Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhuguma Itoophiyaan guddina diinagdee olaanaa galmeessuuf deemtii?
Gabaasa IMF dhiyeenya kana baaseen, biyyoonni Afriikaa shan guddina diinagdee olaanaa galmeessisuuf jiru – Angoolaa, Naayijeeriyaa, Afrikaa Kibbaa, Keeniyaa fi Itoophiyaa.
Ardii Afrikaatti biyyi Naayijeeriyaatti aanuun oomisha boba’aan beekamtu Angoolaan, bara 2023 kana keessa oomishnishee waliigalaa biyya keessaa (GDP) harka 8.6 ni gaha jedha raagni dhiyaate.
Oomishni waliigalaa biyya keessaa Naayijeeriyaa ammoo gara Doolaara biiliyoona 422 guddata jechuun jaarmiyaan kun kaaheera.
Akka gabaasa Fandii Maallaqaa Addunyaa dhiyeenya kana baheen, Itoophiyaan Keeniyaa bira taruun, biyyoota Sahaaraan gadi jiran keessaa diinagdeen afreessoo taati jedha.
Raagni IMF kun waraanni kaaba biyyattii keessa adeemaa ture dhaabbachuun isaa, akkasumas riiformiin gama karoora diinagdeen taasifame, biyyattiin Afrikaatti kanneen diinagdeen dursan keessaa ishee taasisa jedha.
Akka jaarmiyaa kanaatti oomishni waliigalaa biyya keessaa - GDPn harka 5.3n guddachuun, doolaara biiliyoona 126.2 gaha jedha.
Haatahu malee gabaasni IMF kun namoota hedduu biratti gaaffii kaaseera.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni dhaabbatus, iddoowwan hedduutti lolaafi rakkoolee akka akkaan kan muddamaa jirtu biyyi kun, akkamiin hanganaan diinagdeen guddachuu dandeessi kan jedhu gaaffii ogeeyyii hedduutti.
Jaarmiyaan IMF eenyu?
Fandiin Maallaqaa Addunyaa - IMF biyyoota miseensa tahan 190 kan qabu oggaa tahu, biyyooleen kunis diinagdee addunyaa tasgabbeessuuf wajjiin dalagu.
Biyyootni ulaagaa garii dhaabbata kanaa guutuu danda'an miseensa tahuu kan danda'an ennaa tahu, miseensa tahuufis akkuma sadarkaa diinagdee isaaniitti beesseen baasan ni jira.
Kanneen qabeenya guddoo qaban, hedduu baasu.
Dhaabbanni kun kaayyoo gooroo sadii qaba - diinagdeefi haala maallaqaa biyyootaa hordofuu, biyyooleen akkamiin diinagdee isaanii akka guddisan gorsuu fi kanneen rakkoon mudateef liqeefi qarqaarsa kennuu.
Dhaabbanni kun kan liqii kennu, humna maallaqaa biyyoonni buusan irratti hundaa'uuni. Bara 2018 keessa Arjentiinaan liqiin IMF irraa argatte doolaarri biiliyoona 57, seenaa jaarmiyaa kana keessa liqii isa guddaa tahuun galmaayeera.
Yunivarsiitii Harvaarditti ogeessa diinagdee kan tahan Benjaamin Fireedmaan, bu'a-qabeessummaa dhaaba kanaa madaaluun salphaa miti jedhu.
Sababni ijoo kanaatis, jaarmiyaan kun dhimmoota adda addaatiin gidduu seenuun isaa, haalota foyyesseera moo ittuu hammeesseera kan jedhu beekuuf ulfaataa tahuusaati jedhu.
Ogeeyyiin kaan ammoo, dhaabbanni kun qarqaarsi 1980'ota keessa Meksikoof, 2002tti Biraaziliif taasise, bakka guddaa qaba jedhu.
IMF liqee kennuuf ulaagaalee biyyoonni guutuu qabu jedhee kaa'u ''rakkisoodha'' yeroo jedhaman ni mul'ata.
Mootummoonni biyyootaa gibira korporeetii akka hirdhisan, kanarra darbees diinagdee isaanii invastaroota biyya alaaf akka banan dirqamsiisa jedhamuun komatama.
IMF ragaa eessaa argata?
Ogeessi diinagdee Amaanu'el Eliyaas oomishni waliigalaa biyya keessaa - GDPn agarsiiftuu guddina diinagdee keessaa tokko yoo tahu, kophaasaa garuu waan guutuu hin agarsiisu jedhu.
"Nama tokko dhiibbaa dhiigaa isaa callaa qorannee, fayyaa qabamoo, hinqabu jechuuf akkuma hin dandeenye, GDP qofa akka madaalliitti fudhachuu hinqabnu," jechuun yaadasaanii dhiyeessu.
Haala faayinaansii biyyattii, humna dameen dhuunfaa bilisummaan qabeenya hojiirra oolchuu, wabii nyaataa, bu'uuraalee misoomaa, fi bilisummaa jaarmiyaalee ilaaluun barbaachisa jedhu.
Dabaluunis qo'annoo gochuun dhaabbilee idil-addunyaaf kan kennan ogeeyyii tahanis, walabummaan qo'annichaa shakkisiisaa tahuu akka malu kaasu.
"Qo'annoo kan gaggeessan ogeeyyii malee namoota siyaasaa miti. Haa tahu malee, dhaabbileen akka Baankii Addunyaa fi IMF dhiibbaa siyaasaarraa bilisa jechuu hin dandeenyu. Biyoonni Lixaa humna qaban, humna dhiibbaa gochuus qabu."
