Namichi 'You Tube' irratti daawwattoota hedduu argachuuf xiyyaara balaliisaa ture beekaa caccabse hidhaan adabame

Yuutuubarri viidiyoon isaa akka ilaalamuuf jecha xayyaara balaliisaa ture beekaa caccabse hidhaa ji’a jahaan adabame.

Taateen kun ALA Sadaasa 2021 Ameerikaa kutaa biyyaa Kaaliforniyaa keessatti raawwate.

Ga’eessi ganna 30 Yuutuubiirratti qabiyyeewwan qooduun beekamu Tireevar Jeekob, xayyaarasaa kaameeraan irratti hidhame buufata xiyyaaraa Kaaliforniyaa keessatti argamufii Saanta Baarbaraa jedhamuu gara samiitti balaliise.

Haa ta’u malee, ga’eessi kun xiyyaara qofaasaa keessa turefii buufata xayyaarichaa keessaa gara samiitti balaliise deebisee lafa hin buusne.

Xayyaarri samiirra osoo jirtuu keessaa utaale, paaraashuutii qopheeffatee ture fayyadamuunis lafa qubate, xayyaarichi garuu kufee caccabe.

Tireevaris xayyaarichi balaa isa mudateen caccabuusaa Boordii Nageenya Geejibaa Biyyaalessaaf gabaase.

Guyyoota muraasa booda ALA Mudde 2021’tti ammoo Tireevar, viidiiyoo wayita xiyyaara keessaa utaalee bahu akkasumas caccabaa xayyaarichaa agarsiisu toora Yuutuubii isaarratti maxxanse.

Viidiyoon Tireevar Jeekob kunis daawwattoota miiliyoonaan lakkaa’amaniin ilaalame.

Haa ta’uu malee, Tireevar paaraashuutii uffatee gara xayyaarichaa seenuun balaliisuunsaa dhimmichi balaa osoo hintaanee beekaa xayyaaricha caccabsuusaa kan agarsiisu akka ta’e kan hindhibne.

Taatichi qalbii qorattoota yakkaa biyyattiis hawwachuu isaatiin Qorattoonni Federalaa Ameerikaa qorannoo eegalan.

Inni “Karoorfatee kan ture iddoo xayyaaricha qubsiisuu danda’u gahuu osoo hintaanee osoo balaliisaa jiruu xayyaaricha keessaa utaalee paaraashuutii fayyadamuun yemmuu qubatufii xayyaarrisaa fiigdee yemmuu lafarratti caccabdu viidiyoo waraabuu ture” jedhe Waajjirri Abbaa Alangaa Ameerikaa damee Kaalifoorniyaa.

Qorattoonni federaalaa dhimmicha qorachaa erga turanii booda Tireevar viidiyoonsaa daawwattoota baay’ee akka hawwatuuf jecha gochicha raawwachuusaa himan.

Kanaafis qabeenya mancaasera akkasumas sababa xayyaarichi itti caccabe dhoksuun hojii qorattootaa irratti danqaa uumera jechuun himanni irratti banamee, balleessaa ta’uunsaas murame.

Dhumarrattis Manni Murtii biyyattii Tireevar Jeekob balleessaa raawwateera jechuun hidhaa ji’a jahaatiin adabee jira.