Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waggoota 3,000 dura dhalli namaa qoricha 'mirqaansu' fayyadamaa ture - Qorannoo
Waggoota 3,000 dura Ispeenitti namoonni qoricha sammuu hadoochu fudhachaa akka turan qorannoon haaraa bahe agarsiise.
Qorannoon kun akka ibsetti namoonni qoricha sammuu namaa hadoochu ta'ee kan baay'ee nama dammaksu ykn 'addunyaa biraa keesssa nama galchu' fudhataa turan.
Saayintistonni qorannicha gaggeessan rifeensa namaa awwaala keessaa baasun yoo ta'u, dhalli namaa duriyyuu biqilootaafi baala mukaa garaa garaarraa qoricha sammuu hadoochu hojjachuun itti fayyadamaa ture.
Bakki awwaalaa saamudni qorannichaa irraa fuudhame Ispeen, bakka Manoorkaa jedhamutti argama.
Argannoon kun dur namni qoricha sammuu hadoochu kan waa dagachuu fa'iif itti dhimma bahan fudhataa turuu kan agarsiisudha jedhame.
Qorichoonni kun namni akka ija jabaatee waa godhu ykn mirqaanu kan nama taasisu akka ta'e ibsa qorannoon kun.
Qorannoon barruu Scientific Reports irratti bahe kun Ispeen, holqa Es Càrritx keessatti namoonni dur kana gochaa akka turan agarsiistuuwwan jiraachuu ibsa.
Holqa kana keessatti awwaalli namoota 200 olii argameera.
Bakkichi waggoota 600 ta'uuf iddoo awwalchaafi sirni garaa garaa itti gaggeeffamu ta'ee tajaajilaa akka turetu ibsame.
Qabiyyeen qoricha sammuu hadoochu kun baay'ee cimaafi holqicha keessatti sirna garaa garaa raawwachuuf dhimma itti bahamaa turuu akka hin oolle ibsan qorattoonni kun.
Saamuda rifeensa awwaala holqa kana keessaa baherratti qorannoo gaggeeffameen keemikaalota sammuu hadoochan sadii argachuu himan qorattoonni.
Kemikaalota argaman keessaa atropine fi scopolamine sammuun namaa toora galchee akka hin yaanne kan godhan (hallucinations) dha.
Kemikaalli ephedrine jedhamu ammoo kan humna namaa kennuufi miira namaa si'eessu ta'uu ibsa qorannichi.