Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa, Budaapest har'a jalqabu irratti Afrikaa irraa eenyu milkaa'a?

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa har’a biyya Hangaarii magaalaa Buudaapestitti eegala.

Dubartootaan morkii jabaan atileet Lattasanbat Gidey, Gudaaf Tsaggaay, Siifan Hasanii fi atileetii Keeniyaa rikardii addunyaa meetira 1,500 fi 5,000niin cabsite Feez Kipyegoon gidduutti tahu haalaan eegama.

Dhiirotaan ammoo meetira 5,000 fi 10,000niin rikardi kan qabu atileetii biyya Yugaandaa Jooshuwaa Chepteegeyi, Salamoon Baareggaa fi Barrihuun Aregaawii akkasumas atileetota Keeniyaa biroo gidduutti tahus qalbii Afrikaanotaa harkisuu hin hafu.

Dorgommiin kun bara darbe Ameerikaa magaalaa Oregonitti gaggeeffame. Achirratti baay’ina medaaliyaan Itoophiyaa fi Keeniyaan duraa duubaan sadarkaa lammaffaafi arfaffaan xumuran.

Afrikaa irraa biyyootni medaaliyaa keessa galuun xumuran Itoophiyaa fi Keeniyaa dabalatee Naayijeeriyaa, Morookoo, Ugaandaa yoo tahan waliigalaan biyyoota torba qofa turan.

Hangaarii Budaapestitti Itoophiyaaf medaaliyaa argamsiisu jedhamanii kan abadataman eenyu fa’aati? Akkuma seenaa keessatti fageenya gidduu galeessaa fi dheeraan beekamu morkiin Itoophiyaa fi Keeniyaa gidduu bara kanaa maal tahuu mala?

Atileetota Itoophiyaa fi Keeniyaa dubartootaan

Dorgommii Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa Sambata eegalu irratti atileetoonni Itoophiyaa Meetira 800, 1,500, 3,000 gufachiisaan, 5,000, 10,000 fi maaraatooniin dorgomu.

Dorgommii Buudaapest kana irratti atileetotni 35 tahan Itoophiyaa bakka bu’uun dorgomu.

Itoophiyaa fi Keeniyaan fiigicha meetira 5,000, 10,000 fi maraatooniidhaan waggoota dheeraaf wal morkataniiru.

Keeniyaan gama dubartootaan atileetii dhiyeenya aduu torbanii keessatti rikardii cabsite Feez Kipyegon irra ijashee keesseetti.

Seenaa keessatti fiigicha meetira 1,500niin atileetii jabduu adda taate jedhamuun leellifamaa jirti. Olompikii lamaa fi Shaampiyoona Atileetiksii Addunyaa lama irratti kan injifatte Feez rikardiin fageenya meetira 1,500 fi 5,000 harka ishee jira.

Dorgommiiwan shaampiyoonshiippii ykn Olompikii darban shan 2016 as keessaa atileetiin ganna 29 kun warqee tokko qofa dhabde.

Bara darbe fageenya 1,500niin lammaffaan kan xumurte Gudaaf Tsaggaay guyyaa shan booda fageenya meetira 5,000n warqee argattee turte.

Gudaaf dhiyeenya kana fageenya dheeraa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa akka jirtu BBCtti himteetti. Dabalataan Shaampiyoonshiippii Addunyaa ammas mo’achuun barbaada jette. Gudaaf Feez waliin ammas morkii jabaa taasisuun ishee waan hafu miti.

Atileetii jabduun Itoophiyaa biraa Lattasanbat Gideey shaampiyoonaa fageenya meetira 10,000ti.

Budaapestittis Lattasanbat morkattuu cimtuu atileetota Keeniyaa taati jedhamtee eegamti.

Dhalattuun Itoophiyaa fi lammiin Nezerlaandis Siifan Hasan fageenya meetira 5,000 fi 10,000n Olompikii irratti medaaliyaa warqee argachuun xumurte.

