Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhuguma harki namaa kan hoollatu waan adurree ajjeesaniifi?
Hawaasa Itoophiyaa garagaraa biratti biratti adurree waan ajjeesaniif yookiin rukutaniif harki namaa akka hoollatu amanama.
Hawaasa keessatti akkas haa jedhamuyyuu malee, hakiimni dhimma kanarratti hubannoo qaban garuu rakkoo fayyaa narviin ta’uu himan.
Namoonni waa mallatteessuuf, muruuf, qabachuuf harki isaanii hoollate ajajamuu didu kuni mallattoowwan dhibee Paarkinsans keessaa muraasa akka ta'e ogeeyyiin himu.
Kollejjii Fayyaa Adaamaatti Tumsaa Pirofesaraafi ispeeshalistii narvii kan ta’an Dr Taaddasaa Siidaa dhibee Paarkinsansi jedhamuun akka walqabatu dubbatan.
‘’Namni adurree waan ajjeesseef ykn rukuteef otoo hin taane, dhibee ‘Parkinson's jedhamu,’’jedhan.
Dr Taaddasaa dhukkubsattoota rakkoo narvii kanaaf saaxilaman ni yaalu.
Sammuu namaa kessatti narviiwwan madaallii sochii qaamaa walmadaalchisan madaalasaanii dhaburraa kan ka'e harki akka hoollatu himu.
’’Sammuu keenya keessatti narviiwwaan hoollannaa wal madaalchisanii hojjatan jiru.
''Narvii inni tokko hollaannaan akka uumamu ajaja, narvii kan biraammoo hollannaa kana dhorka.
''Narviiwwan kun yoo walqixa ajajaman qaamni keenya hin hoollatu, madaalli kana yoo darbe qaamni keenya hoollata’’ jedhan.
Ta’iin kun akka waliigalaatti rakkoo sochii qaamaa ykn ‘movement disorder’ jedhamee akka beekamu kaasan.
Rakkoon sochii qaamaa kun bakka gurguddaa lamatti hirama jedhan.
Kana jalqabaa haayipoo- kineetik disoorder (hypokinetic disorder), sochiin qaamaa xiqqaachuu ykn hir’achuun ibsama.
Dhibeen Parkinsansi jedhamu gartuu dhibee haayippoo- kaayinetik disoorder keessaa isa tokko.
Umriin wayita fagaata deemu dhibeen kun yeroo heddu nama mudata jedhan.
Rakkoon sochii qaamaa inni lammaffaan nama mudatu haayipar-kinetik (hyperkinetic disorder) akka jedhame beekamu ibsan.
Rakkoon fayyaa kunis fedhii keenyaan alatti qaamni keenya garmalee socho’uu ta’uu eeran.
Dhibeen Paarkinsansi maalii?
Dhibeen narvii kun maqaa kana kan argate hakiima Landan Jeemsi Paarkisan jedhaman booda yo ta'u, bara 1817 dhimma kanarratti ibsa kennan hordofee ture.
Adeemsa keessa qorannoo saayiinsii fayyaa waa’ee dhibee kanaa waan danuu ifatti baase.
Dhibeen Paarkinsansi sirna narviifi qaama keenya iddoo narvoonni to’atan miidhuun beekama.
Mallattooleen dhibee kanaa sududaan nama eegalu. Tarii mallattoon jalqabaa hubatamu dhabuullee mala.
Mallattoon dhibee hollannaa harkaa harka tokkorraa eegala.
Rakkoo narvii kana hordofee hollannaan qaamaa yeroo baayyee ni mudata, rakkoon kun qaamni keenya akka hin sochoone gochuu ykn ammoo sochii qaama keenyaa hir’isuu mala.
Dhibeen kun wayita nama qabu gara jalqabaatti fuulaan miira ofii mul’isuu dadhabuu fiduu mala.
Wayita deemnu tarii harkii keenya socho’uu diduu mala. Yeroo dubbannu sagaleen qal’achuu ykn gungumuullee danda’a.
Mallattooleen dhibee kanaa turtii keessa hammaachaa adeema.
Dhibee Paarkinsansi guutummaatti fayyisuun hin danda’amne, dawaan mallattoolee dhibichaa sirriitti namatti wayyeessaan garuu akka jiran ogeeyyiin ibsan jiru.
Darbee darbee ogeeyyiin fayyaa baqaqsanii yaaluudhaan kutaa sammuu murtaa’e sirreessuun mallattoo dhibichaa wayyeessuu akka tooftaa tokkotti fudhachuu malu.
Mallattoo dhibichaa?
Mallattoolee dhibichaa ijoon hoollanaa ritimii walfakkaata qabu miila ykn harkarraa eegalu.
Yeroo hedduu hollannaan kun quba harkaa ykn harkarraa eegala.
Harki keenya otoo boqochaa jirruu ni hoollata. Hollaannaan harkaa kun tarii wayita waa hojjannu hir’achuu mala.
Mallattoon biraa sochiin qaama keenya harkifachuus ta’uu mala. Wayita tarkaanfannutti tarkaanfiin keenyallee gabaabbachu mala.
Kan biraammoo, maashaan qaama ajajamu diduu mala. Rakkoon kun qaama keenya iddoo kamittuu mudachuu mala jedhu ogeeyyiin.
Mallattoon biraa, madaalliin dhaabbii keenya sababii dhibee kanattiin hubamuu akka malullee qorannoowwan agarsiisu.
Maaltu gorfama?
Sababi dhibee kanaa hin beekamu jedha Dhaabbati Fayyaa Addunyaa.
Haa ta’u malee, qorannoowwan akka agarsiisanitti qorichi farra aramaa, faalama qilleensaafi hafteewwan indastirii carraa dhibee kanatti saaxilamuu ni dabalu.
Wantoota dhibee kanaaf nama saaxilan keessaa ijoo tokko umuriidha. Namoonni heddu umrii maanguddummaa ganna 60tti dhibee kanaan qabamu.
Dargaggoonnis qabamuu akka malan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ni ibsa.
Kana malees, dhibee kun maatiirra ni dhaalama. Fira dhiyoo dhibichaan qabame qabachuun carraa dhibichaan qabamu keenyaa ni dabala.
Kan biraa, dubartoota caalaa warreen dhiirarratti dhibeen kun caalatti mul’ata.
Dhibeen kana wanti guutummaatti fayyisu jiraachuu baatuus qorichoonni, wal’aansi baqaqsanii hodhuufi teeraappiin dhibee kana wal’aanuuf oolan akka jiran Dhaabbati Fayyaa Addunyaa ni ibsa.
Qorichi Levodopa/carbidopa jedhamu qoricha haalaan gorfamu akka ta’e dhaabbatichi hima.
Haa ta’u malee, qorichoonniifi wal’aansi baqaqsanii hodhuu keessuma hawaasa galii giddugaleessaafi gad-aanaa baay’ee biratti gatii madaalawaan hin argamu.
Dandamachiisuun jireenyi namoota dhibee kanaan hubamanii akka fooyya’u gargaaruu danda’a.