Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantin Chaayinaa Shii Jin Ping Putiin waliin wal arguuf gara Moskoo imaluufi
Pirezidantin Chaayinaa Shii Jin Ping gita isaanii Putiin wajjiin mariyachuuf torbee dhufu gara Moskoo akka imalan ibsame.
Angawoonni Raashiyaa akka himanitti Shiifi Putiin "dhimmoota waloofi walta'iinsa tarsiimoo irratti hundaa'erratti" ni mari'atu.
Chaayinaan dhiyeenya kana akkaataa itti waraanni Raashiyaafi Yukireen xumura argaturratti yaada dhiyeessitee turte.
Haa ta'u garuu biyyoonni Lixaa yaada Chaayinaa kanatti hin quufne.
Biyyoonni Lixaa Chaayinan meeshaalee waraanaa Raashiyaaf akka hin dhiyeessine akeekkachiisanii turan.
Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa akka ibsetti Pirezidant Shiin Bitootessa 20 hanga 22'tti Moskootti daawwannaa ni taasisu.
Affeerraa daawwannaa kana kan dhiyeesse ammoo Pirezidant Putiinidha.
Oduu Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Huwaa Chunying fuula Tiwiitara isaanirratti, "Sanadoonni murteessoo ta'an akka mallattaa'antu eegama. Daawwannaan kunis kan michoomaafi nageenyaati" jechuun barreessan.
Chaayinaan dhimma waraana Yukireen irratti "ijjannoo sirriifi wal-hin caalchifne" akka qabduufi karaan nagaan akka xumuramuuf mariin akka gaggeeffamu akka jajjabeessitu dabaluun barreessan qondaalli Chaayinaa kun.
Yaada araaraa Chaayinaan dhiyeessite kanarratti mariyachuuf Pirezidant Shii Jin Ping waliin qaamaan wal arguun mariyachuu akka barbaadan Pirezidantiin Yukireen Zeleniskiin ibsanii turan.
Ministirri Dhimma alaa US Antoonii Biliinkan Chaayinaan meeshaalee waraana Raashiyaaf dhiyeessuu barbaaddi jechuun qeeqanii turan.
Chaayinaan garuu himannaa kana hin fudhattu.
Miidiyaaleen US akka odeeffanne jedhanitti Pirezidant Shi Jiin Ping daawwannaa Raashiyaa booda kara onlaayinii Pirezidantii Yukireen wajjiin wal-arganii mariyachuuf jiru.
Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Dimitiro Kuleebaan pirezidaant Zeleniskiin Pirezidaant Shii wajjiin karaa bilbilaa mariyachuuf qophii ta'uu ibsuun: "Chaayinaa ammatti meeshaalee waraanaa Raashiyaaf dhiyeessurra waan geesse natti hin fakkaatu" jedhan.