Dhiiroonni qoricha dhala dhorku fudhachuuf qophaa'oodhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni pilsii ykn qoricha dhala dhorku kan dhiiraan fudhatamu omishuuf gara waggoota 50 ta'uuf hojjataa turaniiru.
Bajatni xiqqaachuufi jarreen dhiiraa fedhii dhabani jechuun baay'inaan akka hin oomishamne taasisa. Kunimmoo, ammallee dubartoonni ulfaa'uu dhabuf itti-gaafatamummaa fudhatu jechuudha.
Haa ta'u malee, qorannoon akka mul'isutti qorichi dhala dhowwu yoo ofudhatan fedhii kan qaban baay'eedha.
Qorannoo Biriteen keessatti taasifamen dhiirota 10 keessaa 8 qorichoonni dhala dhowwuuf liqimfaman korniyaa lamaaniin fudhatamuu akka qaban himaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaatti qorannoo taasifameen immoo ''hamma tokko'' kondomiin ala qoricha dhala to'achuuf jarri dhiiraa liqimsan fudhachuuf akka fedha qaban ibsaniiru.
Qoricha dhala dhorku kamitu akka addunyaatti beekamaadha?
Akka qorannoon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) bara 2015 taasifame jedhutti abbaa warraa fi haadha warraa addunyaa irra jiran keessaa 64% kan ta'an qoricha dhala to'atu fayyadamu.
Haa ta'u malee, itti fayyadama irratti gara caalu kan dubartootaatu baay'eedha. Jarreen dhiiraa keessaa 8% qofni kondomii yeroo fayyadaman 2% immoo qoricha wal'aansa baqaqsanii yaaluu xiqqootin taasifamu fayyadamu.
Yeroo ammaa dubartoonni miiliyoona 100 ol Awurooppaa, Awustiraaliyaa akkasumas Niw Ziilaand keessatti Piilii fayyadamu.
Afrikaa, Laatin Ameerikaa akkasumas Ameerikaa Kaabaatti filannoo lammataa yeroo ta'u Eeshiyaattimmoo filannoo sadaffaadha.
Waggoota dheeraaf piiliin dubartoota barnootaaf yookiin hojiif jedhani dhala godhachuu hin feene gargaareera.
Sababa kanaafi mirga dubartootaa kabachiisuu keessatti waan olaanaa akka ta'eefi kalaqa jaarraa 20ffaa keessaa kanneen gurguddoo keessatti maqaan kan dhahamu.
Yeroo hawaasni walqixxummaaf dursa kennaa dhufetti garuu rakkoo qoricha dhala dhowwu liqimsun fidun alatti dhimmoota kaan dabalatee duabrtoonni qofti qoricha kana akka fudhatan ta'un gaaffii ta'aa dhufe.

Madda suuraa, Getty Images
Maaliif hanga yoonaa piiliin dhiiraa dhibe?
Erga qorichi dhala dhowwuufi dubartoonni liqimsan kalaqame ummata bira gahuuf waggoota kudhan qofa fudhate.
Qorichi dhiiraa bara 1970 keessa ifa ta'e gabaarra ooluuf hanga yoonaa maaliif ture?
Saayintistoonni tokko tokko qoricha oomishuuf dhiiraa kan dubartii caalaa ni cima jedhu. Qorichi dhiiraa oomisha ispeermii dhorkuun kan oolu yoo ta'u, rakkoo biraas qabaatuu mala.
Dhimmoonnii hawaasummaafi diinagdee waliin ka'anis jiru.
Inni biraan immoo qorannoon saayinsii walhormaataa fi medisinii yeroo dheeraaf dhiiraa caalaa qaama dubartootaa qorachuurratti xiyyeeffate.
Rakko deeggarsa yookiin fandii dhabuunillee qorannoon piiliin dhiiraa irratti taasifamu dafee hin eegale.
Dubartoonni qoricha dhala dhorku fudhachuu irratti dhiira abdatu kan jedhullee gaaffii biraati.
''Hojii dubartootaa?''

Madda suuraa, Getty Images
Qoricha dhala dhorku liqimsuun ''hojii dubartootaati'' jedhamu waan yaadamuf jarri dhiiraa liqimsaa hin turre.
Haa ta'u malee, yeroo ammaa dubartoonni fi dhiironni yeroo kaan caalaa hojii manaas ta'e dhala guddisuu keessatti qooda walii hiruun guddateera.
Rakkinoota hawaasummaafi diinagdee piilii dhiiraa guddina dhorkan keessa falli inni guddaa Walqixxummaan saalaa mirkaneessuudha.
Piilii dhiiraa arguuf waggaa shantamaaf eegaa turre, si achii waggaa 50'f garuu eeguu hin qabnu.

















