Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaalota olaanoo Iraaniifi baha giddu galeessatti ajjeefaman wajjin maqaan Israa'el maaf ka'a?
Oduun Adooleessa 31, 2024 Baha Giddu Galeessatii dhagahame naannicha dabalatee addunyaarratti mata duree guddaa ta'eera- ajjeefamuu qondaalaa olaanaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaati.
Ismaa'el Haniyyaa sirna kakuu pirezidaantii Iraan haaraa filataman Maasuud Pezeshkiyaan irratti argamuun galgaluma sana Tehraan keessatti ajjeefame.
Hamaasiifi Iraan Ajeechaa Ismaa'el Haniyyaa kan raawwate Israa'elidha jedhaniiru. Gumaa gaggeessaa olaanaa Hamaas kana akka baasanis dhaadataniiru.
Keessumaa Ismaa'el Haniyyaa Iraan keessatti ajjeefamuunsaa abidda Baha Guddu Galeessaa keessatti duraanuu qabatee turetti boba'aa dabaluudha.
Iraaniifi Israa'el argaa walii jibbanii ijatti wal-tufuu erga eegalanii walakkaa jaarraa ta'eera.
Warraaqsi Iraan bara 1979tti gaggeeffame mootummaa duraanii kuffisuun bulchiinsi haaran aangoo Iraan qabachuu hordofee walitti dhufeenyi Israa'eliifi Iraan adda cituu bira darbee gara diinummaatti jijjiirame.
Iraan biyyummaa Israa'eliif beekamtii hin laattu; kanneen Israa'el wajjin wal-dhabdee qaban humnoota Filisxeem kanneen akka Hamaasifi Hezbollaafi hidhattoota biroo Baha Giddu Galeessatti akka hidhachiiftufi deeggarsa barbaachisuu bira dhaabbattutu himama.
Hezbollaa kan Libaanos keessa socho'u, hidhattoota Huutii Yaman, Hamaas kan Gaazaa bulchuufi hidhattoota Sooriyaafi Iraaq fa'aa keessa socho'an deeggaruun maqaan Iraan irra deddeebin ka'a.
Kana jechuun Israa'el ollootasheetii diina jettee kan yaaddu baay'ee qabdi: Gaazaa, Hamaas, Hezbollaa, Islaamik Jihaad, Huutii Yamanfi kaanis Sooriyaafi Iraaq keessa jiru.
Hidhattoota kanneen kan kallattiin leenjisee, hidhachiisee kan natti bobbaasu jechuun Israa'el yeroo garaa garaatti Iraanitti dhaadatti.
Hawaasni idil-addunyaas Iraanirratti qoqqobbii dabalataa akka kaa'u waamicha gooti.
Israa'el akka adaamii ollaa agamsaa jiraatutti of ilaalti- qoraattin ishee waraanu ollaashee guutanii akka jiraniifi sochii hidhattoota naannoshee qofa osoo hin taane fageenya dheeraa imaltee sochii Iraanis ni to'atti.
Israa'el ajjeechawwan maqaanshee itti dhahamu maaf hin amantu?
Taaten Onkoloolessa 7, 2023 raawwate, sochii siyaasa Baha Giddu Galeessaa waggootaf qabbanaa'ee ture deebisee waan dammaqse fakkaata.
Keessumaa dhimmi Filsixeemotaa addunyaarratti dagatamee ture akka dibaa abiddaa deebi'ee haara'e.
Hamaas Onkoloolessa 7 gaafa haleellaa Israa'el irratti raawwatu, keessumaa biyyoonni Lixaa Israa'el of-ittisuuf mirga akka qabdu deeggarsaanii Israa'eliif kennanii turan.
Oolee bulee akkaatan itti Israa'el Gaazatti waraana gaggeessite heddu rifaasisaa ta'e. Lammiilen nagaan 38,000 ol ajjeefamuun hawaasa idil-addunyaa rifaasisee Israa'el waraana akka dhaabduf warra duraam deeggaraa turan dabalatee bulchiinsa Beeniyaamin Netaaniyaahuu irratti dhiibbaa gochuu eegalan.
Haa ta'u garuu waraanni Gaazaafi Israa'el qofaan dhaabbate osoo hin taane Libaanos irraa Hezbollaa, Yaman irraa Huutifi mootummaa Iraan hirmaachise.
Kan durii caalaa Iraanifi Israa'el gidduutti diinummaa kan hammeesse haleellaa misaa'elaa Israa'el magaala guddoo Sooriyaa kan taate Damaasqoo keessatti qonsiilaa Iraan irratti gaggeeffameedha.
Baatii Amajjii keessaa haleellaa qilleensarraa Israa'el gaggeessite jedhameen qondaalonni waraanaa Iraanifi eegdonni isaanii Sooriyaa keessatti ajjeefamuu Iraan himachuun Israa'elitti dhaadatte.
