Pirezidaantii dulloomaa addunyaa takkaa filannoo mo'amee hin beekne

Manguddoon ganna 92 pirezidaantii dulloomaa addunyaa jedhamuun beekamu Pool Biiyaa marsaa saddeeffaaf filannoo pirezidaantummaa Kaameeruun mo'achuun biyyattii keessatti muddama uume.

Walakkaa jaarratti kan dhiyaatuuf walitti fufiisaan biyyattii gaggeessaa jira. Kaawunsiliin Heeraa Kaameeruun Pool Biiyaa sagalee caalmaan filannoo marsaa saddeettaffaa mo'achuusaa labse.

Haa ta'u garuu morkataa cimaa Pool Biiyaa ta'ee kan dhiyaate Isaa Chiroomaa Bakaariitu mo'ate jedhanii kan falmanis jiru. Bu'aan filannoo Wiixata, Onkoloolessa 27 ibsamuu hordofee deeggartoota Pool Biiyaafi Isaa Chiroomaa Bakaarii gidduutti muddamni dhalateera.

Pool biyyaa filannoo kana mo'achuun ibsamuunsaa hanga inni waggaa 100 guututti biyyattii akka gaggeessu isa taasisa. Hanga ammaa waggoota 43 Kaameeruun bulcheera; waggoota torba ittaanan torba yoo itti dabalate, nama waggaa 50 Kaameeruun bulche jedhamee galmaa'uusaati.

Waggaa dheeraaf dheeraaf aangorra turuusaa qofa osoo hin taane akkaataan bulchiinsa isaas gaaffii kaasera.

Pool Biiyaa yeroo heddu biyyoota garaa garaa deemuun hoteelota qaalii magaalaa Jeneev akkasumas qarqara Haroo Siwiiz fa'aatti baasii guddaa baasuun yeroo dheeraa turuudhaan himatama.

Bara darbe Pool Biiyaa yaadannoo Waraannni Addunyaa Lammaffaan itti dhume irratti argamuun Faransaayitti haasaa erga taasisee booda, torbaan jaha kan ta'uuf hafuurrisaa badee ture.

Yeroo dheeraa booda Jeneev irraa gara Kaameeruun deebi'uunsaa dhagahame. Bara kanas hanga duula filannoo gaggeessuf biyyatti deebi'utti, yeroo dheeraaf magaalaa Jeneev akka turetu himama.

Pool Biiyaa haala to'annaa qabuun biyya hin gaggeessu jedhamee hamatama. Walgahii idilee kaabineesaa waliin kan ta'uu yeroo muraasa. Dhimmoota ijoorratti bahee lammiilee Kaameruunif ibsa kennuu dhabuun, kaayyoo bulchiinsa isaafi imaammata mootummaasaa shakkii keessa galcheera.

Sadarkaa teknikaatti ministeeronniifi qondaalonni olaanoon hojiifi sagantaalee biyyattiirratti ni hojjatu; haa ta'u garuu mul'ataafi kallattii siyaasaa irratti ammayyuu bulchiinsi isaa waan ifaa ta'e hin qabu.

Bulchiinsi Pool Biiyaa qaamolee isa morman hidhuufi cabsuun beekama. Haa ta'u garuu, aangorra akka inni turu kan isa taasise kana qofaa miti.

Biyya afaan, aadaafi naannoofi fedhii siyaasaan garaa garummaa guddoo qabdu keessatti nama madaala siyaasaa eeggate ta'ee dhiyaachuunsaa bara dheeraaf aangoo akka dhandhamatu isa gargaarera.

Keessumaa naannolee afaan Faransaayi dubbataniifi afaan Ingiliffaa dubbatan gidduutti wal-dhabdee hamtuu bara dheeraaf turetu jira. Naannoleen kunneen bara gita bittaa keessa sirna garaa garaafi sadarkaa barnootafi guddinaa garaa gara ta'e waan qabaniifi kanneen walitti qabanii biyya tokko jalatti bulchuun hojii guddaa inni ittiin boonudha.