Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Injifannoo Maanchister Siitii Arsenaaliin bir'achiise
Peep Gaardiyoolaan erga leenjisummaa jalqabee taphoota 1000ffaa isaa injifannoon goolabe. Itihaad irratti Liiverpuuliin kan keessummeesse Maanchister Siitiin injifannoo guddaa galmeesseera.
Galchii Haalaand, Dookuu fi Gonzaaleziin Liiverpuul kan bara kana kallattiin harkaa badaa jiru mo'atan.
Injifannoon kun qabxii sadii argachuun garasitti ilaalama. Haalaand yeroo jalqabaaf tapha Vaan Daayik waliin walitti isa fide mo'ate.
Garaagarummaan qabxii Arsenaalii fi Maanchister Siitii gidduu jiru gara qabxii afuriitti xiqqaate. Kun barri kun kan isaati jedhamaa kan jiru Arsenaaliin bir'achiisa.
Liiverpuul irratti ammoo akka madaa irratti ashaboo firfirsuuti. Shaampiyoonaa tahee kan xumure Liiverpuul maallaqa guddaa baasee taphattoonni mallattesise tokkollee hanga irraa eegame kilebichaaf kennaa hin jiran.
Kanaaf haala amma jiruun garaagarummaan qabxii isaan gidduu jiru guddaa tahuu baatus Liiverpuul waan morkataa jabaa tahu hin fakkaatu.
Erga walitti aansuun waancaa Piriimer Liigii mo'atee bara darbe Gaardiyoolaan qormaata guddaa keessa darbe.
Obsa isaa fixachuun gaaffii dhiyaatuuf hanga kallattiin deebisuu dadhabuutti gahee ture.
Garuu garee isaa ji'a Amajjii darbe irraa eegaluun bifa haaraan ijaaruu jalqabe. Yeroo gannaa kanas itti dabaluun taphattoota dandeettii olaanaa qaban gara kilebichaatti kan fide Gaardiyoolaan bara kana waancaaf morkachuuf kutateera.
Baarseloonaa, Baayern Muunikii fi Maanchister Siitii keessatti yeroo milkaa'aa guddaa jedhamu dabarseera.
Gahumsi taphattoonni Maan Siitii agarsiisan, kutannoo fi sodaachisummaan isaanii yoo ilaalamu kilebichi hagam akka deebi'e namatti agarsiisa.
Leenjisaa isaaniif guyyaa yaadannoo fi gammachuu kana irra injifannoo mi'ooftuu akka kanaa kennaniif.
Gaardiyoolaan taphaan booda ''kennaa akka kanaa naaf kennuu keessaniif taphattoonni hundi, hojjettoonni kilebichaa galatoomaa. As magaalaakoo kana keessatti tahuun isaa ammoo baay'ee na gammachiiseera'' jedhe.
Arsenaal tokkoffaa irra jira. Garuu maanchister Siitiin kana duras muuxannoo duubaa ka'uun gateettii morkattootaa isaa irra taa'uu qaba. Taphoota 11 qofa taphatan.
Arsenaal tapha Sanderlaand waliin ture irratti qabxii lama gatuun gatii isaan kaffalchiiseera.
Liiverpuul ammoo bara darbe Itihaad irrattis Aanfiildi irrattis Maanchister Siitii mo'achuun ture haga dhumaatti deemuun shaampiyoonaa tahuu isaa kan mirkaneesse.
Taphoota Piriimer Liigii jaha keessaa shan mo'amuun Liiverpuul kilebichi barana waancaaf morkataa jabaa akka hin taane agarsiisa jedhan xiinxaltoonni.
Ekiitiikeen jijjiiramee bahe. Isaak osoo hin galiin taa'umsa jijjiirraa irratti hafe. Filooriyaan Wiirz cimina qaamaa Piriimer Liigiin barbaadutti baruu hin dandeenye.
Mohaammad Saalaan bara darbe beeknu barana hin jiru. Ittisni isaa caccabeera. Sararri gidduu qindoomina bara darbee hin qabu. Isloot yeroodhaan garee isaanii ijaaruu ykn hojii isaanii dhabuu tahuu mala.
Peep Gaardiyoolaan ammoo yeroo taphattoonni biyya isaaniif taphachuu deeman nan boqadha jedhan.
Sana booda tapha itti aanuuf qophaa'uu akka tahe himan. ''Amma boqannee humna guuttannee deebina jedhe.
Waa'ee bara leenjisummaa isaafi milkaa'ina isaa yoo dubbatu ammoo ''Bu'uura kan naaf tahe hojii Baarseloonaa garee B keessatti dabarsedha jedhe.
Taphattoota bara jalqabaakoo turan hundaa hin dagadhu. Har'a akkan taphoota 1,000 leenjisu kan bu'uura naaf tahe isaani'' jedhe.
Arsenaal waggoota lamaan darban walitti aansuun lammaffaan xumure. Bara kana garuu Arteettaan waancaa mo'achuun dirqama itti taha.
Arteettaan erga Sanderlaand waliin taphatanii qabxii lama dhabanii ''yaadda'eera, galchii nurratti lakkaa'amuu caalaa haalli tapha keenyaa na yaaddessa jedhe.
Guyyuma sana tapha Maanchister Siitii fi Liiverpuulis akka ilaaluu barbaadu dubbatee ture. Arsenaal taphoota jajjaboo hedduudhaan hin qoramne.
Kilebichi maallaqa guddaa baaseera. Taphattoota jajjaboo sddet garichatti dabaleera.
Garuu morkiin isaa haalaan ulfaataa deemeera. Arsenaal Maan Siitii qabxii afur caala. Liiverpuuliin ammoo qabxii saddetiin caala.
Ittisni Arsenaal haalaan jabaadha. Taphoota saddet galchii tokko malee xumuruun rikardii waggoota 122 cabsaniiru.
Fuuldurri isaa taphattoota jajjaboo muuxannoo qabaniin durfama. Garuu barana galchii baay'ee lakkoofsisaa hin jiran.
Sararri gidduu Zuubimandii, Deklaan Raayisii fi Odeegaard ykn Meeriinon durfama.
Eezzeen miidhagina kilebichaa biraati. Garuu kun hundi tahee waancaa hin mo'atan taanaan gatii hin qabu.
Leenjistoonni Ispeen lamaan Gaardiyoolaa fi Arteettaan bara kana kamtu akka caalu kan agarsiisan taha.