Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Doonald Tiraamp Kibxata irratti to’annoo jala oolfamuu akka danda’u hime
Pirezdaantiin duraanii US, Doonald Tiraamp Kibxata irra to’annoo jala olfamuu akka malu ibsuun, deeggartoonni isaa hiriira mormii guddaa akka ba’aniif waamicha dhiyeesse.
Ta’us abukaatoon isaa, dhimma kana irratti qaama seeraa irraa wanti jedhame akka hin jirree fi wanti pirezdaantiin duraanii kun barreessan wanta gabaasa miidiyaa irratti hunda’eedha jedhaniiru.
Abbootiin alangaa Obbo Tiraamp irratti himata banuuf qorannoo gaggeessaa turaniiru. Gabaasaaleen tokko tokko torban dhufu kun milkaa’uu danda’a jedhu.
Yoo himatni irratti baname, kun himata yakkaa jalqabaa, pirezdaantii duraanii US irratti baname ta’a.
Himatni kun, filannoo pirezidaantummaa 2016 dura, hojjettuu filmii walqunnamtii saalaa Istoormii Daani’eel, callisiisuuf gama abukaatoo isaan maallaqa kaffaleera kan jedhu irratti xiyyeeffata.
Dhimmi Istoomy Daani’eel, akkamiin erga abukaatoon isaa Maaykel Koohen Aadde Isroormiif doolara 130,000 kaffalee booda Tiraamp maallaqicha isaaf bakka buusuu isaadha.
Gaabaasii kaffaltii maallaqa Kooheniif kenname kun, kaffaltii “baasii seeraaf” kan taasifamedha akka ta’e agarsiisa. Abbootiin alangaa kun Tiraamp gabaasa daldalaa irratti sobuu isaa kan agarsiisudha jechuu danda’u. Kun bulchiinsa Niw Yoork keessatti yakka gadi aanaadha.
Kun dhimmoota Tiraamp ittiin qoratamaa jiru keessaa tokkodha, ta’us himati ammatti irratti baname jiraachuu dhabus, namni siyaasaa umurii ganna 76 kun wanta hunda haaleera.
Obbo Tiraamp, himati irratti dhiyaatus, filannoo pirezdaantummaa 2024 irratti deebi’ee hirmaachuuf waadaa seeneera.
Yaaliin pireezidaantii duraanii qorachuuf amma dura taasifaman kanneen akka: aangoorraa buqqisuu marroo lamaaf, qorannooo Raashiyaa fi dhimma mana bakka jireenyaa Mar-a-Lago, deeggartoota isaa biratti fudhatamummaan isaa akka dabalu taasisaniiru.
Dhimmi himannaa kunis bu'aa walfakkaataa fida jedhamee yaadama.
Torban dhufu keessatti himati yakkaa irratti kun dhiyaachuu danda’aa? ykn yakka maaliin himatamuu danda'a kan jedhu ammatti hin baramne.
Ta’us garuu pirezdaantiin duraanii kun to’annoo jala akka oolfamu raaguun isaa fi hiriira mormii waamuun isaa, garamitti akka geessuu malu tilmaamuun ulfaataadha.
Sanbata miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamu irratti Tiraamp, odeeffannoon waajjira abbaa alangaa Manhaatan keessaa ‘miliqee ba’e’ akka inni Kibxata irratti to’annoo jala oolfamu agarsiisa jechuun barreesseera.
Wajjiirri abbaa alangaa dhimma kana irratti waan dubbate hin qabu.
Abukaatoon Tiraamp, Suusan Necheelsi gamasaaniin, gartuun ishee qondaltoota seeraa irraa dhimma kana irratti wanta dhaga’an akka hin qabne himan.
Doonaald Tiraamp eenyu?
Donaald Tiraamp pirezdaantii Ameerikaa 45ffaa ta'uun kan filatame bara 2017tti.
Donaald Triimp A.L.A Bara 1946tti Ameerikaa magaalaa Niiw Yoork, Kuuwiins keessatti dhalate. Abbaa isaa Fireedrik Tiraampi fi haadhasaa Meerii Makleediif ijoollee shan keessaa mucaa arfaffaadha.
Abbaan Doonald, Fireedrick nama hojii ijaarsaa manneeniifi gamoowwanii irratti hojjatu ture. Keessumaa naannoo Kuwiins, Istaten Ayilaandiifi Biruuklanitti hedduu beekamaa ture.
Harmeen Tiraamp, Meerii Makleed, bara 1929tti shamarree ganna 17 taatee Toongi , Iskootlandirraa gara Ameerikaatti godaante. Isheefi Fireed bara 1936tti bultoo dhaabbatani. Qabeenyi maatii kanaa akka dabalaa deemeen Meeriin tola ooltuufi beekamtu magaalaa Niiw Yoorki taate.
Abbaan Trump bara 1999ti harmeen isaa ammoo waggaa itti anutti addunyaa kanarraa boqotan.
Donaald John Tiraamp eenyudha: Gabaasa guutuu