Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kamaalaa Hariis kaadhimamtuu Demookiraatii tahuuf deeggarsa gahaa argatan
Pireezidantiin ittaantuu Ameerikaa Kamaalaa Hariis bakka buutota warra Demookiraatii irraa deeggarsa gahaa argachuun kaadhimamtuu pireezidantii paartichaa tahuu miidiyaan BBC waliin hidhata qabu CBS gabaaseera.
Qorannoon gaafa Wiixataa Asooshiyeetid Pireesiidhaan adeemsifame akka agarsiisutti Kamaalaan bakka buutota paartichaa 1,976 tahan irraa filannoo marsaa tokkoffaan deeggarsa gahaa kaadhimamtuu isaan taasisu argataniiru.
Aadde Hariis ''deeggarsa bal'aa'' argachuu isaaniin ''akka boonan'' himuun kaadhimummaa isaanii ifatti fudhachuudhaaf akka qophaa'anis dubbataniiru.
Bakka buutoti ykn Delegates warri jedhaman pireezidantummaaf nama dorgomu kanneen naannoo isaanii irraa filamuun sagantaa kaadhimummaa pireezidantummaa Democratic National Convention (DNC), irratti sagalee kennani dha.
Bakka buutonni bulchiinsota 27 irraa Kamaalaa akka deeggaran ifatti ibsa baasuun himaniiru jedhe CBS.
Pireezidant Joo Baayidan dorgommii keessaa erga bahanii Kamaalaan deeggarsa bal'aa akka qabanis mul'ateera.
Baayidan dorgommii keessaa bahuu beeksisuun booda demookiraatonni hangafa jedhaman Kamalaa pireezidantummaaf kaadhimuuf yoo hiriiran doolaarri miiliyoonaan lakkaa'amus duula isaaniif dhangala'aa jira.
Waajira mummee Delaaweer argamutti Wiixata haasaa taasisaniin Hariis hojjettoota duula geggeessaniin, ''hamma gaafa filannootti guyyoota 106 qabna kanaaf hojii jabaatu nurraa eegama,'' jedhan.
Aadde Hariis mul'ata biyyaaf qaban garee duulaa isaanii beeksisuun dabalataan dhimmoota Tiraamp irraa adda isaan baasan himuun, waa'ee Tiraamp waan galmeeffatanii qaban isaan faallessuudhaaf akka fayyaadaman himan.
''Duulli keenyi yeroo hunda egeree biyya kanaaf waan garagaraa lama arguu irratti hundaa'a,'' jedhan. ''Tokko waan gara fuulduraa irratti xiyyeefata, kaan ammoo isa darbe irratti xiyyeefata.
Donaaldi Tiraamp biyya keenya gara fuulduraatti geessuu barbaada. Nuti egeree ifaa lammiilee Ameerikaa hundaaf waan qabutti amanna,'' jedhan.
Kana malees waan Baayidan milkeessan eeruun, ittaantuu isaaniin tahuun hojjechuun ''kabaja jireenya koo keessatti argadhe keessaa tokko,'' jedhan.
Haariis ''Joo Baayidan nan jaaladha, hundi keenyiyyuu ni jaalanna,'' jechuun sagalee kaadhimummaa isaan gahu argachuuf akka hojjetan dubbachuun, warra Demookiraatii fi biyya tokko gochuuf akka dhama'anis himan.
Sagantaa kaadhimamaa filachuu kanarratti Kamaalaan otoo waltajjiittii hin bahiin Baayidan dorgommii keessaa of baasuun booda Koovidiin qabamuu isaaniin iddoo adda baafaman irraa haasaa taasisaniiru.
Gargaartota hunda galateeffachuun Aadde Haaris akka ofiitti qabatan himuun, sababiin isaas ''isheen filannoo sirrii dha,'' jedhan.
''Oduun kaleessaa waan hin eegamne ture, fudhachuufis waan jabaa akka isinitti tahe nan amana garuu waanuma sirrii tahuu qabu dha,'' jedhan Baayidan.
Gareen isaanii marsaa lammaffaaf akka isaan dorgoman deeggarsa isaaniif ''dhagalaasuu'' himuun ammallee ''ani eessayyuu hin dhaqu'' jechuun duula irratti hirmaannaa isaanii akkatti fufan himan.
''Akkuma garaa guutuu anaan deeggartan Kamaalaafis akkasuma taasisaa,'' jechuun gareettii dubbatan.
''Ammallee demookiraasii keenya baraaruu qabna,'' jedhan. ''Tiraamp ammallee balaa biyya kanaati,'' jedhaniiru.
Baayidan dhukkuba isaanii irraa bayyanachuun Kibxata har'aa gara Waayit Haawusitti akka deebi'an eegama.