Dubbi-himaa waraana Hamaas fuullisaa mul'atee hin beekne, kan Israa'el akkaan barbaaddu- Abuu Obeeyidaa

Dubbi himaan damee waraanaa Hamaas, Al-Qasam jedhamuun beekamuu waraana Israa'el-Gaazaa keessatti namoota maqaansaa adda durummaan eeraman keessaati.

Maqaa ''Abuu Obeeyidaa'' jedhamuun kan beekamu dubbi himaan kun, yeroo hedduu ergaawwan Hamaas karaa miidiyaa hawaasummaatiin dabarsa.

Maqaa masoo kana ajajoota muslimaa bebbeekamoo isa dura turan keessaa tokko kan ta'e Abuu Ubeeyidaa Ibni Al-jaaraah irraati.

Onkoloolessa 7 erga Hamaas kibba Israa'el irratti haleellaa raawwatee fi Israa'elis haleellaadhaan deebii kennitee as birgeedii waraanaa Al-Qasam waliin maqaan Abuu Ubeeyidaa baayyee beekameera.

Namni Israa'el akkaan barbaaddu garuu hanga yoonaa bira hin geenye kun, fuullisaa hin mul'atu. Haata'u malee mallattoolee ittiin beekamu hedduu qaba.

Haguuggii diimaa mataatti maratamu

Eenyummaa Abuu Obeeyidaa isa dhugaa kan beeku hin jiru. Ibsa kennuuf wayita kaameeraa duratti ba'u marata aadaa Filisxeemiin mataa fi fuulasaa haguuggata.

Sochiiwwan waraanaa fi dhimmoota kaan bal'inaan wayita ibsu Qur'aana qulqulluu keessaa toora tokko osoo itti hin dabalin hin hafu.

Abuu Obeeyidaan ergaa isaa kana karaa toora telegiraamii garee Hamaasiif hojjetu kan bara 2020 banameetiin dabarsa.

Tora miidiyaa hawaasummaa biraa haala kanaan beekamu hin qabu.

Dubbiin isaa bal'inaan karaa miidiyaa hawaasummaa tamsa'eera. Miidiyaaleen elektirooniksii hedduunis dabarsaniiru.

Gaazexaa beekamaan akkaataa biyyoonni Arabaa itti oolan gabaasuurratti xiyyeeffatee fi teessoon isaa UK ta'e Al Shaaraaq Al- Awaasaat ''Abuu Obeeyidaan yeroo jalqabaaf kan beekame bara 2002. Miseensota birigeedii waraanaa Al-Qasam keessaa tokko ta'uunsaa ni beekam ture,'' jechuun barreesse.

Abuu Obeeyidaan wayita ibsa kennu fuula isaa guutummaatti haguuguun yoo ta'u, barmaata kanas dursaa duraanii Al-Qasam Imaad Aqaal irraa dhaale.

Imaad Aqaal bara 1993 Israa'eliin qabamee ammallee mana hidhaa keessa jira.

Dubbi himaa Birgeedii waraanaa Al-Qasam

Abuu Obeeyidaan duraan miseensa birigeedii waraanaa Al-Qasam turus, bara 2006 garuu dubbi himaa humna waraanaa kanaa ta'uun aangoo guutuu argate.

Yeroo jalqabaaf as ba'ee kan mul'achuu eegales baruma kana. Yeroon sana Hamaas dabalatee gareen hidhatan hundi walgurmeessuun buufata waraanaa Israa'el daangaa Gaazaatti argamurratti duulanii turan.

Duulli waloo kun kan eegale erga manni nama dhuunfaa naannawa Hundaa Gaaliyaa jedhamu keessatti meeshaa waraanaa gurguddaan haleelamee booda.

Duula waraanaa kanaan loltuun Israa'el Gilaad Vaaliit jedhamu qabameera. Loltoonni lama ammoo madaa'an.

Vaaliit bara 2011 bilisa ba'e. Isa bilisa baasuuf waliigaltee Israa'el fi Hamaas gidduutti irra ga'ameen Filisxeemonni kumaan lakkaa'aman hiikamaniiru.

Bara 2014 wayita waraanni Gaazaa fi Israa'el gaggeeffamu Abuu Obeeyidaan dirreetti ba'ee loltuun Israa'el Shaawul Aroon jedhamu to'atamuu ibsee ture.

Eenyummaa icciitii...

Namoonni hedduun eenyummaa Abuu Obeeyidaa baruu barbaadu. Dubbi himaan waraana Israa'el Avishaayi Adiraay fuula X isaarratti bara kana suuraa nama Abuu Obeeyidaa jedhamuu maxxansee ture.

Adiraay maqaa sirriin nama kanaa ''Hudaayifaa Samiir Abdullaahii Al Kaahiloot'' ta'uu ibse.

Waan kanarratti Hamaasis ta'e Al- Qasam hanga yoonaa homaa hin jenne.

Gaazexaan Israa'el Yadiiyoot Ahiroonoot jedhamu akka gabaasetti Abuu Obeeyidaan bara 2013 Yuuniversitii Islaamaa Gaazaatti argamu irraa barnoota amantiin digirii lammaffaa argateera.

Waraqaa qorannoo isaas mata duree ''Dachee eebbifamtuu Islaama, Kiristaanaa fi Yihuudaa gidduu jirtu'' jedhuun dalage.

Digirii sadaffaasaas hojjechuuf qophiitti jiraachuu gaazexaan kun eereera.

Abuu Obaayidaan bakka Israa'el wayita bara 1948 hundooftu yeroo jalqabaaf to'atte, ollaa Gaazaa keessatti beekamtu- Naaliyaa keessatti dhalate jedha gabaasi gaazexaa Israa'el kun.

Akka gabaasa kanaatti Abuu Obeeyidaan kutaa Kaaba baha Gaazaa kan taate Jabaaliyyaa keessa jiraata.

Bara 2008 hanga 2012 loltoonni Israa'el irra deddeebiin mana jireenyaasaa haleelaniiru.

Waraana ulaa Gaazaa keessatti gaggeeffamuunis mannisaa miidhameera.