Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Wantoota saddeet buufata xiyyaaraatti si danquu danda'an
Torbee darbe keessa Buufata Xiyyaaraa Idila addunyaa Booleetti imaltoota muraasaa fi hojjettoota nageenyaa xiyyaaraa gidduu atakaaroon dhalatee ture.
Atakaaroo kun imalli xiyyaaraa gara Maqalee godhamuuf ture erga imaltootni xiyyaara seenaniin booda haala qilleensaa badaa uumameen imallichi haqamuurratti hundaa'a.
Imaltootni gariin imalli haqamuu hin qabu, xiyyaarichi bahuu qaba jedhanii atakaaroo keessa galaniiru. Ta'ii kanas Tiktakarri hordoftoota hedduu qabu Joon Dani'eel jedhamu kallattiin tamsaasaa ture.
Guyyoota booda imaltootni jaha xiyyarri haala rakkisaa keessa akka imalu dirqiisuuf yaaluufi himannaa shororkeessummaan mana murtii akka dhiyaatan Poolisiin Federaalaa ibseera.
Ofii wantootni xixiqqaan buufata xiyyaaraa keessatti isin qabsiisuu ykn danquu danda'an maal fa'i?
1. Ragaa imaalaa yeroon irra darbe ykn miidhame
Seerri ragaa imalaan walqabatee jiru biyyaa biyyatti, akkasumas daandii qilleensaarratti hundaa'ee gargari.
Haata'u malee ragaan imalaa kee wayita xiyyaara koruuf yaaddutti kan yeroon irra darbe ta'uu hin qabu.
Inamaayyuu isa boodaaf ji'oota muraasaaf kan hojjetu ta'uu qaba.
Sababni ammoo yeroo imala kee xumurtee biyya dhuftetti deebi'uuf kaatu tarii barfachuun yoo sirra jiraatellee ragaan kee fudhatama kan qabu ta'uu waan qabuufi.
Fakkeenyaaf Itoophiyaa Taayilaand fi Turk fa'i imala kee dura yoo xiqqaate ji'oota jahaaf paspoortiin kee kan hojjetu ta'uu akka qabu gaafatu.
Suurri, viizaafi baayoo daataan paaspoortii keetii kan hin miidhamne akka ta'e mirkaneessuu qabda.
2. Wantoota dhorkaman qabatanii argamuu
Imala irratti viidiyoowwan Pornoogiraafii irraa qabee meeshaalee waraanaa qabatanii argamuun bakka hedduutti dhorkaadha.
Ammoo biyyootniifi daandileen qilleensaa wantoota dhorkamoo ta'an ni tarreessu.
Fakkeenaaf Indiyaan danaa ykn maappii daangaa biyyattii haala dogogora qabuun ibsu ni dhorkiti.
Jappaan ammoo kitaabotaa fi fakkii duudhaa hawaasaa miidhan hin hayyamtu.
3. Qoricha dhibeef fudhatamu
Qorichoota sammuu namaa si'eessaniifi biyyootni akkasumas daandileen daldalaa dhorkaadha jedhanii labsan qabatanii argamuun nama hiisisa.
Ammoo qorichuma hakiimni ajajee baanne deemnu tokko tokko biyyoota biroo keessatti dhorkamuu malu.
Qorica baattanii biyya biraatti imalaa jirtu yoo ta'e waan hakiimni ajaje qofaaf rakkoo hin qabu jettanii hin yaadiinaa.
Qabiyyeensaa biyya itti imaltan keessatti fudhatama qabachuufi dhiisuu hubachuun ni barbachisa.
4. Biqiltuu, bineensa manaa fi bineensa kaan
Saree manaa qabatanii imaluun ulaagaa barbadu qabaatus, ulaagaa waliigalaa qofa ilaalanii seera biyya itti imalanii addatti ilaluu dhiisuun gatii nama baasisa.
Fakkeenyaaf Jamaayikaatti saroota qabatanii imaluun danda'amus gosti saree seenuuf hayyama hin qabnee jira.
Keeniyaarraa adurree qabatanii gara Awustiraaliyaa fi biyyoota gariitti kallattiin imaluunis hin danda'amu.
5. Waan ibidda uumuufi dhuka'aa
Daandileen xiyyaaraa hedduun wantoota ibidda uuman kana akka tambo, laayitarii ni dhorku.
Richiitiiwwan tokko tokko rigataanuu dhuka'uu danda'u, kunimmoo nageenya imalaa rakkoo keesa buusa.
US keessatti imalaan seerota kana hin kabajne balleessaa tokkotti $75,000 adabamuu danda'a.
6. Machaa'anii imaluu
Dhugaatii lamaan tokko fudhattanii imaluu yaadduu? Itti yaadaa.
Hojjettootni xiyyaaraa hangaa ool fudhatteetta jedhanii yoo yaadaniifi ofiifi kaaniifs balaadha jedhanii yoo si fudhatan imalarraa si barfachiisu ykn si dhorku.
Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa US machaa'aa fe'anii deemuun seera cabsuu akka ta'e labseera.
Hojjettootni gaafatama nama akkasii dhaabsisuu qabu.
7. Kaffaltiiwwaniifi adabbiin yoo sirra jiraate
Biyyoota hunda keessatti waajiraaleen immigireeshiniifi qaamoleen nageenyaa ragaa imaltoota hedduu ilaalu.
Fakkeenyaaf gara Siwiizerlaand imalta yoo ta'ee fi biyyaa irraa imaltutti adabbii mallaqas ta'u kan biraa sirra jiru hin xumurre taanaan garasitti imaluu si dhorku.
Ameerikaan namni daa'ima gargaaru qabuufi $2,500 osoo hin kaffaliin jiru paaspoortii biyyattii akka qabaatu hin hayyamtu.
8. Maallaqa dheedhiifi qabeenya qaalii hin ibsamne
Namni ispoortii beekamaan Arloond Shiwaazhinger yeroo tokko sa'aatii gatii qaalii(€10,000 ) baasu kaawwatee imaluusaati Jaraman Muunikitti sa'aatii sadiif danqameera.