Raashiyaan akka US meeshaa nuukilaaraa ishee hin sakattaane dhorkite

Raashiyaan akka US meeshaa waraanaa nuukilaraa isheerratti sakatta'insa hin taasifneef dhorku beeksifte.

Kanaan dura waliigalteen sakatta'insa meeshaa nuukilaraa hayyamu ‘NEW START’ jedhamu turellee, Raashiyaan amma Ameerikaan akka hiree waliigaltee kanaa fayyadamuun sakatta'insa hin taasifneef yeroodhaaf dhorkiteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa akka jedhetti, faayidaashee barbaaddi waan ta'eef Raashiyaan daangaa US keessatti mirga sakkatta'uu akka hin qabaanne dhorkiteetti.

Ameerikaan waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteen wal qabatee biyyoota Raashiyaa irratti qoqqobbii kaa’an keessaa tokkodha.

Waliigalteen meeshaalee waraanaa nuukilaaraa ilaalchisuun sakatta’insa akka taasisaniif biyyoota lamaan jidduutti kan taasifame bara 2011 keessa ture.

Waliigalteen ‘NEW START’ kun waliigaltee dhumaa biyyoota yeroo Waraana Hololaatti waliif masaanuu turan gidduutti taasifame isa dhumaa ture.

Waliigaltichi kan baayyina meeshaa waraanaa nuukilaaraa biyyoonni lamaan bobbaasan 1,550 hir'isuun waraana nuukilaraa hambisuuf jedhameeti.

Dhorkaan kun kan dhufe erga Pirezidantiin US Joo Baayidan waligaltee meeshaa waraanaa nuukilaraa ilaalchisuun Pirezidant Vilaadmiir Putiin waliin qabaachuuf irratti hojjechuuf akka qophii ta'an himanii torbaniin boodadha.

Waliigalteen biyyoota lamaan gidduu amma jiru kun bara 2026 keessa dhumata.

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa dhorkaan kun kan ta’e haaluma buu’uura ‘’haaloota addaa’’ waliigalticha irra kaa’ameen jedheera.

Minisiteerichi Ameerikaan haalawwan kana dura turan kannen akka walitti dhufeenya qilleensaa fa’i dagatee jirti jechuun himate.

Raashiyaan baatii Guraandhalaa keessa Yukireeniin weeraruushee hordofee walitti bu’iinsi qaamoolee lamaanii gara waraana addunyaa sadaffaatti ce’uu mala jechuun akeekkachiisuu dabalatee, holoolawwaniifi dubbii wal barbaachuu dhagahamaa turaniiru.