Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Ani amma deeggaraa Yunaayitdidha’-Kiloop
Morkiin Piriimer Liigii bara kanaa akkuma qalbii rarraasetti itti fufeera. Amma yeroo taphoonni torba qofa hanitti, Arsenaal Liigicha dursaa jira.
Liiverpuul ammoo Arsenaal waliin qabxii 71 walqixa qabatee gooliin caalamee lamaffaarra kan jiru yoo ta’u, shaampiyoonaa bara darbee kan ta’e Maanchester Siitiin ammoo qabxii 70n sadarkaa sadaffaarra jira.
Tapha Dilabata kaleessaa Maanchester Yunaayitid fi Liiverpuul gidduutti akkaan eegamaa tures 2-2 walqixa xumuramuun isaa dorgommiin Piriimer Liigii baranaa eenyuuf taati kan jedhu caalaa qalbii rarraasuu itti fufeera.
Gareen Yaargen Kiloop qe’ee Maacnhester Yunaayitid dhufe tapha boqonnaa boodaatiin guutummaatto t’achuun goolii 1-0n dursee boqonnaa bahee ture. Boqonnaa duraatti Maanchester Yunaayitid taphaan dirree ofiisaarratti caalamuu qofaa miti, yaaliin goolii galchuuf taasise tokkollee hin turre. Liiverpuul garuu boqonnaa dura qofa yaalii goolii galchuu 15 taasisee ture.
Boqonnaan booda garuu Maanchester Yunaayitid goolii Burunoo Ferenaadees fi taphataan umurii xiqqaa Koobii Maa’inoo lakkoofsisaniin dursuu jalqabee ture.
Garuu peenaaliitii Mohaammad Saalaah warra Liiverpuul boodarra lakkoofsiseen 2-2n walqixa galan. Kana jechuun ammoo Arsenaal tokkoffaa akka qabatu taasiseera.
'Ani amma deeggaraa Yunaayitdidha’
Manaajarri Liiverpuul yaargen Kiloop kanaan booda ‘ani deeggaraa Maancheser Yunaayitididha’ jedhe. Sababiin isaa ammoo Maanchester Yunaayitid ammallee dorgommii Piriimer Liigii eenyu akka mo’atu murteessuu keessatti gahee waan qabuufidha jedhe.
Gareen Erik ten Haag ammallee Arsenaal waliin waan taphatuuf, maanchester Yunaayitid mo’atee jennaan Liiverpuul carraa deebiyee Piriimer Liigii dursa qabachuu argata.
Maanchester Yunaayitid Caamsaa 11 Arsenaal dirree isaa Oold Tiraafoord irratti simata.
Haata’u malee, Yaargen Kiloop sodaa qabu hin dhoksine. Maanchester Yunaayitid kilaba Mikeel Arteettaa, Arsenaaliin dhabuudhaaf kana caalaa cimee taphachuu qaba jedhe.
“Arsenaal garee kubbaa miilaa gaarii ta’edha. [Maanchester Yunaayitid] akka har’a [nu waliin] taphatanitti taphannaan Arsenaal taphicha ni mo’ata. Ani kana %100 mirkaneeffadheera. Kana jechuu kiyyaaf garuu dhiifama,” jedhe Kiloop.
Liiverpuul bara kana waancaa lama ykn sadii argachuu kaayyeffatee ture. Isaan keessaa tokko FA Cup yo ota'u, dorgommii kana keessaa kan mo'atee baase ammoo Maanchester Yunaayitididha.
Kilaboota Pirimer Liigii Ingiliiz keessatti waancaa baayyee argachuudhaan seenaa walitti dhiyaatu kan qaban kilaboonni kunneen yeroo baayyee lamaan akka masanuutti wal ilaalu.
Kanaaf, tapha Dilabata Ebala 07 tureen Liiverpuul gocha Maanchester Yunaayidi drogmmii FA Cup keessaa isa baase haaloo ba'uuf dhufa jedhamee eegamus hin ta'iiniifi hafe.
Hireen Erik Ten Haag akkuma gara fuula duraa akkuma kan Liiverpuul waan rarra'e fakkaata
Abbaan qabeenyaa Maanchester Yunaayitid barana bitate Siir Jiim Raatiikiliif akkuma kilabicha bitateen Eriik Ten Haag ari'uu danda'a sodaan jedhu tureera. Garuu xiqqoo obsaa dhufee ture. Tapha Dilbata Maanchester Yunaayitid dirree isaa Oold Tiraaford irratti Liiverpuuliin simaterratti kan argamee daawwachaa ture Siir Jiim Raatikliif, wanti boqonnaa dura arge isatti hin tolle.
Roobaafi qorra hamaa keessa taa'ee hanga dhumaatti daawwachaa kan ture abbaan qabeenyaa kun, maanhcester Yunaayitid dirree ofiirratti taphaan caalamuu qofa soo hin taane, gooliin 15 irratti yaalamee ofiin garuu tokkollee osoo hin yaaliin boqonnaa ba'an.
Kanaaf, Siir Raatikiliif amma tarkaanfii fudhachuuf ragaa ol kaawwachaa waan jiru fakkaata. Akkuma taphni dhufu kan Arsenaal waliin qabu dabalatee, kanneen biroo waliin tasisu hiree Liiverpuul qofaa osoo hin taane kan leenjisaa Maanchester Yunaayitid, Eriik Ten Haag akkuma kana murteessuu danda'a kanneen jedhan jiru.