Dubbiin Tiraamp godaantonni 'saree fi adurree nyaatu' jedhan hangam dhugaa?

Duula Filannoo Pirezidaantummaa Ameerikaa Donaaldi Tiraamp fi Kaamlaa Haaris falmii jalqabaa Kibxata taasisan irratti Tiraamp dhimma godaantotaa irratti dubbii dubbataniin qeeqni jabaan mudateera.

Tiraamp falmii isaanii keessatti godaantootni bineeldota nyaatu jechuun dubbatan.

"Saree nyaachaa jiru, adurree nyaachaa jiru, bineeldota namoota achi jiraatanii nyaachaa jiru. Kun salphina," jedhan.

Falmii sana sa’aatii muraasa dura, itti aanaan Tiraamp, JD Vaans, Ohaayoo keessatti godaantonni Haayitii bineeldota ummata jalaa hatanii nyaachaa jiru jechuun haasawni ragaa hin qabnee miidiyaalee hawaasaa irra nanna’aa ture.

Qondaaltonni magaalattii BBC'tti ragaan amansiisaa himannaa kana deeggaru akka hin jirre himanis, Tiraamp falmii isaanii keessatti dhimmicha kaasaniiru.

Haaris gama isaaniin ''Waa'ee hin taane haasa'u,'' jechuun morkataa isaanii Tiraamp qeeqaniiru.

Vaans waa'ee godaantonni Haayitii bineeldota nyaachuu isaanii himannaa bu'uura hin qabne irra deebi'ee dubbachuu isaanii hordofee, qondaaltonni BBC Verify’tti akka himanitti, kun qabatamaan ta’uu isaa “ragaan amansiisaan hin jiru” jedhan.

Vaans barreeffama fuula X irratti barreessaniin, godaantonni seeraan alaa Haayitii irraa dhufan “guutummaa Ispringifiildi magaalaa xiqqoo Ohaayoo keessatti bineeldota nyaachaa turan, jeequmsas kaasaa jiru” jedhan.

Tiraampis ta’ee Vaansi paartiin Rippabilikaa dhimma godaantootaa irratti kaadhimamtuu paartii Dimookiraatotaa, Kaamlaa Haaris qeequuf itti fayyadamaniiru.

Dubbii himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Joon Kirbii yaada Vaansii kana ''balaafamaa'' fi ''yaada shiraa kan arrabsoo sanyummaa irratti hundaa'e'' jechuun qeeqan.

Himannaan kun eessaa dhufe?

Himannaan kun maddoota adda addaa hedduu irraa kan dhufe fakkaata.

Ragaa bu’uura hin qabne ta’us miidiyaa hawaasaa deeggartoota Tiraampi ta’aniin qoodamaa ture.

Walgahii Hagayya 27 komishinii magaalaa Ispiringfiildi irratti, jiraataan naannoo sanaa kan akka kan miidiyaa hawaasaa irratti dhiibbaa uumuun of ibsu godaantota Haayitii irratti himannaa akkasii kaasan.

Himannaa kana keessatti godaantootni kunneen daakiyyee paarkii nyaataaf qalaa akka turan dabalatee, qondaaltonni magaalattii godaantota fiduuf kaffaltiin isaaniif kaffalamuu isaanii himate, garuu himannaa kanaaf ragaa tokkollee hin dhiheessine.

Gama biraan ammoo baatii Hagayyaa gabaasni waa'ee dubartii Adurree ajjeestee nyaattee to'annoo jala oolte tokkoo toora interneetii irratti tamsa'aa ture.

Gabaasichi lammummaa dubartii kanaa hin eerre. Boodarra bakki mudate jedhame Ispiringifild keessa akka hin taane barame.

Magaalli keessatti raawwate jedhame Kaantonidha.

Poolisiin Kaantoon BBC'tti akka himetti: ''Komii godaantota Haayitii irratti dhiyaate kun tasumaa kan isaan ilaalatu miti,'' jedheera.

Eloon Maaski illee himannaa bu'uura hin qabne kana waan qoosaa itti maxxansuun yeroo miliyoonaan lakkaa'amu ilaalamera.

BBC Verify waa'ee himannaa kanaa Komishinii Magaalaa Ispringfiildi waliin dubbateen gabaasni amanamaa ykn himannaan addaa namootni dhuunfaa hawaasa godaantootaa bineeldota miidhuu isaanii agarsiisu akka hin jirre bira gaheera.

Ispiriingifild keessa ummanni 60,000 ta’u jiraata. Waggoota dhihoo godaantonni kumaatamni achi jiraachuu eegalani.

Baay’een isaaniimmoo Haayitii irraa kan dhufanidha. Waggoota muraasa qofa godaantonni 20,000 ta’an dhufani jedhu qondaaltonni magaalattii.