Waa'ee qoricha Vayaagiraa akka tasaa argamuun addunyaa jijjiire beektuu?

Viyaagiraa

Madda suuraa, Getty Images

Kalaqni vayaagiraa seenaa walqunnamtii saalaa dhala namaa keessatti jijjiirama guddaa fide.

Ammoo kan nama ajaa’ibu argannoo akka tasaa yeroo yaalii waan biraa yaada keessa galchuun kan argame ture.

Vayaagiraan bara 1998 gurgurtaaf kan dhiyaate yoo ta'u, battaluma sanatti qoricha baay'ee gurgurame ta'e.

'Kiniinii bifa cuquliisa' akka tasaa dhaabbanni qorichaa Ameerikaa Faayizeriin argate kunin madda galii guddaa isaaniif ta'e.

Ji'oota sadan jalqabaa qofa keessatti lammiileen Ameerikaa kiniina, fedhii saalqunnamtii qaama saalaa dhiiraa dadammaqsu, kanaaf tilmaama doolaara miiliyoona 400 baasan.

Vayaagiraa: Seenaa argannoo hin eegamne

UK keessatti kutaa qorannoo dhaabbata Faayizar keessatti kan hojjetan Dr. Mitra Bollil BBC Biraaziilitti akka himanitti, qorichi har'a qaama saalaa fooyyessuuf itti fayyadamnu akka carraa argame.

Siimoon Kaampbeel ogeessa keemistirii yoo ta'an, dhaabbata Faayizar waliin qoricha dhukkuba onnee qorataa turan.

Sagantaa BBC World Service'tti akka himanitti qoricha 'amlodipine' jedhamu kan qoricha dhukkuba onneetiif baay'ee beekamaa 4ffaa ta'e argataniiru.

Gama biraatiin ammoo Siimoon argannoo biraa molakiyuulii marsaa GMP jedhamu maashaalee boqochiisuuf gargaaru argatani.

Saayintistiin qorannoo kana irratti hirmaatan kan biraan akka jedhanitti qorannoo kana irratti wanti dhiibbaa dhiigaa 'inguinal hypertension' yaaluuf oolu tokko argameera.

Garuu yeroo qorannoo kanaa gareen Siimoon bu'aa barbaadamu argachuu hin dandeenye.

"Baay'ee mufanne, sagantichis waan addaan citu fakkaata ture," jechuun ibsu.

saayintistoota

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saayintistoota qorannoo gaggeessan

"Haa ta'u malee, bu'aa qorannoo kanaa ilaaluuf qoricha dabalataa tola ooltota irratti fayyadamuun yaaliin xumuraa guyyoota kudhaniif akka goonu murtaa'eera."

Jalqaba bara 1990'oota keessa yaalii saayinsii akkasii kanaaf tola ooltota dhiiraa qofatu filatama ture.

"Qormaanni erga xumuramee guyyaa kudhan booda bu'aan isaa maal akka ta'e gaafannee deebii hedduu hin arganne," jedhan Siimoon.

"Hogganaa qorannichaa gaafannee dhukkubsattoota tola ooltota, dhukkuba onnee qaban irratti, dhukkubbiin maashaalee, dhukkubbiin mataa fi dhukkubbiin garaa akka mul'ate dubbateera."

Garuu narsoonni yaalii kana irratti hirmaatan waan biraa arganiiru. Qaamni saalaa tola ooltoota kan idilee caalaa ka'uun mul'atee ture.

Yaaliiwwan kilinikaa keessatti tola ooltonni gaaffiiwwan beekamoo kanneen akka: ''Dhukkubbiin sitti dhaga’amaa? Yookiin maaltu sitti dhagaʼama?'' jedhu gaafataman.

Dr. Piitar Eliis bu'aa qorichi haaraan kun qabu irrattis hojjechaa turan.

“Gaaffilee kanaaf deebii arganne keessaa tokko namoonni qaama saalaa dhiiraa keessatti waan hin baramne argaa turan,” jechuun ibsu.

Bu’aan kun garee yaalii kana keessatti hirmaateef baay’ee kan nama ajaa'ibuu fi kan hin eegamne ture.

"Tola ooltota saddeet keessaa shan akkas turan, kanaaf bu'aa qorichi kun yeroodhaaf qabu moo qoricha dhala dhabuu dhiiraa arganneerra jennee yaadaa turre,” jedhan Dr. Piitan.

