Ruwaandaan Dippiloomaatotni Beeljiyeem atattamaan biyyaa akka bahan ajajje

Ruwaandaan waraanaa DR Koongoo wajjin walqabatee Beeljiyeem 'irra deddeebiin dhiibbaa narraan gahaa jirti''jechuun hariiroo dippiloomasii biyyattii waliin qabdu adda kutuu beeksifte.

Biraasels Ruwandaan waraana DR Koongoo keessa deemaa jiru hammeessaa jirti jechuun Kigaalii himatti. Himachuu qofaa osoo hin taane gocha ishee kanaaf Gamtaan Awurooppaa qoqqobbii akka kaahu duula godhamu dursaa jirti.

Himannaa walirraa hin cinne dhiyessaa jirtuun Ruwaandaan hidhattoota M23 DRK keessaa lolan hidhachiifti jetti.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniifi US himannaan kun dhugaadha jedhanii deeggaraniyyuu, Kigaaliin takkaa hin amanne.

Beeljiyeem koloneeffattuu duraanii Ruwaandaati.

Adeemsa koloneeffattuushee duraaniitti kan mufatte Ruwaandaan dippiloomaatotni biyyatti sa'aatii 48 keessatti Kigaalii gadhiisanii akka bahan ajajje.

Beeljiyeem gama isheen tarkaanfii Ruwaandaa kanaaf deebii akka laattu ibsite. Murtee Ruwaandaa kanaan kan 'humnaa oli' jechuunis ibiste.

Mootummaan Ruwaandaa ibsa Wiixata baaseen Biraasels ''qaajja'uu bara koloniin boodaarra'' jirtii jedha.

''Waraana naannoo kana keessatti Beeljiyeem fiixee qabattee walatajjiiwwan adda addaarratti tooftaan Ruwandaarratti duulchisuu itti fufteetti'' jedha ibsichi.

Dabalunis sobaa fi burjaajii uumuun Ruwaandaafi naannicha tasgabbii dhabsiisuuf yaalaa jirti jedhan.

Ministirri Haajaa Alaa Beeljiyeem Maaxiime Prevoot murteen kun humna oli, Ruwaandaa wajjin yaadaan gaafa waliigalluu dhabdu haas'uurraa ni baqatti'' jechuun X gubbaatti deebii kennan.

Dippiloomaatotni Ruwaandaa Biraasels jiranis biyyattii keessaa akka ari'aman (persona non grata) ibsan.

Murtee kanaan dippiloomaatummaan ergamtoota biyyattii ni haqama, biyyattii keessa turuufis hayyama hin argatan.