Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Irreechi Hora Finfinnee erga iddootti deebi'ee yeroo torbaffaaf kabajame
Irreechi Hora Finfinnee erga deebi'ee kabajamuu eegalee kan baranaa kuni marsaa 7ffaadha.
Irreecha kanaaf jilattoonni kutaaalee adda addaa irraa dhufan jala bultiirraa eegaluun Magaala Finfinnee seenuun hoo'isaa turan.
Jala bultii irraa kaasuun namootni kumaan lakkaa'aman dirree Addabaabayii masqalaa irratti bashannanaa fi dhiichisaan bariisisan.
Barii sa'aatii 10 dura irraa kaasuun irreeffattoonni kallattii adda addaa irraa gara iddoo irreeffannaa Hora Finfinnee seenuu kan jalqaban.
Malkaan Doloolloo Buddeenaa Abbootii Malkaa, Abbootii Gadaatiin erga saaqameen boodas irreeffattooni gara iddoo irreeffannaa seenuun irreeffataniiru.
Sagantaan irreeffannaa kuni akkumaa duraa duuba irreeffattoonni dhufaniin hanga guyyaa walakkaatti namootni gareen gara malkaa bu'anii irreeffatu.
Irreechi Hora Finfinnee baranaa kanarratti magaalli Finfinnee qophii gaarii akka taasise ibsaa ture.
Keessumaa gama iddoo irreecha Hora Finfinnee bareechuu fi Nageenya kabachiisuutiin hojiin hojjetame mootummaan sirna kanaaf xiyyeeffannaa kennuu mul'isa.