Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarree Yunvarsiitii Jimmarraa eebbifamtee hojii dhabdee 'kadhaa jalqabde'
Abazzaash Cooramoo godina Daawuroo aanaa Loomaa Booskaa jedhamutti dhalattee guddatte.
Maatii harka qalleeyyiirraa akka dhalatte kan himtu Abazzaash, yeroo umriinshii waggaa afur ture rakkoo fayyaa ishee mudateen miilli tokko jalaa kan miidhame.
Barnoota ishee hanga kutaa 12 achuma Daawurootti baratte.
Shamarreen kuni turtii BBC waliin taasifteen ijoollummaarraa hanga ammaatti rakkoon wal’aansoo walqabaa har’a geesse.
“Maatiin kiyya hiyyeessa. Kanarratti miidhama qaamaan qaba. Abbaankoos lubbuudhaan hin jiru.
‘’Duraan namootni najajjabeessu. Kaan nagargaarus turan. Gargaarsuma namootaaniin baradhee yunivarsiitii seene” jechuun BBC’tti himte.
Miidhama qaamaa qabduun osoo hin daangeffamiin yeroo barnootaan ala jiru hojii xixiqqaa mana namaatti hojjettuun barumsaa isheef tumsa godhaa turte.
ALI Bara 2010 Yunivarsiitii Jimmaatti ramadamtee ALI Bara 2013 gosa barnootaa ‘Social work’ dhaan Digirii jalqabaatiin eebbifamte.
Turtiin waggoota sadii yunivarsiitiitti dabarsite hedduu ulfaataa akka turee fi gargaarsa Waaqaatiinan xumurees jetti.
“Yunivarsitii rakkachaan baradhe. Yeroos maatiis, firas kan nagargaaru hin qabu. Yeroo hedduu qofaakoo taa’een boo’a ture.
‘’Hamma ta’e manni amantaa fi warri mootummaa nagargaaraniiru. Isaan olitti gargaarsa Waaqatiinan barumsakoo xumure” jechuun himti.
Eebba booda
Abazzaash yeroo yunivarsiitiirraa digirii jalqabaan eebbifamtu kaayyoon ishee jalqabaa hojii eegaluun harmeeshee umuriin dulloomanii jiran soorudha.
Haa ta’u malee, jireenyi eebbaan booda jiru akka isheen yaadde osoo hin taane waggootni lama darbaniiru.
“Waanin keessa darbee dhufe anaafi Waaqa qofatu beeka. Harmeenkoo umuriin dulloomaniiru. Hojii haa qabadhu malee akkattan ishee gargaaru nan beeka jedheen hamilee guddaan qabaayyu.”
Garuu, akka isheen eegde ta‘uu dide.
“Amma ergan eebbifamee waggaa lama darbee sadaffaatti deemaan jira. Hojiin hin jiru.
‘’Waajjiraaleen mootummaa aanaa keenyaa siqacarra jedhanii waggaa lama na deddeebisan. Hanga ammaa hojii hin qabanne” jechuun BBC’tti himte.
Erga eebbifamtee boodas mana namaatti uffata miicuu hojjechuun lubbuu ofii tursiisuuf hojjetti. Namootni haala ishee laalanii waan xixiqqaa gargaaranis akka jiran himti.
“Amma miira abdii kutannaa keessan jira. Asii hojiin argamuu dide. Biyya biraa deemee hojii barbaaduufis birrii hin qabu.
‘’Sanirratti miidhama qaamaan qaba. Waaqayyo nagargaaree har’aan nagahee maaf nagata jedheen ofitti gadda” jetti.
'Kadhaan seene'
Shamarreen kuni yeroo ammaa hojii dhabuu fi miidhamni qaamaa qabdu akkasumas haalli maatiishee itti ulfaatee jennaan sartifikeeta digiriin ittiin eebbifamte lafa keessee kadhaaf daandiitti bahuu himti.
“Guyyaa hedduu abdii kutadheen qofaakoo cufadhee boo’a. Gaaf gaaf kaniin of ajjeesuuf yaadeyyuu jira.
‘’Garuummoo harmeekoo dulloomtee gargaarsa hin qabne kun yoon of ajjeese hammam akka miidhamtu yaadeen dhiisa” jetti.
Abazzaash maatii isheef mucaa tokkittii yoo taatu harmeeshee umriin dulloomaniifis abdiin isaan qaban ishuma qofa.
Barnoota baratteen carraa hojii argannaan ofis, haarmeeshee fi biyya ofii tajaajiluuf fedhii guddaa akka qabdus himti.
Waggaa waggaatti barattoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman yunivarsitiiwwan Itoophiyaa garagaraa keessaa eebbifamanis carraan hojii argachuu dhabuu bal’aadha.
Ogeeyyiin diinagdeen biyyatti waraanaafi walitti bu’insaan hubamuu darbees sharafi maallaqaa alaafi invastimantiin xiqqaatuu akka sababaatti eeru.
Kana dura barattoonni digirii xumuranii kophee haxaa'uun jiraatan, darbees ogeeyyii fayyaa dabalatee, hojii malee kan taa'an akka jiran seenaa isaanii BBC'f qooduun ni yaadatama.