Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Morkii jabaan Liivarpuulifi Maan Siitiin har'a gaggeessan egeree waancaa Pirimeerliigii Ingiliz maal akeeka?
leenjisaan Maanchestar Siitii Peep Gaardiyoolaan hara'a morkii Liivarpuul waliin taasisu akka seena qabeessatti ilaala- tapha 1,000ffaa isaati waan ta'eef.
Waancaa Pirimeerliigii Ingiliz waggoota dhiyoo as kan to'ate kilaboota kana lamaani- Livarpuulifi Maan Siitii. Waancaa Pirimeerliigii saddeettan darbe wal-harkaa fuudhee kan nyaate kilaboota gurguddoo kanneen lamaani.
Maanchestar Siitiin Pirimeerliigii saddeettan darban keessaa waancaa jaha kan fudhate yoo ta'u afur walitti aansuni. Lamaa ammoo Liivarpuulitu nyaate.
Har'a galgala Maan Siitiin Itihaaditti Liivarpuul simatee waliif bahu. Itti bahi tapha kanaa Piri,erliigii baranaa murteessurratti gahee guddaa qaba jedhamaa jira.
Lamaansaanituu injifatanii garaagarummaa Arsenaal waliin qaban dhiphisuu barbaadu.
Sandarlaand kaleessa Arsenaal miila qabde. Qabxii qooddatee bahuusaatiin carraa qabxii saddeetiin gabatee pirmeerligii dursuu hanqate. Siitiin har'a kan mo'atu taanan garaagarummaa Arsenaal waliin qabu qabxii afuritti gadi buufata.
Arsenaal qixa bahuun Maan Siitiifi Liivarpuulitti abdii hagam hore?
Arsenaal hanga daqiiqaa 94ffatti Sandarlaand itti galchuutti mo'adheera jedhee qabxiisaa eegsifachuuf ittisaa ture.
Amma kilaboonni gurguddoon waggoota dhiyoo as waancaa Pirimeerliigi dhuunfatan Liivarpuulifi Maan Siitiin Arsenaal faana dhahuutti deebi'aniiru.
Liivarpuul walitti aansuun qabxii gataa ture, amma mo'ichatti deebi'eera. Siitinis suutuma suuta dorgomaa cimaa waancaa ta'uusaa mirkaneessaa jira.
Gaardiyoolaan taphoota Piriimeerliigii 18 Liivarpuul waliin taphateen shan qofaa mo'ate. Torba wal-qixa bahee jaha ni mo'ame.
Dorgommiiwwan waliigalaa 24 Liivarpuul waliin taasiseen, Gaardiyoolaan jaha qofaa injifate. Saddeet wal-qixa bahanii 10 ammoo ni mo'ame. Kanaaf Gaardiyoolaan seenaa gaarii Liivarpuul waliin hin qabu- dorgommii har'aan seenaa kana jijjiiruu barbaada.
Leenjisaa gameessi Peep Gaardiyoolaan haala gareensaa amma irra jiruufi cimina Arsenaal bara kanaa ilaalchisee yaada kenneen: "Yeroo hundumaa cimaa akka deemtu eeguu qabda, akkasumas akka isaan [Arsenaal] qabxii gatan eeguu qabda. Nuun kan gochuu qabnu dorgommiiwwan qabnu mo'achuufi hanga dandeenyetti garaagarummaa jiru dhiphisuudha," jedhe.
Arsenaal garee shaampiyoonaa ta'uu danda'u ijaaraa akka ture Gaardiyoolaan bareechee beeka.
"Waggoota lamaan sadan darban adeemsa kilabaafi garee ijaaruu irra turan, Arsenaal waggoota lamaan sadan darban waanti hojjata ture waan addaati," jedhe Gaardiyoolaan.
"Garuummoo Sadaasa keessa jirra beeki. Ji'a Sadaasaa keessa kilabni waancaa injifatu hin jiru," jedhe.
Dabaluunis, "Haalonni akkamitti dafanii akka jijjiiraman naaf gala. Torban tokko dura Liivarpuul haala rakkisaa keessa ture. Amma walitti aansuun lama injifataniiru. Gahuumsa isaanii cimaa sanatti deebi'aa jiru.
"Yeroo hundumaa gadi bu'uufi ol bahuun jiru," jechuun dubbate Gaardiyoolaan.
