' jedhan.

Kanneen ifa diimaa qaban immoo iddoo kana lubni hin jiru ykn namni biraa qalbii diddiirachaa jira waan jedhu agarsiisa.

Gara dhimma keenyaatti yeroo deebinu

Daldaltoonni ''Habashaa'' iddoo kana jaarraa 15ffaa irraa qabee akka daawwachaa turan maddi oduu magaalatti Vaatikaan Niiwus agarsiisa.

Bara 1418 keessa phaaphaasii Kaatolikii kan turan Abuuna Siikistas afraffaan daldaltoota Abisiniyaa irraa dhufan argatanii dubbisanii ture.

Yeroos lakkoofsi daldaltoota lafa Habashaa irraa deeman akkaan waan dabaleef Abuuna Siikistas iddoon buufatan akka kennamuufi ajaja kennan.

Abuunichi ajaja kana kan dabarsan Abisiniyaan Room wajjin michooma jabaa akka qabaattuufi ''daldatoonni Habashaa amantii Kiristiyaanaaf amanamummaa qaban arguuni, '' jedha barreeffamani Vaatikaan Niiwuus.

Ajaja kana dabarsuun waggaa lama booda bataskaanni ''Abisiniyaa Qulqulluu Isxifaanoos,'' ijaaramee dhume.

Waggaa aanutti ijaaramuu bataskaanichaaf sababa kan turan Abuuna Siikistas lubbuun isaanii darbe.

Isaan lubbuun darbanii waggaa 539 tahus, hamma Pooppi Firaansistti phaaphaasoti 265 geeddaramanis bataskaanichi hojiisaa itti fufee jira.

Awwaalcha Qulqulluu Pheexiroosiin salaamfachuuf amantoonnifi lubooti baayyeen durii qabee deddeebi'anillee iddoon akkasii kuni kan keenname warra 'Habashaaf' qofa ture.

Mootiin Haayilessillaasee kitaaba isaanii keessatti gara Room kan deemaa turan daldaltoota osoo hin taane monokseewwanii jedhaniiru. ''...iddootti haaragalfatan dhabanii yeroo rakkatan arganii phaaphaasiin yeroosii gadaamii Qulqulluu Isxifaanoos lammiilee Itoophiyaaf kennan jedhama,'' jechuun barreessaniiru.

Kaatedaraala guddicha Qulqulluu Pheexiroosiin alatti bataskaanni mooraa sana keessatti argamu isa kan bataskaana Itoophiyaa Stefano degli Abissini jedhamu kana dha.

Bataskaanni Abisiiniyaa bataskaana guddicha Qulqulluu Pheexiroos waggaa 136 dursuun kan ijaarame yoo tahu waggaa 547 lakkoofsiseera.

Dallaa Vaatikaaniin marsee jiru keessa bataskaanni biraa kana fakkaatu hin jiru.

Waggaa waggaan Mudde 17 tajaajilli amantii ni kennama.

Guyyaan kuni amantii Kaatolikii keessatti ''Isxifaanoos isa waggaa'' jedhamuun kabajama.

Guyyaa kanarra tajaajiltoonni Itoophiyaa fi Eritiraa qiddaaseedhaaf sa'atii dheeraa dhaabatu.

Akka carraa nuyi guyyaa kanarra hin qaqqabne.

Darbe darbee jiraattonni magaalaa Vaatikaan bataskaana Isxifaanoos kana keessatti sirna gaa'ela isaanii raawwatu.

Yeroo tokko Abuuna Firaansiis waa'ee bataskaana kanaa yeroo dubbatan Kaatolikiin addunyaa waliingahuu agarsiisa jedhaniiru.

Bara sana daldaltoota as dhufaniif Abuuna Siikistas bataskaana qofa osoo hin taane iddootti boqotanis akka kennamuufi ajajanii turan.

Iddoon haargalfannaa kuni suuta guddacha adeemee gamoo kooleejii kanaatti geeddarameera.

Akka Vaatikaan Niwuus jedhutti hundeeffamuu kooleejii kanaaf iddoo guddaa kan qaban phaaphaasota lama - Abuuna Beneediikt 15ffaafi Abuuna Piyoos 11ffaa

Kooleejichi barattoota fudhatee kan barsiisuu eegale bara 1911 A.L.I dha. Yeroos Itoophiyaarraa barattoonni saddeet filaman deemaniiru. Tahus barattoonni kunneen qorra biyyichaa baruu waan hin dandeenyeef lubbuun isaanii darbeera, kan hafan immoo biyyatti deebi'aniiru.

Kuni mudachuun booda phaaphaasoti lameen gamoon kuni haala sadarkasaa eeggateen akka ijaaramu godhaniiru.

Iddoo fakkii daldaltootaa arginee kutaa keessummaa siimatan keessatti daawwannaa keenya xumurree gaafa baanu, Abbaa Haayilemikaa'el Baaraakii dhufanii harka nu fuudhan.

Kooleejiin kuni erga hundeeffamee hogganoota 18 jalatti buleera.

Abbaa Haayilemikaa'el dabalatee kunneen keessaa saddeet lammiilee Eritiraa yoo tahan lakkoofs caalus kan qaban isaanuma. Kanneen hafan shan lammiilee Xaaliyaanii, lama Hoolaandirraa, 1 Beeljiyeemiifi tokko lammii Itoophiyaati.

Bulchaan kooleejichaa ammaa Abbaa Haayilemikaa'el gammachuun erga nu simatanii booda soomni Itoophiyaa fi Ertiraa bor qabama nu yaadachiisuun laaqanaaf nu affeeran.

Carraa gaarii qabdu, ''har'a biddeenatu nyaatama,'' jedhan.

Qixxalamaan Room keessatti biddeena argachuun baayyee rakkisaa dha. ''Isin mikii qabdu,otoo jedhanii bilbila nyaatni gahuu agarsiisu fakkaatu dhageenye.

Achiin gara kutaa nyaataa qajeelle.

Biddeenni nuu dhiyaate hammuma saayinaa isa baatee jiruu gaha. Ittoon gaggaariis irra buufameera.

Abbaa Haayilemikaa'el fi lubooti kaan fuuldura taa'an. Bitaafi mirga isaaniin ammoo barattoonni tarreen taa'aniiru. Fuuldura keenya minjaalli irratti nyaatan taa'era.

Nyaata dhama gaarii qabu nyanne kana hojjettoota Vaatikaan lammiilee Itoophiyaa hin taanetu qopheesse jechuun nutti himan. Boodarra minjaala dhibamaa adeemurra bunni dhiyaate nuu hirame. Buna gaarii dhugne. Kadhata gabaabaa booda maaddiin ka'e.

Erga kuni tahee guyyaan 55 darbeera. Soomni yeroo nuti Vaatikaan daawwanne hiikamee har'a hordoftoonni amantichaa kabajataa jiru.

Faasikaa 500 caala kan kabaje bataskaanni Abisiniyaa har'as akkuma haaraa tahetti jira.