Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutiin ayyaana Faasikaa sababeeffachuun Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuu labsan
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Yukireen keessatti dhukaasa dhaabuu labsan.
Puutin dhukaasa dhaabuu kan labsan ayyaana Faasikaa sababeeffachuun ta'uu miidiyaalen Raashiyaa gabaasaa jiru.
Maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti, Raashiyaan har'a galgala sa'aatii 12 irraa kaasun haleellaa kamuu Yukireen irratti akka hin gaggeessine labsiteetti.
Raashiyaan dhukaasa dhaabuu labsitus gama Yukireenii hanga ammaa waanti jedhame hin jiru.
Kirimiliin garuu Yukireen faanashee hordofuun ayyaana kana sababeeffachuun dhukaasa akka dhaabdu abdii akka qabdu ibsite.
Akka gabaasa kanaatti dhukaasa dhaabun Raashiyaan labsite hanga Dilbata halkan walakkaatti kan turuudha.
Haa ta'u garuu, dhukaasa dhaabun kun gara waliigaltee nageenyaatti geessuu kan danda'uufi dhiisu ta'uunsaa ammatti waanti barame hin jiru.
Pirezidaant Puutin dhukaasa dhaabuu labsuunsaanii Doonaald Tiraamp Yukireenifi Raashiyaan dafanii waliigalteerra yoo hin geenye Ameerikaan akka harka keessaa fudhattu beeksisuu hordofeeti.
Miidiyaalen Raashiyaa akka gabaasanitti, Pirezidaant Puutin humni waraana Raashiyaa dameen hunduu Yukireen irratti haleellaa gaggeessuu akka dhaaban ajaja dabarsaniiru.
Garuu Yukireen labsii dhukaasa dhaabuu kana kan cabsitu yoo ta'e, humni waraanaa biyyattii tarkaanfii cimaa akka fudhatu beeksisan Puutin ibsa kennaniin.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa gamasaan ibsa baasen, waraanni biyyattii har'a galgala sa'aatii 12 irraa kaasee hanga Dilbata halkan walakkaatti haleellaa kamuu Yukireen irratti akka hin gaggeessine beeksise.
Dabaluunis, humni waraanaa Yukireenis tarkaanfii wal-fakkaataa akka fudhatu absii qabaachuu beeksise.
"Kun ta'ee otuma jiruu gama diinan labsii dhukaasa dhaabuu cabsuun yoo jiraate...haleellaa kamuu qolachuufis humni waraanaa keenya qophaa'aa ta'uu qaba," jechuun beeksise Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa baasen.