Hambaan Oromoo UNESCO'tti galamaa'e, Sirni Gadaa maaliif akkaafi bakka eegamee hanqate?

Yeroo dhihoo as Abbootiin Gadaa Oromoo dhibdee biyyi keessa jirtu dubbachuurraa of qusachuusaanitti guddoo qeeqamaa jiru.

Kaan mootummaatti maxxanan jechuun yoo komatan, gareen ammoo hidhattoota waliin quba walqabu jechuun wayita qeeqan dhagahamu.

Sirni Gadaa akka hambaa killayyaa 11ffaatti erga UNESCO'tti galmaa'ee fooyya'iinsi sirnichaa akkasumas faayidaan maallaqaa argame qabatamaan hin jiru jechuun komiin ni ka'a.

Gama kaaniin mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo kamuu caalaa duudhaa sirna gadaa hedduu jaarmiyaalee mootummaa fi manneen barnootaatti fiduun sirnicha guddisaa jiraachuu hima.

Dimshaashatti gaafa ilaalamu Sirni kun badees hin badne, akka eegames hin jiru. Garuu maaliif akka leellifametti guddachuu dahdabe?

Sirna Gadaa galmee UNESCO booda...

Sirni Gadaa erga bara 2016 akka hambaa killayaatti fudhatamuun UNESCOtti galmaa’ee as kan duraa caalaa beekamtii argateera.

Taatee sana booda waa hedduun eegamus garuu qabatamaatti wantoonni raawwataman muraasni jiru.

Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti ogeessa aadaa fi qorataa kan ta'an Obbo Olaanaa Tashoomaa akka jedhanitti erga hambaan kun dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti beekamee duudhaaleen sirnichaa jaarmiyaalee mootummaa garaagaraa keessatti dabalamuun hojiirra oolaa jiru.

''Sirni Gadaa akka gosa barnootaa tokkootti naannoo Oromiyaa fi iddoowwan Oromoon jiru Walloo, Wambaraatti kennamaa jira. Duudhaaleen Sirna Gadaa kanneen akka jaarsummaa, gumaa, gondooroo, araaraa kunneen mana murtii aadaa labsii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin hundaa’e keessatti faayidaa kennaa jiru.''

Yeroo ammaa manneen murtii aadaa duudhaa sirna gadaatiin qajeelfaman kuma 8 ol Oromiyaa keessatti hundeeffamanii tajaajilaa kennaa jiraachuus eeran.

Sirna Gadaa keessatti duudhaa walgargaarsaa fi waliif birmannaa kan ta’e Sirni Buusaa- Gonofaa caasaa mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti akka jaarmiyaa tokkootti hundaa’ee tajaajilaa kennaa jira.

Erga Sirni Gadaa UNESCOtti galmaa‘ee duudhaaleen sirnichi qabu biyya keessatti guddoo calaqqisuu kan himan Obbo Olaanaan, iddoowwan kabaja ayyaana irreechaa baayyee dabaluu fi irreechaa Hora Finfinnee eegaluu akka milkaa’ina tokkootti eeran.

Faayidaan kunneen akkuma jiranitti ta’anii garuu hawaasi Sirni Gadaa UNESCO irraa faayidaa maallaqaa hagam argate kan jedhu gaafachuu hin dhiisne.

Obbo Olaanaan dhimma kanarratti akkas jedhan: ''Jaarmiyaan kun hambaa badiinsa jala jiru gargaara, Gadaan ammoo babal’ataa jira malee badaa hin jiru. Lammaffaa UNESCOn mataansaayyuu rakkoo maallaqaa keessa jira. Kanarraa kann ka’e gama maallaqaan hagas mara hin fayyadne.''

Sirni Gadaa akka hambaa killayaatti wayita UNESCO irratti galmaa’u hambaan kun kann dimokiraasii dhugaa qabu, duudhaa mirga dhala namaa fi bineensotaa akkasumas uumama hundaa qabaachuunsaa beekameera.

Garuu erga galmaa’ee akka muuxannootti sadarkaa addunyaatti dhihaatee hin beeku.

''Oromiyaa keessatti duudhaan Sirna Gadaa bakka adda addaatti hojiirra oolaa jira. Garuu sadarkaa biyyaalessaattis ta’e sadarkaa addunyaatti hagas mara hin beekamne, muuxannoo ta’ee hin dhihaanne,'' jedhan.

“Gadaa malee Abbaan Gadaa bakka hin jiru''

Tibbana haala rakkoo biyyattii yeroo ammaa furuun danda’amurratti ga’een Abbootii Gadaa eessa jira kann jedhurratti yaada Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa irraa fudhannee gabaasa hojjenne jalatti yaadonni kennaman komiitti heddummaatu.

Kaan dhimmamuu Abbaa Gadaa akkuma galateeffatan hedduun garuu “Gadaa malee Abbaa Gadaa hin qabnu,‘‘ jechuun komatan.

Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa komii irratti ka’e dhugummaasaa hin haalle, “garuu uummanni Sirni Gadaa qabeenyasaa ta’uu himatu kunis yeroo rakkoon dhalatu Abbaa Gadaa komachuu malee sirna kana tumsaa hin jiru,‘‘ jedhan.

“Sirna Gadaa malee abbootiin Gadaa bakka hin jirtu. Kunis sababa lamaani-tokkoffaa sababa siyaasaati, kan lammataa hanqina maallaqaati, qaamni tumsa maallaqaa hin qabne ammoo eessayyuu hin ga’u,‘‘ jedhan.

Mootummaatti maxxananii rakkoo uummataa dagatan komiin jedhu irratti ka’aa akka ture kann himan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, “Abbaan Gadaa saba hundaaf dubbata, eenyuufuu loogee kaan hin qoollifatu. Sirna kamiifuu loogee hin dubbatu. Baraa fi Gadaadhaan ilaa fi ilaameedhaan araarsa malee gar-tokko hin dhaabbatu,‘‘ jedhan.

“Xaxaan siyaasaa fi faayinaansii amma nu mudate yoo barrii fi gadaan fure malee gadaan kunoo iddoodhaa baddi yaaddoo jedhun qaba,“ jedhan.

Duratti Abbootiin Gadaa kan ittiin bulan gumaata uummataatiin kan jedhan Obbo Tashoomaa Olaanaa, ''uummanni gumaata baasa, loon baasa, horii baasa, humna namaatiinillee bakka itti gargaaraman ture,‘‘ jedhan.

''Ka’umsi diinagdee abbootii gadaa uummata ture Ammas taanaan naannoo Gujii fi Booranaatti Abbootiin Gadaa gumaata uummataan jiraatu, bajata mootummaan miti.‘‘

''Mootummaan abbootii gadaaf maallaqa kan kaffalu yoo ta’e tokkoffaa sirni kun akka harka mootummaatti kufu godha. Abbootiin Gadaa bajata mootummaatiin socho’aa dhiibbaa karaa adda addaatiin uummatarra ga’u walaba ta’anii dubbachuuf ni rakkatu.‘‘

Bakka abbaan gadaa karaa adeemsaa fi gulantaasaa eegeen akkaataa fedhii hawaasaan baallii fudhatetti [fakkeenyaaf Booranaa fi Gujii] hawaasi ni deeggara jedhan Obbo Tashoomaan.

''Rakkoo guddaan bakka abbootiin gadaa osoo baallii seeraan hin fudhatin abbaa gadaa ofiin jedhanii of moggaasanitti. Yeroo kana deeggarsa uummataa hin argatan.‘‘

Abbootiin Gadaa jaalalaa fi deeggarsa uummatasaanii isa dhugaa argachuuf hawaasa isaanii keessa jiraatanii wanta gaarii uummataaf hojjechuu qabu jedhan.

''Abbootiin Gadaa Adaamaa, Shaashamannee, magaalota keessa oolu yoo ta’e, dhimma hojii mootummaa keessa galanii, walga’ii mootummaa eebbaan bananii cufuu qofa yoo ta’an uummanni deeggaruu hin danda’u.‘‘

Nuti akka Aadaa fi Tuurizimiitti hanga tokko deeggarsa maallaqaa fi kaan ni taasifnaaf kan jedhan Obbo Tashoomaan ''kun mataansaa akkasaan harka mootummaatti kufan waan godhuuf sirrii miti,'' jedhan.

Bulchiinsa Gadaa yeroo ammaa ija ogeessaan

Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatti Ogeessaa fi qorataa aadaa kan ta'an Obbo Olaanaa Tashoomaa, Sirni Gadaa akka sirnaatti caasaan isaa inuma jira, garuu hanga mootummaa dabalatee qaamolee garaagaraa fi miidiyaadhaan dhaadheffame miti jedhan.

Yeroo ammaa Sirni Gadaa haala yaaddessaarratti argama kan jedhan Obbo Olaanaan, ''Sirni Oromoon waggoota dheeraaf kabajee, sodaatee jalatti bulaa ture amma bakka sana hin jiru,'' jedhan.

Keessattuu qaama raawwachiiftotaa fi abbootii gadaa biratti haalli yeroo dhihoo kana mul’atu sirnicha balaarra buusa jedhan.

''Sirni Gadaa silaa jaarmiyaa qaama kamirraayyuu [mootummaa fi paartilee siyaasaa dabalatee] bilisa ta’ee dhala namaaf dhaabbatu ta’uu qaba ture. Yeroo ammaa garuu dhiibbaa siyaasa biyya kanaa jalatti kufeera.‘‘

Sirni Gadaa akkaataa gosoota Oromootiin caaseffamee ijaaramuun kan irra ture yeroo ammaa bakka maratti namuu abbaa gadaa ta’ee argina jedhan.

