Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee dhukkuba tarsa'uu hidhii fi qoonqoo ilaalchise kana beektuu?
Dr Abrahaam G/Igzaabeer ogeessa Wal’aansa Baqaqsanii yaaluu Pilaastikaa fi qaama namaa suphuu (reconstruction) yoo ta’an, mudannoosaanii keessaa kan yoomuu hin daganne tokko akkanaan ibsu.
'‘Gurbaa an baayyee yaadadhu tokkotu jira. Dhiyoo kana wal’aansi baqaqsanii yaaluu taasifameef. Wal’aansichi akkaan milkaa’aa ture. Wa’aansa booda gurbaan odeeffannoo akka barbaadu na gaafate. Maaliif barbaadde jennaan yeroo dhihootti qormaatan qaba naan jedhe. Suuraan duraan ka’e fuula kiyya ammaan waan wal hin fakkaanneef qormaatarraa akka nah in dhorkineef naan jedhe,’’ jedha ogeessi kun.
Kun mudannoowwan tarsa’uu hidhii fi qoonqoo waliin walqabatee isa mudatan hedduu keessaa kan inni yaadatuudha.
Edoom (maqaashee isa dhugaa miti) shamarree umriinshee naannoo ganna 25 yoo taatu, kan ishee beekan hunduu nama kolfaan beekamtuu fi taphattuu ta’uushee ibsu.
Addunyaa si’anaa namuu yaadannoosaa (keessattuu suuraa yeroo ijoollummaa) miidiyaa hawaasummaarratti maxxansuun heddummaate kana keessatti Edoom carraa kana dhabuutti guddoo gadditi.
'‘Hiriyoonni kiyya ni maxxansu, an garuu gonkumaa gochuu hin danda’u,’’ jetti.
Edoom hidhiinshee baqaqaa ta’eetu dhalatte, ‘’Ijoollee ta’ee namoonni hedduun narratti xiyyeeffatanii na ilaalu turan,’’ jetti.
Maatii ijoollee afur qaban keessatti kan guddatte Edoom, wayita dhalattu miirri haadhashee jeeqamee akka ture itti himamuu ibsite.
'‘Haati kiyya wayita hidhii baqaqaa waliin dhalachuu kiyya argitu akkaan rifattee turte. ‘Maal baleessiini’ gaaffii jedhufaa keessa seentee turte,’’ jette Edoom.
Haati ishee akka waan ishee gatii balleessaashee taateetti gaaffii keessa seenuurratti dabalataan, ilaalchi hawaasaa akka guddoo ishee miidhe ibsite shamarreen kun.
Bakka deeman hundatti maatiinshee huccuudhaan fuulashee xaxanii deemaa kan turan Edoom, dhalattee umrii wagga saditti mana yaalaa geeffamte.
‘’Rakkoon kun maalirraa akka na mudatu gonkumaa hin beeku. Maatii keenya keessa wanti akkasii hin jiru,’’ jette Edoom.
Sababoonni baqaquu hidhii maali?
Baqaquun hidhii fi qoonqoo sababoota garaagaraan uumamus irra-jireessaan garuu uumamaan kan dhufuudha jedha Dr Abrahaam.
Sababni kan biraan ammoo dawaa yeroo ulfaa fudhatamuudha.
Akkasumas yeroo ulfaa vaayirasii hamaa fi keemikaala summaa’aaf saaxilamnaan carraan daa’imni hidhii tarsa’aa dhalachuu olaanaadha.
Sababa tokko yookiin sababoota walirratti baayyataniin tarsa’uun hidhii fi qoonqoo mudachuu danda’a jedha Dr Abrahaam.
Maatii keessa namni hidhii tarsa’aa yoo jiraate, carraan daa’imni akkasii dhalchuu olaanaa ta’a jedha ogeessi fayyaa kun.
Fakeenyaaf maatii keessaa haati, abbaan yookiin oboloonni rakkoo akkasii yoo qabaatan miseensi maatii haaraa dhalatus rakkoo kanaaf saaxilamuuf carraa olaanaa qaba.
Tarsa’uun hidhii fi qoonqoo miidhaa akkamii qaba?
Edoom akka jettutti miidhaa tarsa’uun hidhii irraan ga’uu guddoo hin yaadattu.
