Raashiyaan akkamiin egeree nukilaraa Afrikaaf abdii taate?

Raashiyaan sababa waraana Yukireeniin qoqqobbii biyyoota Lixaan irra kaa'amullee fuula ishee gara biyyoota Afrikaatti naaneeffachuun dhiibbaa Ardittii keessatti qabdu guddisaa jirti.

Fedhii oomisha annisaa Nikuleraa biyyootni Afrikaa kun qaban fayyadamuun, hariiroo jabaa tolfataa jirti.

Biyyoonni Afrikaa hedduun wal dorgommii fi fedhiin annisaa niwukilaraa qabaachuu isaanii guddachaa dhufuu irraa kan ka'ee Raashiyaa michoomfataa jiru.

Sababa kanaanis waggoota muraasa darban keessatti qofa Raashiyaan yoo xiqqaate Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa 20 waliin waliigaltee anniisaa niwukilaraa mallatteessiterti.

Dhaabbanni Annisaa Atoomii Mootummaa Raashiyaa, Roozaatoom,pirojektoota oomisha niwukilaraa kana itti fufiinsaa fi liqaa yeroo dheeran deebi'uun dhiyeessuun isaa Raasiyaa fi biyyootni kanneen waggoota kurnaniif Raashiyaa waliin kan walitti isaan hidhuu akka ta'u xinxaltootni kan himan.

Itoophiyaan dhiyeenya fedhii bufata nikuleraa ijaaruuf qabdu ifoomsuun xiyyeeffaanno ishee Raashiyarra kan godhatte yoo ta'u, Waliigaltee tumsaa Nikuleraa kun biyyota lamaan giddutti mallatteeffamuun qophiin ijaarsaa pirojeektichaa taasifamaa jira.

Kana malees biyyootni Afrikaa akka Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa,Ugaandaa, Burkiinaa Faasoo, Giinii, Rippabiliika Koongoo, Aljeeriyaa,Tuuniziyaa fi kanneen biroos Raashiyaa waliin waliigaltee misooma annisaa Nikuleraa irratti waliigaltee addaa addaa taasisuun, kaanis hojitti galaniiru.

Biyyootni hedduun walakkeessa bara 2030tti warshaa niwukilaraa guddaa akka qabaataniif karoorfatamnii hojjta jiru.

Pirojektiin Niwukilaraa Raashiyaan Afrikaa keessatti guddaan hojjettu Warshaa Humna Niwukilaraa El Dabaa (NPP) Masrii keessatti doolaara biiliyoona 28.75'n ijaaramuudha. Kun buufata anniisaa niwukilaraa ardii Afrikaa isa lammaffaa yoo ta'u, Afrikaa Kibbaa Ko'ebergitti ijaarame boodadha.

Ijaarsi Pirojeektichaa bara 2020 kan eegale yoo ta'u, bara 2026tti humna ibsaa maddisiisuu ni jalqaba jedhamee eegama. Raashiyaan pirojekticha %85 maallaqaan akka deeggartullee gabaasaaleen kan mul'isan.

Kanneen walta'iinsa niwukilaraa Raashiyaa qorataa jiraanii fi qabeenya galtee Nikuleraa yuuraaniyeemii qaban akka Niijer fi Naamibiyaas invastimantii oomisha Nikuleraa Raashiyaa hawwataa jiru.

Bara 2023tti biyyoota Afrikaa 54 keessaa 49 fedhii annisaa kana qabaachuuf fi Raashiyaa waliin hojjacguu akka barbaadaan fedhii agarsiisaniiru.

Waliigalteewwan niwukilaraa hedduun Raashiyaa fi biyyoota Afrikaa gidduutti taasifaman hedduun adeemsa dheeraa fi walxaxaa ta'us, kun Raashiyaaf waa'ee daldalaa qofa miti.

Ameerikaa, Chaayinaa, Kooriyaa fi biyyoota Awurooppaa dursitee, Afrikaaf pirojektoota teeknooloojii anniisaa Niwukilaraa dhiyeessuun meeshaa dhiibbaa siyaasaa uumuu isa guddaadha.

Keesumaa erga bara 2022 Raashiyaan Yukireen weerartee booda dhiibbaa itti jabaate dandamachuuf mala tokkodha. Raashiyaan biyyoota dhihaa waliin wal dhabdee qabaattus, ammallee michoota idil-addunyaa akka qabdu agarsiisuun bu'aa siyaasaf fayyadamti.

Ardiin Afrikaa, kan namoonni gara miliyoona 600 ta'an qabdu humna ibsaa amanamaa fi qileensa hin faalleef xiyyeeffannoo isaanii gara annisaa Nikuleraatti nanneessa jiru.

Haa ta'u malee, humni niwukilaraa ammallee addunyaa irratti dhimma falmisiisaadha.

Ga'ee Amerikaa Afrikaatti

Raashiyaan dhiibbaa Afrikaa keessatti qabdu dhiyeessii teeknooloojii niwukilaraa fi pirojektoota bu'uuraalee anniisaatiin yoo babal'iftu, Ameerikaan garuu gargaarsa adda addaa taasisftu hir'isuun dubbatti harkifamaa jira.

Keesumaa Pireezidaantiin Ameerikaa Doonald Tiraamp dhabbilee deeggarsa heddu dhaabuu qofa utuu hin taane qaraxa guddaa daldala biyyootaa irratti taasisaniin hariiroo fi dhiibbaan ishee arditti irratti hir'ataa jira.

Kana malees Sagantaawwaan akka Power Africa (Annisaa Afrikaadhaf) , kan wayita Pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Barack Obaman bara 2013 jalqabame adda citeera.

Pirojeektiin Power Africa kun waggoota 12 keessatti doolaara biiliyoona 29 ol invast gochuun, pirojektoota humna elektiriikaa 150 ol biyyoota 42 keessatti misoomsuun namoota miliyoona 200 ol fayyadamtoota humna ibsaa taasiseera.

Dhabbileen Ameerikaa hedduun gargaarsa wal fakkataa addaa kutuun biyyota heddu keessatti hanqina uumera hariiroo Ameerikaafi Afrikaan waliin qabanis laaffiseera.

Sagantaalee akkasii malee US [Afrikaa keessatti] dorgomuun akka cimuu xinxalttootni tokko tokko kan dubbatan.

Dhaabbileen niwukilaraa warra dhihaa kan akka Faransaayi ammo gatii qaalii fi harkifannaa guddaan waan mul'atuuf fedhiin jiru xiqqaadha.

Piroojeektootni annisaa jalqabamanii dhaabatan illee turaniiru.

Chaayinaan deeggarsa guddaa biyyoota Afrikaaf kan taasiftu yoo ta'u, gama Nikuleraan muuxannoo qabduun Raashiyaa waliin dorgomuuf qormaata itti ta'aa jira.

Chaayinaan Paakistaan ​​keessatti pirojektii nikularaa kana haalaan xumurtus, sadarkaa pirojektoota idil-addunyaa itti fufanii xumuruu Raashiyaatu caalaa.

Kun Raashiyaa, maamiltoota ishee baay'inaan biyyoota Afrikaa ta'an biratti akka michuu amanamtuu fi amansiisaatti of dhiyeessuuf ishe dandeessiseera.

Akka ragaan Dhabbata Niwukilaraa Addunyaa (WNA) jedhutti, yeroo ammaa Raashiyaan Masrii, Hindii, Iraan fi Turkii dabalatee biyyoota torba keessatti yuunitii humna niwukilaraa gurguddoo 26 ijaaraa jirti.