Dhaddachi barsiisaa suura Nabiyyuu Mohaammad agarsiisuu isaatiif ajjeefamee jalqabame

 Barsiisaa Saamu’eelii Patii

Madda suuraa, x.com/ch_capuano

Adeemsi murtii barsiisaa Saamu’eel Patii kan waggaa afur dura mana-barumsaa keessa barsiisuun alatti daandiirratti qalamee ajjeefamee Paaris keessatti ilaalamuu jalqabe.

Kutaa bulchiinsa Cheecheen irraa kan dhufe Abdullaahii Anzoorov yeroo sanatti akkuma billaa harka isaatti qabateen ajjeefamuun isaa hin dagatamu.

Adeemsi murtii kun barsiisaa kana eenyu ajjeesee osoo hin taane, akkamitti ajjeefamuu danda’e kan jedhu kan ilaalu ta’a.

Adeemsi murtii torbanoota torbaaf itti fufu kun akkamitti jireenyi barattuun umuriinshee wagga 13 taate sababa jibbarraa ka’uun duula miidiyaa hawaasaa irratti gaggeeffameen itti dukkanaa’ees ni ilala.

Namoonni lama dhaddacharratti dhiyaatan barsiisichi “maqaa Rabbii xureesseera” jechuun eenyummaa isaa adda baasuun, namoonni biroo lama ammoo Abdullaahiif gargaarsa gochuun, akkasumas namoonni dabalataa afur yakka raawwatame keessatti tumsa godhaniiru jedhameera.

Ajjeefamuun Saamu’eel Patii Faransaay keessatti rifannaa guddaa keessa galchuun oduu ijoo akka ture ni yaadatama.

Saamu’eel Patii mana-barumsaa sadarkaa lamaffaa barsiisu keessatti barsiisaa Seenaa akkaan jaallatamu akka ture himamaaf.

Manni-barumsaa inni keessatti barsiisaa ture magaalaa Paaris keessaa xiqqoo bahee kan argamudha.

Onkoloolessa 2020 waa’ee bilisummaa dubbachuu barsiisaa ture. Barattoota isaa ol adeemoo ta’an mata-duree kanarratti irra deddeebiin barsiiseera.

Bara 2015 keessa Barruun Chaarlii Ebdoo jedhamu suura Nabiyyuu Mohaammad maxxansee akkamitti akka warri barruu kana qopheessan garri caalan itti ajjeefaman akka fakkeenyaatti kaasuun barsiisaa ture. Barsiisuuf akka ta’utti suuraawwan kaartunii ta’an barattootatti agarsiisaas ture.

Barsiisichi kan gochuu isaatiin dura tarii barattonni suura kana ilaaluu hin barbaadne yoo jiraatan akka fuula isaanii duubatti naanneefataniif gaafate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Guyyaa itti aanu barattuun umuriinshee wagga 13 taate maaliif akka mana-barumsaa hin deemneef abbaasheetiin gaafatamte. Barsiisichi suura qullaa Nabiyyuu Mohaammad mul’isu agarsiisuuf waan ta’eef barattoonni Musliima taatan ba’aa jedhee yeroo nu gaafatetti mormuusheetiin akka adabamte abbaasheetti himte.

Haata’u malee, barsiisichi barattoota Musliima ta’an daree keessaa bahaa hin jenne. Barattuun kunis kan adabamte ta’ulllee sababiin isheen ittiin adabamteef sababa kanaan hin turre. Kanarra darbees, yeroo barsiisichi waa’ee bilisummaan dubbachuu ilaalchisuun barsiisetti daree keessayyu hin turre.

Ta’us karaa miidiyaa hawaasaa oduun kun saffisaan walga’e.

Abbaa barattuu kanaa kan ta’e Biraahim Ciniinaa kan intallisaa jette viidiyoon waraabee maqaa barsiisichaa dha’uun Feesbuukiirratti gadhiise.

Itti aansuun ammoo namni Islaamaa naannoo sana jiraatu Abdullaakim Seeferuwaa jedamu “Islaamniifi Nabiyyuu Mohaammad mana-barumsaa ummataa keessatti arrabsamaa jiru,” kan jedhu viidiyo daqiiqaa 10 tamsaase.

Torban muraasa keessatti mana-barumsichaa guutummaa addunyaarraa ergaan doorsisuu isa qaqqabuu jalqabe. Barsiisichis doorsisa isarratti banameerraa kan ka’e jireenyi akka isatti ulfaate namoota waliin hojjetutti himee ture.

Baqataan maqaan isaa Abdullaahii Anzoorov jedhamu umuriin isaa wagga 18 ta’eefi bakka magaalaa Paaris irraa kiiloomeetira 80 fagaattu Ruween jedhamtu jiraatu oduu kana dhaga’e. Itti aansuun ammoo namoota amma mana-murtiitti dhiyaatan kana gargaarsa gaafate.

Namni tokko ammoo yeroo inni billaa bitatullee waliin ture. Namni lamaffaan ammoo yeroo inni meeshaa shugguxii fakkeessuun hojjetame bitatu gargaaruun itti aansee oofee gara mana barumsichaatti geesseera.

Dubartii tokko dabalatee himatamtoonni afur miidiyaalee hawaasaa Sinaapchaat fi Tiwiitara irratti walii dubbataniiru.

Himatamtoonni dhimmicha waliin hariiroo qaban amananillee “yaada “ajjeechaa shororkeessummaa raawwachuudhaaf tumsaniru” jedhu hin fudhatan. Abokaatnni himatamaan gocha barsiisichaa ifatti mormanillee yaada haa ajjeefamu jedhu garuu hin kaasne jedhdu.

Barattuun umurii wagaa 13 ammoo wagga tkko dura mana-murtii daa’immaniirratti dhiyaachuun himannaa sobaa dhiyeessuutiin himatamtee murtiin irratti darbeera.