Waajjiraaleen mootummaa US cufamuutti aansee maaltu ta'uu danda'a?

Taateen kun yeroo dheeraa booda deebi'ee bara 2025 US mudate, ammoo kana duras baruma bulchiinsa Tiraamp mudate.

Kora Kibxata galgalaan Seeneetiin Ameerikaa baajata mootummaa federaalaa hojjechiisurratti osoo walii hin galin hafe.

Hojiin mootummaa federaalaa haala kanaan gufachuun waggaa torba booda biyyattiitti deebi'e.

Ammas waajjiraaleen cufamuun kun akkuma kanaan duraatti xumuramuu danda'a. Guyyoota, torbanoota fudhachuu mala, garuu akkuma dhiibbaan hawaasaa fi siyaasaa dabalaa deemuun gartokkotti ba'uunsaa waan hin oolle.

Karaalee afran kanaan xumuramuu danda'a.

Dimokiraatonni qoqqoodamuu

Dimokiraatonni Seeneetii keessa jiran bajata mootummaan hanga Sadaasa dhufuutti ittiin hojjetu Rippaablikaanota jalaa kuffisaniiru.

Ammoo murteen kun warra Rippaablikaanotaaf qofa osoo hin taane isaaniifillee kufaatii guddaadha.

Dimokiraatonni 44 fi Rippaablikaaniin Raand Pool baajata dhihaate yoo morman, Dimokiraatonni lamaa fi miseensa walabaa michummaa warraa Dimokiraatotaa qabu tokko Rippaablikaanota teessoo caalmaa qaban faana hiriiraniiru.

Miseensi walabaa Maine irraa bakka bu'an Angas Kiing gidduutti dhaabbachuun dantaasaanii tikfachuun beekamu.

Bakka bu'aan Pensalveeniyaa Joon Fiitarmaan ammoo yeroo waggaa tokko ta'uuf karaa itti fakkaaterra deemaa turan.

Nevaadaa bakka bu'uun miseensa Seeneetii kan ta'an Kaateriin Koorteez ammoo ejjennoon siyaasaa isaanii nama salphaatti baramu miti.

Ammoo waggaa itti aanu bulchiinsa Tiraamp bara 2024 keessatti filataman keessatti filatamuuf jedhu.

Wayita dhimma bajata osoo hin ragga'in hafeerratti wayita yaada kennan dhiibbaa kufaatiin diinagdee Nevaadaa irraan ga'uuf deemu ibsan.

Ammoo akka nama siyaasaa filannoof kaadhimamee jiruutti hanqinni baajataa adeemsa siyaasaa isaanii akka miidhu yaaddoo qaban dubbataniiru.

Dimokiraatonni bulchiinsota Jooorjiyaa, Varjiiniyaa fi Koloraadoo bakka bu'uun Seeneetii keessaa teessoo qabanis yaada akkasii calaqqisiisuu eegalaniiru.

Bakka buutonni Minisootaa, Michigaan fi Niw Hamshaayer irra deebiin filatamuuf fedha hin qaban, garuu baajati ragga'uu dhabuun teessoon Dimokiraatotaa akka haphatu taasisa sodaa jedhu qabu.

Seenaatarri Rippaablikaanotaa Joon Tuun waajjiraaleen mootumma cufamuun akka Dimokiraatota yaaddessaa jiru dhagahuu ibsan.

Guyyoota dhufan miseensota irratti dhiibbaa uumuu akka itti fufanis ibsan. Qoqqoodamuun yeroo baajata kanarratti mari'atanillee tureera. Garuu yoo Dimokiraatonni shan ammas yaadasaanii geeddaran cufamuun waajjiraalee mootummaa obba'uu danda'a.

Dimokiraatonni kaan fudhatanis, fudhachuu baatanis jechuudha.

Dimokiraatonni harka kennu

Dimokiraatonni birqabaan tokkummaansaanii cimaa ta'us waajjiraaleen mootummaa wayita cufamanitti dhiibbaa gudda jala galaniiru.

