Irreechi Hora Finfinnee erga iddootti deebi'ee yeroo torbaffaaf kabajame

Irreecha Hora Finfinnee
Ibsa waa'ee suuraa, Irreecha Hora Finfinnee 2025

Irreechi Hora Finfinnee erga deebi'ee kabajamuu eegalee kan baranaa kuni marsaa 7ffaadha.

Irreecha kanaaf jilattoonni kutaaalee adda addaa irraa dhufan jala bultiirraa eegaluun Magaala Finfinnee seenuun hoo'isaa turan.

Irreecha Hora Finfinnee
Ibsa waa'ee suuraa, Sirni irreeffannaa ganama obboroo irraa eegale

Jala bultii irraa kaasuun namootni kumaan lakkaa'aman dirree Addabaabayii masqalaa irratti bashannanaa fi dhiichisaan bariisisan.

Barii sa'aatii 10 dura irraa kaasuun irreeffattoonni kallattii adda addaa irraa gara iddoo irreeffannaa Hora Finfinnee seenuu kan jalqaban.

Irreeffattoonni gara Malkaa Finfinnee wayita deeman
Ibsa waa'ee suuraa, Irreeffattoonni gara Malkaa Finfinnee wayita hiriiraan deeman

Malkaan Doloolloo Buddeenaa Abbootii Malkaa, Abbootii Gadaatiin erga saaqameen boodas irreeffattooni gara iddoo irreeffannaa seenuun irreeffataniiru.

Dubartoota uffannaa aadaan faayamuun iddoo irreechaatti argaman
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoota uffannaa aadaan faayamuun iddoo irreechaatti argaman

Sagantaan irreeffannaa kuni akkumaa duraa duuba irreeffattoonni dhufaniin hanga guyyaa walakkaatti namootni gareen gara malkaa bu'anii irreeffatu.

Irreechi Hora Finfinnee baranaa kanarratti magaalli Finfinnee qophii gaarii akka taasise ibsaa ture.

Shamarree iddoo irreechaatti faayamtee mul'atte

Keessumaa gama iddoo irreecha Hora Finfinnee bareechuu fi Nageenya kabachiisuutiin hojiin hojjetame mootummaan sirna kanaaf xiyyeeffannaa kennuu mul'isa.

Dargaggoo uffannaa aadaan faayamee bakka irreechaatti argame