Maanchister Siitii 3-0 Liiverpuul
Maanchister Siitii 3-0 Liiverpuul mo’ate.
Haalaand, Gonzaalezii fi Dookuu galchii lakkoofsisuun Maan Siitii 3-0 Liiverpuuliin mo’ate.
Maan Siitii suuta jabaachaa deemuun Arsenaaliin ammas waancaa dhabsiisaa?
Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphoota Piriimer Liigii Ingilizii har'aan Maanchister Siitiin Liiverpuuliin morkata. Arsenaal qixa bahuun dorgommicha cimsaa deemera.6
Zelalem Tadesse Duressa
Maanchister Siitii 3-0 Liiverpuul mo’ate.
Haalaand, Gonzaalezii fi Dookuu galchii lakkoofsisuun Maan Siitii 3-0 Liiverpuuliin mo’ate.
Maan Siitii suuta jabaachaa deemuun Arsenaaliin ammas waancaa dhabsiisaa?
Niikoo Gonzaalez galchii lakkoofsise. Liiverpuul kufaatii keessa jira.
Haalaand galchii jalqabaa lakkoofsisa. Rukuttaa peenaalitii dhabee ammoo galchii lakkoofsise.
Sadarkaa 2ffaa irra kan jiru Cheelsiin qabxii 20 qaba. Sadarkaa 10ffaa irra kan jiru Barnimooz gidduu qabxii sadii qofa jira. Arsenaal qabxii 26 qaba.
Taphni Liiverpuulii fi Maan siitii ammaa qabxicha jijjiiruu mala. Dorgommii Awurooppaa Liigii argachuuf falmiin godhamu haalaan hammaataa dhufeera.
Peep Gaardiyoolaan tapha erga leenjisummaa jalqabee 1000ffaa har’a taphata.
Rikardii Liiverpuul waliin qabu garuu isa yaadessa. Taphoota 24 walitti dhufan keessaa Gareen Gaardiyoola ataphoota jaha qofa mo’ate.
Saddet qixa bahaniru. Kaan mo’ameera. Kilebni haga kana gaardiyoolaa injifate hin jiru.
Tootenhaam yoo tahe malee. Gaardiyoolaan Tootenhaam waliinis rikardii gaarii hin qabu. Garuu abdii kan tahuuf tokko jira.
Taphoota 12 dirree isaa irratti dhiyoo taphate waliigalaa keessaa 11 irratti galchii lakkoofsiseera. Maan Siitiin deebi’ee ka’aa jira.
Waancaa bara kanaafw arra jalqaba irratti Arsenaal morkatan keessaa tokko. Liiverpuul jalqabbii gaarii booda gatantareera.
Garuu fooyyee qaba. Haalaand barana taphoota 17 irratti galchii 27 lakkoofsise. Taphoota Piriimer Liigii 103 irratti galchii 98 lakkoofsiseera.
Taphoota muraasa irratti galchii 100 gahuun rikardii Alan Shiirer cabsuuf galchii lama qofa isa hafa.
Alan Shiirer taphoota 124 taphachun galchii 100 gahe. Saeaea Ittisaa Liiverpuul baranaa galchii dhimphisu irrattis har’a lakkoofsisuu danda’a.
Liiverpuul Aleeksaander Isaakiin taa'umsa jijjiirraa irra kaa'e. Fuula dura irra Huugoo Ekitiikee, Mohaammad Saalaa fi Filooriyaan Wiirz taphachiise.
Sarara gidduu irra Giraavenberg fi Maak Alister fi Sooboslaayi taphatu.
Ittisa irra Biraadilii, Konaatee Vaan Daayikii fi Roobertsan taphatu.
Maanchister Siitiin Ruuben Diyaaz, O.Reyilee, Givaardiyoolii fi Maatiyaas Nuunez taphachiise.
Sarara gidduu irra ammoo Bernaandoo Silvaa, Gonzaalezii fi Fooden taphatu. Sarara duraa irra Haalaand, Cherkii fi Dookuun taphatu.
Maanchister Siitiin deeggartoota isaanii 50,000 fuulduratti taphatu.
Nu hordofaa, jala jalaan isinii dhiyeesina.
