Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan Israa’el doorsisuu ittifufuu hordofee Ameerikaan jeettiiwwaniifi dooniiwwan waraanaa bobbaasuuf
Ameerikaan haleellaa Iraaniifi michoonni ishee Israa’eliirratti haggaaman irraa qolachuuf jecha dooniiwwaniifi jeettiiwwan waraanaa dabalataa gara Baha Giddu-galeessaatti akka bobbaastu Pentaagon beeksise.
Dhiyoo kana dursaan siyaasaa Hamaas Ismaa’el Haniyaa Iraan keessatti, akkasumas ajajaa olaanaa garee hidhattoota Hezboollaah ajjeefamuu hordofee naannichatti muddamni dabaleera.
Baha Giddu-galeessaa keessatti humna ittisa misaa’elii bobbaasuuf qophiin xumuramuu kan ibse Pentaagoon, Israa’eliif eegumsa gochuuf “murannoo hin sochoonetu” jira jedheera.
Hogganaan amantaa Iraan Ayaatolaa Alii Kamiinii Israa’el ajjeechaa Ismaa’el Haniyyaarratti raawwatteef “adabbiin cimaa” akka ishee eeggatu dhaadatanii, biyyattii keessatti ammoo guyyoota gaddaa biyyaalessaa sadii labsan.
Dursaan Hamaas Ismaa’el Haniyaa Kibxata halkan Adoolessa 30, 2024 sa’aatii saddet irratti magaalaa guddoo Iraan, Tehiraan, mana keessa osoo jiranii ajjeefaman. Iraaniifi Hamaas hogganaa kana misaa’eliitiin kan ajjeefte Israa’el jedhanis, Israa'el garuu ifatti yaada kennuurraa of qusatte.
Marii Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu ilaalchisuun gahee guddaa kan qaban ga’eessi umuriin isaa wagga 62 Ismaa’el Haniyaa, Tehiraan keessatti muudama pirezidantii Iraan Masuud Peezeshkiyaan irratti hirmaatanii sa’aatiiwwan muraasa booda ture kan ajjeefaman.
Ajjeefamuun Ismaa’el Haniyyaa kan dhaga’me ajajaa olaanaa Hezboollaah kan ta’e Fu’aad Shukurii ajjeesuu beeksisuushee sa’aatii muraasaan boodadha.
Ibsi Peentaagoon akka hubachiisetti, humna waraanaa haaraan bobba'u, "eegumsa Ameerikaa foyyeessuudhaan deeggarsa Israa'eliin ittisuuf tumsa taasifamu kan guddisu, akkasumas Ameerikaan haleellaawwan tasaa garagaraatiif deebii kennuuf qophii ta'uushee kan mirkaneessu," jedhe.
Ittisni Balaastik Misaa'el akkuma kana dabalataan akka bobbaafamu ibsameera.
Ji'a Eblaa yeroo Iraan dirooniiwwaniifi misaa'elootaan Israa'el irratti haleellaa gaggeessiteen durallee waraanni Ameerikaa bobbii isaa cimsee ture.
Israa'eliifi michoonnishee misaa'elootaafi dirooniiwwan itti dhukaafaman 300 ol fashaleessineerra jedhan.
Israa'el waa'ee ajjeechaa dursaa Hamaas kallattiin yaadni kennite hin jiru.
Haata'u malee, Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netinyaahuun biyyi isaa guyyoota darban diinotasheerratti "haleellaa hamaa" qaqqabsiifte jedhan.
Itti dabaluunis, haleellaa Tehiraan keessatti raawwatameen dura Libaanos keessatti ajajaan olaanaa Hezboollaah ajjeefamuu isaa dubbataniiru.
Waraanni biyyoota Baha Giddu-galeessaa biroo hirmaachise qaxanaa kana keessatti jalqabamuu danda'a sodaan jedhu dabalaa dhufeera.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteereez qaxanaa kana keessatti muddamni haala yaaddessaa ta'een dabalaa deemuu ilaalchisee akeekkachiisaniiru.