''Gurmaa’inni gadaa Oromoo akkaataa gosaa fi balbala sabichaan ta’uun kan irra ture yeroo ammaa caasaa mootummaa fakkeessanii diriirsaniiru. Abbaa Gadaa Godinaa, kan aanaa, kan magaalaa, kan gandaa jedhanii caaseffama diriirsan.''

Kunimmoo caasaa sirna Gadaa isa ganamaa burjaajessuun seenaa Oromoo keessatti waan hin jirre lafa qabsiisaa jiraachuusaanii agarsiisa jedhan.

Warrumti aangoorra jiraniyyuu sirnicha barsiisaa hin jiran jedhan Obbo Olaanaan.

''Dabballee, gaammee, foollee, raaba- doorii ijaaruu dadhabuun gadaa keessatti baayyinaan mul’ata. Boorana, Gujii fi Karrayyuurraan kan hafe yeroo ammaa sirni gadaa jira jedhanii dubbachuuf nama qaanfachiisa. Abbootiin Gadaas walii waliisaanii wal hin jaal’atan. Duudhaa gadaa kan ta’e jaalala, tokkummaa barsiisaa hin jiran.Yeroosaanii eeganii baallii walitti dabarsuufillee rakkoo guddaatu jira.‘‘

''Abbootiin Gadaa sirna Gadaatti buluurra sirnichaan bulaa jiru, ittiin bulinnaaf jiraachaa jiru,'' jedhu Obbo Olaanaan.

Abbaan Gadaa tokko uummata keessa deemee uummatasaa eeguu, gadaa barsiisuutu irraa eegama kan jedhan Obbo Olaanaan, ''Amma garuu Abbaan Gadaa kana dhiisee waltajjii mootummaa, waltajjii siyaasaarratti kan inni yeroosaa dabarsu. Kun duudhaaleen sirnichaa akka hawaasa keessatti hin jabaanne taasise,‘‘ jedhan.

Gadaan rakkoo Oromoo furuuf kan dhaabbate ta’us, uummatichi rakkoo amma harkaa isa qabu sirnichaan ooluu hin dandeenye jedhan.

''Abbootiin Gadaa osoo namni haala kanaan du’uu, osoo paartileen Oromoo akkasiin walcabsanii callisuun dhuguma sirnichi jiraa gaaffii jedhu kaasisa.''

Abbaan Gadaa fi qe’eensaa wayyu (ulfina)

Sirna Gadaa Oromoo keessatti akka beekamutti Abbaan Gadaa galma isaaf ijaarame kan ollaa yaa’a isaan marfame keessa jiraachuun ooltee bultee uummatasaarraa osoo ija hin buqqifatin to’ata, tajaajila.

Yoo godaanes yaa’a isaa qabatee godaanuun lafaa fi ardaa jilaa, sa’aa nama wayyoomsa.

Kanaaf abbaan gadaa yaa’asaa fi galmasaa dhiisee lagaa fi daangaa hin ce’u kan jedhamuuf.

Sirni akkasiin raawwatamu kun Gadaa Booranaa, Gujii fi Karrayyuu keessatti darbee darbee mul’atus garuu kutaalee Oromiyaa hedduu keessatti erga hafee bubbuleera.

Abbootiin Gadaa manneen ammayyaa ijaarrachuu fi qe’ee lamaa fi sadi qabaachuun akkuma nama kaanii mana dhuunfaasaanii jiraachuun baratameera.

Naamusa uffannaa irraa hanga yaa’a ofii [hawaasa bakka bu’an dabalatee] dhiisanii dhimmoota siyaasaaf imaluutti ga’aa jiru.

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa sirni Gadaa siyaasa kamirraayyuu bilisa ta’ee uummataaf dhaabbata jechuun komiirratti ka’u haalan.

‘’Ani yeroo hunda nageenya kanan lallabu, paartii kamuu hin deeggaru,’’ jedhan.

Abbaan Gadaa fi qe’een isaa wayyu kan jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, ‘’kan nuti haala kanaan haleelamuu mitii, silaa kan miidhameyyuu nutti dheessa ture. Amma garuu nutu baqataa jira,’’ jedhan.

‘’Akka sirna Gadaatti namni natti dheesseyyuu ni baraarama silaa. Garba hiddii shanii, ciisa sangaa falqaa asitti namaa mitii, bineensiyyuu yoo natti dheesse ni ba’a.’’

‘’Qe’een kiyya tumaa qaba-wayyu. Abbaa Gadaa durayyuu hin qaxxaamuran. Ija keessa hin laalan.’’

Mootummaan Itoophiyaa amma aangoorra jiru yeroo kamuu caalaa duudhaa sirna Gadaa olkaasuun dubbatus, inumaa ilmaan Abbaa Gadaa jedhamee maqaa ofiif kennuun beekama.

Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa garuu osoo gadaaf bakka kennanii, osoo hubannoo waa’ee Sirna Gadaa qabaatanii qe’ee kiyya halkaniin hin saaman jechuun komatu.