Leenjisaan Liivarpuul Arne Isloot dorgommii wancaaf godhamu keesaa bu'aa bahiin akka jiru ibsuun, dorgommiin har'a kilaboonni lamaan taasisan garuu akkaa murteessaa ta'uu dubbate.
"Amma yeroo itti gabatee liigichaa ilaalan miti. Hanga danda'ametti dorgommiiwwan jiran mo'achuufi sadarkaa cimaarra of kaa'udha.
"Garuu gareewwan baay'ee cimoo ta'an [Liivarpuul-Maan Siitii] taphachuuf jiru. Maaltu ta'uuf akka jiru walumaan itti deemnee ilaalla," jechuun dubbate.
"Xiyyeeffannoon keenya ofii keenya qofaarratti. Itti fufiinsaan fooyya'iinsa agarsiisuu agarsiisuu, taphattoota gahoomsuufi sana booda gara itti baasu ilaalla," jedhe Arne Isloot.
Garummoo dirreen ala Siitii waliin taphachuun cimaa akka ta'u hin haalle Arne Isloot.
"Siitiin ofiisaatifuu geemidha. Dirreen ala isaan waliin morkachuun qormaata bara kana keessa qabnu keessaa tokkoodha. Kuni morkii eenyuyyuu quurra qeensee eegudha," jedhe.
Arne Isloota taphattoota akka Giraavenbarg, Maak Alistar fi Doominik Soboslaayi gidduutti fayyadamuunsaa taphoota darban lama akka injifatu isa taasisuun hamilee itti horeera.
Liivarpuul sarara gidduu Maan Siitii irratti olaantummaa kan argatu yoo ta'e, Liivapuul deebi'ee misuu isaati. Siitinis fooyya'iinsa guddaa agarsiisaa jiruun qormaata ta'uun waan hin oolledha
Vaandaayik Haalaand dhaabuu danda'aa?
Erling Haalaand bara kana Siitifi biyyasaaf walumaa galatti galchiiwwan 27 lakkoofsiseera.
Jifataa cimaafi sodaachisaa addunyaa yoo jedhames waan itti guddatuu miti. Har'a utubaa dugdaa Liivarpuul wajjin walitti bahuu isaati. Vaandaayik ittisaa cimaa yoo ta'u Haalaand jifataa akkaan sodaatamuudha.
Dorgommii Liivarpuulifi Maan Siitii har'aa murteessuu keessatti Haalandifi Vaandaayik hojiin isaan hojjatan akkan murteessadha.
Bara 2022 erga Siitii seenee as Haaland Vaandaayik waliin si'a shan waliif bahanii tokkoyyoo mo'achuu hin dandeenya. Haaland si'a sadi mo'amee lama ammoo wal-qixa bahe.
Dorgommiin har'aa Haalaandif dorgommii dhuunfaa Vaandaayik haaloo bahatuudha.
Taphataan duraanii Liivarpuulifi garee biyyaalessaa Ingilaand Waarnook tapha kanarratti BBCf yaada kenneen: "Mo'amuufi mo'amuu tapha kanaa wantoota murteessoo yoo ilaalle, gama Liivarpuuliin Haalaand dhaabudha. Kana gochuuf ammoo sarara gidduurraa kubbaan akka isa hin qaqqabne danquudha.
"Kana kan murteessu ammoo taphattoonni sarara gidduu Liivarpuul akkuma Aston Viilaafi Riyaal Maadiriid godhan Maan Siitii mudduu yoo danda'aniidha," jdhe.
Waarnook dabaluun: "Morkiin Haalaand fi Vaandaayiik gidduutti taasifamu kubbaa Haalaand qaqqabu irratti hundaa'a. Haaland dhaabuuf ammoo gaheen guddaan kan Vaandaayikiifi Ibraahim Konaatee ta'a. Konaatee caalee argama taanan, Vaandaayik homaa gochuu hin danda'u," jechuun Haalaand dhaabuun qormaata cimaa akka ta'u ibse.
Haalaand kubbaa akka hin galchine yoo barbaadame, Liivarpuul ka'uumsa kubbaa irratti hojjachuu akka qabus dhaame.
"Waanti guddaan Liivarpuul gochuu qabu, kubbaan isa [Haalaand bira akka hin geenye gochuudha," jedhe.