Bara 2019 Shaampiyoonshiippii Addunyaa Dohaatti gaggeeffame irratti atileetiin ganna 30 kun fageenya 1,500 fi 10,000niin medaaliyaa warqee argatteetti.

Meetira 10,000 dhiirotaan

Fageenya kanaan atileetota Itoophiyaa fi Keeniyaa kan dorgomu hin jiru ture. Dhiyeenya erga atileet Qananiisaa Baqqalaa fa’a, Kipchoogee fa’aa fiigicha kana keessaa bahaa dhufanii garuu ol adeemtotni isaan bakka bu’an morkii jabaa irratti argisisaa jiru.

Isaan keessaa yeroo lama shaampiyoonaa kan tahe atileetiin Yugaandaa Jooshuwaa Chepteegeyi amma Buudaapestitti haalaan eegama. Bara 2020 Ispeen Vaalensiyaatti fageenya kana 26:11.00s galuun rikardii harkaa qaba.

Atileetiin Itoophiyaa Barrihuu Aregaawii morkataa Jooshuwaa jabaadha. Barrihuun dargaggeessa ganna 22 yoo tahu fageenya meetira 5,000n sa’aatii saffisaa seenaa fageenyichaa keessatti shanaffaa tahe galmeesse.

Jooshuwaan walitti aansee akka warqee hin mo’anne gochuu danda’a jedhee eegama. Fageenya 5,000 irratti yeroo akkaan saffisaa tahe 12:40.45 fi meetira 10,000 ammoo 26:50.66s qaba.

Dabalataan shaampiyoonaan Olompikii ammaa Salamoon Baareggaa abdii Itoophiyaan fageenya meetira 5,000 fi 10,000niin warqee argachuuf qabdu kan dabaludha.

Akkuma Tookiyootti godhe sana Barrihuu Aregaawii caaluun carraa xumuruus qaba.

Atileetiin Keeniyaa Bernaardi Kibeet morkataa biraa yoo tahu, Atileetiin ganna 23 kun bara darbe Jaappaan Yokohomaatti sa’aatii dhuunfaa isaa saffisaa tahe galmeesseera.

Itoophiyaa bakka bu’ee fiigicha gufachiisaa meetira 3,000n kan dorgomu ammoo Lammeechaa Girmaati. Lammeechaan bara 2019 fi 2022 fiigicha gufachiisaan sadarkaa lammaffaan xumurun yeroo dheeraa booda Itoophiyaaf seenaa haaraa galmeesse.

Lammeechaan Tookiyoo irratti bara 2021 akkasuma lammaffaa bahuun xumure. Qabxiin kun Itoophiyaaf waggoota dheeraa booda qabxii guddaa dorgommichaan galmaa’e ture.

Ji’a Waxabajjii keessa Paarisitti fiigicha gufachiisaa Kana 7:52.11 galuun rikardii haaraa galmeesseera.

Lammeechaan sadarkaa lammaffaa irraa tokkoffaan yoo bara kana Buudaapestitti xumure seenaa haaraa Itoophiyaan fiigicha gufachiisaan galmeessitee hin beekne galmeessuu isaati.

Isa cinatti ammo dorgomaa jabaan biraa Geetinnet Waalee jira. Haa tahu malee fiigicha gufachiisaa meetira 3,000 kana atileetii lammii Morookoo Soofiyaan El Bakkali jedhamutu mo’achuun beekama.

Ta’us, dargaggoonni kunneen Itoophiyaaf medaaliyaa warqee argamsiisu jedhamee abadatama.

Ardiin Afrikaa fiigicha gabaabaa akka meetira 100n mo’attee hin beektu. Fageenya gabaabaa kana atileetota Ameerikaa ykn Jamaayikaatu wal duraa duuba mo’ataa ture.

Amma Keeniyaa irraa rikardii gaarii kan qabuu fi medaaliyaa ardichaaf argamsiisa jedhamee kan abdatamu Ferdinaandi Omonyaalaati.