Mootummaan Itoophiyaa wayita humnoota TPLF wajjiin waraana gubbaa turetti, jaarmiyaalee maallaqaa biyyoota Lixaarraa dhiibbaa mudate akka fakkeenyaatti kaasu.
Wayita sanatti dhaabbileen akka Baankii Addunyaa fi IMF, mootummaan Itoophiyaa waraana deemaa jiruutti xumura yoo laate malee, qarqaarsa akka hin arganne ibsaa akka turan ogeessi kun dubbatu.
Hayyuun dhimmoota diinagdee irratti qeeqaa fi barreeffama garagaraa dhiyeessuun beekamanii fi Kuwait Institute for Scientific Research (KISR)tti qorataa tahan Ayyala Galaan (PhD), gabaasni guddina diinagdee Itoophiyaa raaguuf IMF baasee kanneen shakkiin ilaalan keessaati.
“IMF ragaa kana biyyumarraa fudhata. Waanuma biyyi sun itti ergite fudhee [xiinxaluun], waan ni taha jedhe baasa.
Garuu waan mootummaan biyya tokkoo jedhe sanarraa danuu fagaachuu hin barbaadu, lola kaasa waan taheef.”
IMF fi Baankiin Addunyaa fi Itoophiyaan yeroo dheeraaf dhimma ragaa ergameen walqabatee yeroo yeroon waldhabaa turan kan jedhan hayyuun kun, “bulchiinsa amma dura turerraa lolli itti baay’annaan, waanuma itti ergame maxxansuu calqaban.”
IMF bara 2021 keessa oomisha waliigalaa-GDP Itoophiyaa ilaalchisuun, raaga baasuu hin danda’u jechuun isaa ni yaadatama.
Kunis wayita mootummaan jiddugaleessaa fi humnoonni Tigraay lola cimaa gaggeessaa turanitti.
Raaga guddinaa amma bahe kanarratti shakkii guddaa qabu Dr Ayyalaan. “Waan Itoophiyaan keessa dabarte, haala diinagdeen biyyattii keessa jiru, otoo [lammiileen miiliyoonaan lakka’aman hanqina nyaataarra jiranii], otoo loon hedduun dhumaa jiranii… GDPn Itoophiyaa attamitti %5n guddate, kan jedhu gaaffii guddaadha.”
Tilmaamni guddinaa kun “waan raajiiti” kan jedhan ogeessi diinagdee kun, “Itoophiyaatti bakka hedduu keessa qonnaan bulaan buqqa’ee, hojii dhiisee beelarra jira… Oromiyaa keessa bakka hedduutti rakkoon nageenyaa jira. Kana otoo arginuu diinagdeen ni guddata jedhanii yaaduun sammuun nama dida.”
IMF waggaa waggaan biyyoota addunyaarra jiranii ilaalchisee gabaasaalee hedduu akka baasu kan himan ogeessi diinagdee kun, qaamoleen garagaraas ragaa dhaabbanni kun baasu akka fedhii ofiisaaniif tolutti micciranii dhiyeessuun ni mul’ata jedhu.
“Durumaa qabee diinagdee Itoophiyaa akka malee guddata jedhanii itti dabalanii himuun aadaa tahaa dhufeera,” kan jedhan ogeessi kun, kunis itti fayyadama ragaa dhiyaatu kana hubachuu dhabuurraa madda jedhu.
Marsariitiin dhimmoota diinagdee Afrikaa keessaa maxxansuun beekamu Business Daily gabaasa IMF baase kana hordofuun dhiyeenya gabaasa hojjeteen, “Diinagdeen Itoophiyaa fi Angoolaa, kan biyya Keeniyaa caaluuf akka jiran IMF raageera,” jedhe.
Kanuma bu’uura godhachuun fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa Itoophiyaa keessaa, gabaasa kana akkaan qoodaa turaniiru.
Dr Ayyalaan kanarratti: “Durumayyuu GDPn Keeniyaa kan Itoophiyaa caaluun isaa waan falaati. Hangam diinagdeen Itoophiyaa dadhabaa tahuu isaa agarsiisa.
Itoophiyaan waanuma hundaan Keeniyaa harka lama caalti. Bal’ina lafaan, baay’ina uummataa,… Egaa GDPn sun yoo walqixa tahe, hanga har’aatti GDPn nama namaan-per capita ennaa hirame, kan Keeniyaa harka lamaan caala.
Waliigalatti qabeenyi lammiilee Keeniyaa dachaan kan Itoophiyaa caala jechuudha.
Amma namoonni tokko tokko GDPn Itoophiyaa kan Keeniyaa caaluuf deema jedhanii, ennaa paartii waaman qaaneeffachuu qabu.
Qabeenya nama dhuunfaatti yoo deebisne, kunoo reefu walakkaa Keeniyaa taane amma [kan jedhutu haqa.]”
Itoophiyaan sirna biyyoota garee 20 kan tahe ‘Common Framework’ jedhamuun, liqiin irra jiru akka hir’atu gaafattus, lola Tigraayin walqabatee adeemsichi akkaan harkifate.
IMF liqii biyyootaaf kennuun dura, biyyi liqaa gaafatu, qaamolee liqeessan irraa fedhiin gaarii argamuu qaba jedha. Waraanni Tigraay dhaabbachuu hordofee, IMF Itoophiyaaf liqee maallaqaa kennaa laata kan jedhu gaaffii dhibiidha.