Kalaqa Viyaagiraa keessatti kan hirmaatan Dr. Deeviid Braawuun ammallee tola ooltota kanaan wal arguu akka barbaadan dubbatu.

"Yeroo sanatti maallaqa xiqqoo argachuu barbaadan ta'us, garuu jireenya namootaa irratti jijjiirama guddaa fidaniiru."

Viyaagiraa

Madda suuraa, PFIZER

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon Vayaagiraa akka hin eegamnetti argamsiise bara 1992 kan gaggeeffame yoo ta'u, argannoo sana booda garuu Faayizar [Pfizer] yaalii dabalataa 21 gaggeesse.

"Yaaliiwwan kun dhukkubsattoota qaama saalaa dhiiraa ka'uu dadhaban kan hirmaachise yoo ta'u, yaaliiwwan hunda keessatti qorichi kun hojjeteera.

''Kunis kan nama ajaa'ibu ture. Sababiin isaas yeroo baay'ee yaaliin tokkollee bu'aa 100% hin kennu," jedhu Siimoon.

Wanti biraa yaalii kanaa nama hawwata ture, 'yeroo baay'ee dhukkubsataan tokko qorichi yeroo kennamu ni dagatu, qoricha fudhachuu hin yaadatu' jedhu.

Yaalii kanaaf garuu rakkoon akkasii hin turre jedhu Siimoon Kaampbeel.

“Tola ooltonni Viyaagiraa hin fayyadamne deebisuu akka didan namoonni yaalicha irratti hirmaatan natti himaniiru,” jedhan.

"Kiniina meeqa eenyuuf akka kennine beekna turre garuu dhukkubsattoonni kiniina dabalataa hin qabnu jedhanii soban."

Yaaliin kilinikaa Viyaagiraa baay'ee milkaa'aa waan tureef Faayizar dafee gabaaf dhiyeessuuf murteesse.

Kiniina

Madda suuraa, Getty Images

Ji'a jaha keessatti Abbaan Taayitaa Qorichaa, FDA kiniina kana gurgurtaaf raggaasiseera.

Sababa tola ooltota sana namoonni miliyoonaan lakkaa'aman fayyadamoo waan ta'aniif Vayaagiraan qoricha addunyaa irratti baay'inaan itti fayyadaman ta'e.

"Wanti nama hawwatu yeroo yaaliiwwan jalqabaa, bu'aansaa akka tasaa argame qorichi akkasii akka barbaachisu hin beeknu turre," jedhu Siimoon.

Garuu kun seenaa addunyaa keessatti rakkoo durii ta'ee jira.

Seenaa keessatti dhimmi kun barreeffamoota Gibxii durii kanneen Dh.K.D bara 2,000 keessa turan keessatti argama.

Garuu argannoon Vayaagiraa rakkoo kanaaf furmaata warraaqsaa ta’e argamsiiseera.

Vayaagiraan dhangala'aa dhiigaa gara qaama saalaa dhiiraatti deemu akka fooyyessu Siimoon ni ibsu.

Yeroo ammaa kana Vayaagiraan dhukkuboota biroo yaaluuf kan oolu yoo ta’u, qoricha kana fayyadamuun kaansarii sammuu yaaluun akka danda’amu qorannoon taasifamaa jira.

sarara qal'oo

Akkuma qorsa kamuu Vayaagiraanis sirnaan fudhatamuu qaba, kan yaadameefin alatti hojiirra oola taanaan miidhaa cimaa hanga hamaa tahe dhaqqabsiisa.

Miidhaan namoota hedduurra mudachuu malan keessaa:

  • mataa bowwoo, lafti maruu, rakkoo ijaa (xiyyeeffachuu dadhabuu), funyaan cufamuu, miira garaan hammaachuu

Gama kaaniin qorsa kana ogguu fudhattutti miirri armaan gadii sitti dhagahamnaan, oggasuu dhaabuu akka qabdu ogeeyyiin ni gorsu:

  • dhukkubbii lapheerraa, rakkoo ijaa tasaa, alarjii (kanneen akka harganuu dadhabuu, hidhiin, baallee ijaafi fuulli dhiita'uu) fi gaggabuu.