Arteettaan Sanderlaand waliin qixa bahuu isaatti ''gaddeera'' jedhe.
Sanderlaand tapha kudhan booda Arsenaal irratti yeroo jalqabaaf galchii lakkoofsisan. Arsenaal osoo galchiin irratti hin lakkaa'amiin taphoota saddet darbuun rikardii kilebichaa waggoota 122 ture cabsanii ture.
''Mo'achuun barbaada ture. Dhumarratti mo'achuuf carraa argannee ture,'' jedhe Arteettaan.
''Ilaali" Kuni Piriimer Liigiidha. Falaasama mataa isaanii adda taheen taphatu. Yeroo haala mijataa akkasii argatan si adabu'' jedhe.
''Baay'ee na yaadesseera, sirriitti ittisuu qabna ture. Garaagarummaa galchii tokkoo qofa waan taheef ittisuu qabna ture. Garuu morkattootaafis kabaja kennuu qabda, gahumsa ajaa'ibaa agarsiisan.''
Bakki amma jiran isaaniif mala. Osoo hin injifatamiin dhufan. Asittis qabxii kana argachuun isaanii akka isaaniif malu agarsiisa jedhe Arteettaan.
Arsenaal irratti galchii lakkaa'amuu qofa osoo hin taane, taphuma irrattiyyuu waan sirreesuu qabnu hedduutu jira.
Taphattoonni Arsenaal waan kaleessa isaan mudate amanuu hin dandeenye.
Sanderlaandi kilaba Shaampiyoonshiippii keessaa ol guddate osoo hin taane kan shaampiyoonaa tahee xumure fakkaata.
Karra Arsenaal kan cabse, ittisa Arsenaal kan harka kennachiise Sanderlaand.
Bara darbe kan namoota hedduu ajaa'ibsiise gahumsa Nootiingihaam Foorest ture. Barana Sanderlaand.
''Taphaoottoonni keenya tapha kanaaf qophaa'uuf torban guutuu dhama'aa tura. Argiteettaa waan garee keenya keessa ture. Haamilee isaanii, wal'aanso isaan qabaa turan'' jedhe Arsenaal irratti galchii kan lakkoofsise Baalaard.
hamma daqiiqaa dhumaatti falmanne kan jedhe Baalaard, taphoota hunda irratti galchiin daqiiqaa dhumaatti lakkoofsisuun qabxii argatan akka isaan gammachiise hime.
''Dorgommichi reefu jalqaba. Amma tasgabbii qabna. Jalqabbii gaarii qabna. Kuba dhuma irratti Arsenaal jalaa deebise ilaalchisee osoo galchanii jiraatan achuma irratti dhuma ture.
Daqiiqaa dhumaa tahuun isaa waan qabnu hundaan akka ittisnu nu godheera jedhe.
Arsenaal amma Awurooppaa keessaa kileba guddaadha. Isaan irraa qabxii tokko argachuun keenya garee kamiyyuu mo'achuu ykn qabxii irraa qooddachuu dandeenya jennee akka amannu nu godheera jedhe.
Baalaard taphataa Arsenaal ture.
leenjisaan Maanchestar Siitii Peep Gaardiyoolaan hara'a morkii Liivarpuul waliin taasisu akka seena qabeessatti ilaala- tapha 1,000ffaa isaati waan ta'eef.
Waancaa Pirimeerliigii Ingiliz waggoota dhiyoo as kan to'ate kilaboota kana lamaani- Livarpuulifi Maan Siitii. Waancaa Pirimeerliigii saddeettan darbe wal-harkaa fuudhee kan nyaate kilaboota gurguddoo kanneen lamaani.
Maanchestar Siitiin Pirimeerliigii saddeettan darban keessaa waancaa jaha kan fudhate yoo ta'u afur walitti aansuni. Lamaa ammoo Liivarpuulitu nyaate.
Har'a galgala Maan Siitiin Itihaaditti Liivarpuul simatee waliif bahu.
Kamtu irra aana? Asiin dubbisaa. Morkii jabaan Liivarpuulifi Maan Siitiin har'a gaggeessan egeree waancaa Pirimeerliigii Ingiliz maal akeeka?