Pireezidant Joo Baayidan himannaa ICC'n Putiin irratti bane deeggaran

Pireezidantiin US Joo Baayidan Manni Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa (ICC) Pireezidantii Raashiyaa irratti ajaja hidhaa baasuu isaa deeggaruun simatan.

Himannaa ICC'n irratti bane kunneen Pireezidanti Putiin ''ifaan ifatti dalageera'' jedhan Baayidan.

Himannaan ICC kun akka ijootti kan kaase, Putiin biyyisaanii erga bara 2022 Yukireen weerartee booda, daa'imman hedduu gara Raashiyaatti guuruun mirgasaanii sarbuudha.

Mooskon himannaa kana haalteetti, ajaja hidhaa ICC'n baases gatii dhabsiiste.

Manni murtii kun qondaala yakka raawwate tokko qabee seeraan gaafachuuf mootummaa biyya sanaa waliin qindoominaan hojjechuu isa barbaachisa.

Raashiyaan ammoo miseensa mana murtichaa waan hin taaneef himannaan ICC kun hagas kan deemsisu miti.

Kana jechuun garuu tarkaanfiin ICC kun Putiin irratti dhiibbaa hin qabu jechuu miti.

Kanaan booda Putiin miilasaa fuudhanii biyyoota miseensa ICC ta'an 123 keessa ejjennaan battaluma qabamu jechuudha.

Aab Putiin ICC'dhaan ajaji hidhaa wayita irratti ba'u pireezidantii sadaffaadha.

Pireezidant Joo Baayidan tarkaanfiin mana murtii kun qabxii murteessaa ta'uu eeran.

Mootummaansaanii durumaanuu Raashiyaan Yukireen keessatti yakkoota waraanaa hedduu raawwachuu himachuu eegaluu ibsan.

Pireezidantii Itti Aantuu US kan ta'an Kamaalaa Haariis Guraandhala darbe keessa, qondaaltonni Raashiyaa yakka waraanaa Yukireen keessatti raawwatan seeraan gaafatamuu qabu jedhanii turan.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomaniis torbee kana gara jalqabaa humnoonni Raashiyaa daa'imman Yukireen hedduu bakka to'atanii humnaan guuranii gara Raashiyaatti geessuu gabaasa baasee ture.

Kunis akka yakka waraanaatti ilaalama jechuun ibse UN.

Manni Murtii Yakkoota Waraanaa Idil-addunyaa (ICC) ijoollee gara Raashiyaatti guuruu isaaf wayita Putiin himatu, sababaa fi ragaa irratti hundaa'ee ta'uu ibse.

Putiin kallattiin, akkasumas michootasaanii kaan waliin ta'uun yakka kana keessatti hirmaataniiru jedhe manni murtii kun.

Dureen Raashiyaa kun wayita daa'imman mirgisaanii sarbamee garmalee garas guuraman dirqamasaanii ba'uun gocha kana dhaabsisuu hin dandeenye jedha manni murtii kun.

Komishinarri Mirga Daa'immanii Raashiyaa Maria Lvova-Belova illeen mana murtii kanaan yakkuma walfakkaatuun himatamanii ajaji hidhaa irratti ba'eera.

Abukaatoon seeraa ICC Kariim Kaan ajaji hidhaa kun ragaa qorannoo reenfaa, sakatta'iinsaa fi hordoffii taasifame akkasumas waan qondaaltonni lameen jedhan irratti hundaa'uun kan ba'eedha jedhan.

Manni murtii kun jalqabarratti ajaja hidhaa kana icciitiidhaan qabuuf ture, garuu dhimmi kun hawaasatti yoo ba'e yakki walfakkaataan akka itti fufee hin raawwatamne gochuu keessatti murteessaadha jechuun boodarra ifa baase.

''Daa'imman dantaa waraanaaf itti fayyadamuun yakka. Bakka itti dhalatan, maatiisaaniirraa fudhatamanii gara biraatti humnaan geeffamuu hin qaban,'' jechuun BBCtti himan Aab Kaan.

Aab Kaan Pireezidant Vilaadmiir Putiin seeratti akka dhihaatan, yakka ittiin himatamaniin akka gaafataman abdii guutuu qabu.

Akkasaan jedhanitti bulchaan Sarbiyaa bara 1990oota keessa Croatia, Bosnia fi Kosovo keessatti yakka waraanaa raawwachuun himataman- Slobodan Milosevic, seeraan ni gaafatamu jedhee namni yaade hin turre.

"Guyyaa ifaan yakka raawwannee, halkan hirriiba nagaa rafaa bulla jedhanii kanneen yaadan seenaa keessatti waan mudatee darberraa barachuu qabu,'' jedhan.

Dubbi himaan Kremlin Dmitry Peskov tarkaanfiin mana murtichaa fudhatama kan hin qabneedha jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa duraanii Raashiyaa Dimitirii Meedveedeev ammoo ajaja hihdaa ICC'n baaseen waraqaa mana fincaanii ittiin jedhan.

Pireezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii yaada Aab Kaan kennaniif galateeffataniiru.

Murtee ICC'n gocha hammeenyaa Putiin irratti dabarses gammachuun simatan.