'‘Wayitan suuraa kiyya argu itti hin gammadu. Kanaan ala rakkoo narra ga’a hagas mara hin yaadadhu,’’ jette.
Dr Abrahaam ammoo miidhaa mudatu akkanaan ibsa: '‘Rakkoon yoo mudate wayita sooratan gara funyaanii seena. Kunimmoo fe’amuuf nama saaxila. Yeroo haasa’anis dhiibbaa namarraan ga’a.’’
Yeroo tokko tokko sagaleewwan karaa dogoggora ta’een uumamuun ergaa sirrii hin taane dabarsuunis mudachuu mala jedha Dr Abrahaam.
“Ilkanii fi foon ilkaanii irrattis miidhaa qabaata. Infekshinii uumuu danda’a,’’ jedhan.
Rakkoon kun miidhaa hawaasummaa fi xiin-sammuu namarraan ga’uu danda’a.
Edoom kanaafidha kan isheen suuraashee ijoollummaa agarsiisuuf dhiphattu.
Wal’aansa tarsa’uu hidhii fi qoonqoo
Yeroo ulfaa daa’imni tokko tarsa’uu hidhii fi qoonqoo qabaachuu qorannoo altiraasaawondiin beekuun ni danda’ama.
Rakkoon yoo mudatee argame wal’aanamuu danda’a jedha Dr Abrahaam.
Akkuma hammeenya rakkoo Kanaan wal’aansi sadarkaa adda addaa jiraachuu hime ogeessi fayyaa kun.
“Daa’imman osoo afaan hin barin dursanii yaalamuu qabu. Ji’a ja’a osoo hin guutin yoo wal’aanaman filatama. Ta’uu baanaan haasaarratti rakkoon mudannaan yoomuu hin dhaabbatu,’’ jedha.
Rakkoon Kanaan walqabatee naannoo funyaanii, ilkaanii fi gurraatti miidhaan yoo mudate wal’aansa baqaqsanii yaaluu walitti fufiinsaan barbaachisuu danda’a.
Yeroo rakkoon sadarkaa kanarra ga’u wal’aansa guutuu paakeejiidhaan kennuun dirqama ta’a jedha Dr Abrahaam.
Dhimmi ijoon kan biraan ammoo deeggarsa xiinsammuu nama dhibamee fi maatiif kennuudha jedha Dr Abrahaam.
Dhiheenya kana Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Alart daa’imman hidhii fi qoonqoonsaanii tarsa’ee dhalate miiliyoona 20 wal’aanuu kan danda’u giddugala tokko hundeessee eebbisiisuu ibseera.
Rakkoon tarsa’uu hidhii fi qoonqoo uumamaan kan mudate yoo ta’e ittisuun hin danda’amu, yoo miidhaa naannootiin kan mudate ta’e garuu wantoota miidhaa uuman kunneen irratti hojjechuun qolachuun ni danda’ama.
Dr Abrahaam shamarree wal’aane- kan fuullishee wal’aansa fayyaan jijjiiramuu isaaf ragaa barreeffamaa gaafatte irratti dabalataan yaadannoo kan biraas qabaachuu hima.
'‘Kun ammoo hiriyaa kiyya kan mudateedha,’’ jechuun yaadannocha ibsuu eegale.
"Haati mucaanshee erga wal’aansa baqaqsanii yaaluu argattee booda ‘mucaa kiyya ija namaa duratti hin dhiheessu’ jechaa turte. Yeroo baayyee ajjeesuuf yaaleera. Akkamitti akkan ajjeesu malaan ture. Daa’ima kiyya miidheera jechuun imimmaan dhangalaastee boosse,’’ jedhe.
Ammallee hidhii Edoom irra godaannisi jira.
Godaannisi kun garuu baayyee xiqqoodha. '‘Gariin ‘kufeeti moo?’ naan jedhu. Godaannisa kiyya ilaalanii,’’ jette.
Isheen amma gammachuu qabdi, kan duraan of dhoksaa turte haaloo ba’uuf amma gammachuudhaan kokkofalti.
Hedduu namootaa garuu wan wal’aanamanii hin fayyine itti fakkaachuun abdii kutannaadhaan jiraatu.