'Dirooniin Yukireen' humnoota Raashiyaa Kirimiyaa jiran irratti qiyyaafate

Humnoota waraana Raashiyaa Kireemiyaa argamanirratti haleellaan haaraa dirooniidhaan irratti raawwatame.

Qondaalli Raashiyaan bulchaa Kiriyeemiyaa gochuun muudde akka himanitti, diroonii Yuukireen doonii Raashiyaa Galaana Gurraacha, magaalaa Sevastaapoolitti argamu haleeluurratti qiyyaafate Sambata duraa rukutamee kufeera.

Kun otoo haala kanaan jiruu Pirezedantii Yuukireen Volodmiir Zeleniskiin, to’attoonni dhimma buufata niwukilaaraa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii buufata niwukilaaraa Zaporiziziyaa akka daawwatan waliigalamu simataniiru.

Sambata darbe ganama vidiyoon gadhifame tokko maadhee waraanaa naannoo Sevastapool jedhamuu fi bakka doonii waraanaa Raashiyaatti argamu keessaa aarri bahuu agarsiisa ture.

BBC’n waa’ee viidiyoo kanaa qaama walabaarraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Qondaalli Raashiyaan bulchaa Kiriyeemiyaa gochuun muudde Mikaa’il Razvozayiv, miidhaan qaqqabe xiqqaa ta’uu dubbatan.

Aab Razvozayiv akka jedhanitti, farri-xiyyaaraa doonii Raashiyaarraa dhukaafame diroonii Yuukireen ‘’rukutee mancaaseera.’’

Akka qondaalli kun jedhanitti, diroonichi bantii waajjira muummee maadhee waraanaa Raashiyaa Kireemiyaatti argamurratti kufe.

Aab Razvozayiv ''miidhaan guddaan qaqqabes hin jiru, namni miidhames hin turre,'' jedhan.

Aab Razvozayiv Sambata waaree booda ''meeshaan farra-xiyyaaraa Sevaastopootti ammas irra deebiin tarkaanfii fudhateera'' jechuun odeeffannoo bal’aa kennuurraa of qusatan.

Guyyoota muraasaan asitti Kireemiyaatti haleellaan diroonii hedduun qaqqabun kan gabaafame yoo ta’u, haleellaa kana keessa tokko Kamisa naannoo buufata humna qilleensaa Sevastopoolitti qaqqabe.

Haleellaan biraas Jimaata naannichatti qaqqabeera.

Jalqaba ji’a kanaatti jeettiiwwan waraanaa Raashiyaa sagal haleellaa buufata waraanaa Raashiyaa Sakii, Dhiha Kireemiyaatti argamurratti raawwatameen barbaadaa’ee ture.

Viidiyoon bakka haleellaan sun itti qaqqabeerra waraabame turistoonni Raashiyaa rizortii naannichatti dhiyaatee argamu keessaa wayita baqatan agarsiisa.

Kireemiyaan weerara Raashiyaan bara 2014 Yuukireen irratti raawwatteen humnaan gara Raashiyaatti dabalamte, Yuukireen garuu deebistee fudhachuu dhuunfachuu barbaaddi.

Taatullee mootummaan Kiyiiv haleellaa tibbana Raashiyaarratti raawwatamaa jiru keessa qooda qabaachuu hin amanne ykn hin haalle.

Raashiyaan gama isheetiin haleellaa qaqqabe kanaaf namoota humnoota Yuukireenitti hidhata qabaniifi uggura gaggeessan balaaleffatte.

Qondaaltonni biyyoota Lixaa ta'iiwwwan akkasii qorqalbii humnoota Raashiyaarratti dhiibbaa uuma jedhan.