Paartii Dimokiraatotaa keessaas hojjettoonni mootummaa hedduu waan ta'aniif wayita waajjiraaleen cufaman isaanis ni miidhamu.

Ammoo bulchiinsi Tiraamp qabata kanaan dhiibbaa irratti uumuu danda'a. Sagantaalee carraa hojii uuman hedduu cufuu fi waajjiraalee hedduu yeroof cufaman kanaan namoota hojiisaanii dhaaban hojiitti deebisuu dhiisuu danda'a.

Cufamuu waajjiraalee mootummaan hanqinni tajaajilaa fi kufaatiin gama diinagdeen mudatu uummata Ameerikaas hubuu danda'a.

Kanaaf sababa kan ta'an Dimokiraatonni uummatas dheekkamsiisuuf deemu. Uummanni isaan himata.

Haala kanaan paartichi akka ofii rakkoo uume hubachuun harka kennuuf deema.

Rippaablikaanonni mo'achuusaanii mul'isu

Ammatti Rippaabilikaanonni irreesaa jabaa akka qabanitti of ilaalu. Godaannisa Dimokiraatotaa tuttuquun dhukkubbii dabalaafii jiru.

Garuu adeemsa kanaan daandiirraas maquu danda'u.

Duraanis waajjiraaleen mootummaa cufamuun walqabatee komatamaa turan, ammas isaaniif hin oolle.

Tarii Rippaablikaanonni tajaajila mootummaa hir'isuu fi lakkoofsa humna namaa gadi buusuu yaadanii kana karoorsan ta'a.

Haala kana keessatti Rippaablikaanonni mootummaan baajata dabalataan inshuuraansii fayyaa akka tumsu Dimokiraatotaaf wabii akka ta'an ibsu.

Haalli kun guutummaatti hin milkaa'u jechuun hin danda'amu. Ammumayyuu Rippaablikaanonni baajata dabalataa kanarratti qoqqoodamanii jiru.

Kun ammoo filattoonni isaanii akkasumas kan Dimokiraatotaa kanneen harka qalleeyyii ta'an akka fayyadaman taasisa.

Kun filannoo itti aanu akka mo'ataniifis isaan gargaara. Haala kanaan malaan uummata galii gadi aanaa qabachuus barbaadu Rippaablikaanonni.

Waajjiraaleen mootummaa yeroo dheeraaf cufamu, gareen lachuu ni miidhamu

Yeroo ammaa gara waliigaltee fi furmaataatti deemuu mannaa miira walmorkii fi olaantummaa mul'isuun rakkoon hammaataama jira.

Tiraamp viidiyoo morkattoota isaanii kan AI dhaan hojjetame dhiheessuu itti fufaniiru. Viidiyoo qoosaa qabu kan kabaja morkattoota isaanii hir'isu agarsiisu.

Dimokiraatonni ammoo suuraa Tiraamp fi Epistaayin wal bira kaa'uun maqaa xureessuu barbaadu.

Hanga dhumaatti akka dhimma kanarratti dura dhaabbachuun falmatan ibsaa jiru.

Kanaan dura mootummaan US wayita cufamu guyyoota 35f ture. Gaafa dameen imala qilleensaa US badii jala ga'u haalli kun obba'e.

Yeroo sana inumaa gariin banaa turan. Sababni isaa baajata hunda miti kan osoo hin ragga'in hafe.

Amma garuu miidhaansaa isa duraa sana caalaa akkaan hamaa ta'a, guutummaatti waan cufameef.

Yoo kan dheereffamu ta'e abaluu miidhamee abalu fayyadama wanti jedhu hin jiru. Garuu walkomachuu fi walhimachuutu heddummaata.

Haala kanaan aanga'oonni gama lachuu kanneen filannoo bara dhufuu irratti hirmaachuuf deeman ni miidhamu.

Mufiin uummataa ammoo hammaataa deema.

Yeroo sanagaa qondaalonni siyaasaa haalota babbadan daandiitti deebisuuf baayyee qoramu.