Israa'el garuu haleellaa kana akkuma amalashee "anas, ana mitis" hin jenne.
Iraan akkuma dhaadatte misaa'elotaafi dirooniwwan 300 oliin Israa'el irratti haleellaa gaggeessite. Iraan yeroo jalqabaaf kallattiin Israa'el irratti haleellaa gaggeessite.
Israa'el haleellaa biyya namaarratti gaggeessitu kan amantuufi hin amanne qabdi
Onkoloolessa 7, 2023 Hamaas Israa'el irratti haleellaa gaggeessee torbanoota Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu Ijansii Tika Israa'el kan ta'e Mossadif ajaja tokko kennan- gaggeessitoonni Hamaas biyya kam keessayyuu haa jiraatan, bakka jiranitti haa ajjeefaman kan jedhu.
Mossad addunyaarratti garee tikaa cimaafi biyyoota garaa garaa keessatti qaama diina biyyaati jedherratti ajjeechaa raawwachuufi qabuun beekama.
Keessumaa biyyoota Baha Giddu Galeessaa kanneen akka Sooriyaa, Libaanos, Iraaq, Iraanifi Joordan akkasumas biyyoota Awurooppafi kaan keessattis oppireeshinii biyya biraa keessatti raawwatu (covert operation) gaggeessun beekama- heddus itti milkaa'era.
Gaggeessitoota Hamaas, kan Hezbollaa, qondaalota waraanaafi saayintistoota Iraan irratti xiyyeeffachuun Israa'el haleellawwan garaa garaa raawwatteetti.
Ajjeechawwan biyyoota garaa garaa keessatti gaggeessitu irratti imaammata callisuu filatti. Ajjeessushee itti gaafatamummaa yoo fudhatte biyya sana wajjin walitti bu'iinsa dippilomasii, darbeemmoo kan waraanaa keessa ishee galcha waan ta'eef.
Ajjeechaa qondaalota siyaasaafi waraanaa garee hidhattootaa kan mootummaa hin taane (non-state actors) rawwattu irratti itti gaafatamummaa ni fudhatti. Keessumaa kan hidhattoota Iraanin deeggaramanii Hamaasifi Hezbollaa fa'aa irratti ajjeechaa raawwattu yeroo heddi itti gaafatamummaa ni fudhatti.
Ismaa'el Haniyyaa Iraan magaala Tehraan keessatti eegdota isaa waliin ajjeefamuusaa sa'aatii muraasa dura Libaanos magaala Beerut keessatti qondaala waraanaa garee Hezbollaa kan ta'e Fu'aad Shukir haleellaa qilleensarraan ajjeesuu beeksiftetti.
Guyyaadhuma wal-fakkaataa, Adoolessa 30 halkan walakkaa qondaala siyaasaa olaanaa Hamaas kan ta'e Ismaa'el Haniyyaarratti ajjeechan gaggeeffame.
Torbaan lamaan dura ammoo haleellaa Gaazatti gaggeessiteen qondaala Hamaas beekamaa Mohaammad Daa'if, kan waggoota hedduuf ajjeesuf yaaltee hin milkaa'in hafte, irratti haleellaa gaggeessitee turte.
Moohaammad Daa'if haleellaa kanaan du'uun hin oolle jedhamee jira. Israa'el haleellaa gaggeessite kana hin waakkanne.
Akkaataa tarsiimoo callisuu hordoftuun waa'ee ajjeechaa Ismaa'el Hanniyyaa Iraan keessatti gaggeeffamee dubbachuurraa of qusatte. Kan qondaala waraanaa Hezbollaa Libaanos keessatti ajjeefameefi kan qondaala waraanaa Hamaas Gaazaa keessatti du'uu hin oolle jedhamee garuu osoo namni hin gaafatin itti gaafatamummaa akka fudhattu ofii beeksifte.
Garaa garummaan jiru, Hezboollafi Hamaas qaama mootummaa hin taane (non-state actors) ta'anis, Ismaa'el Hanniyyaa Iraan keessatti ajjeesuu yoo amante, carraan Iraan walabummaa birmadummaa kootu sarbame jettee Israa'el irratti kallattiin tarkaanfii waraanaa fudhachuu bal'aadha.
Gama biraan ammoo Israa'el haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa hanga hin fudhannetti ykn Israa'el Ismaa'el Hanniyyaa ajjeesuushee Iraan ragaa qabatamaa hanga hin dhiyeessinetti Israa'el irratti tarkaanfii fudhachuuf bu'uura quubsaa hin qabdu, hawaasa idil-addunyaa birattis fudhatama hin qabu kanneen jedhan jiru.
Israa'el Iraan keessatti qondaaltota ajjeesun kan jalqabaa miti
Isra'eela anatu godhe jettee amanuu baattus ragaalen heddu akka agarsiisanitti kanaan dura ajjeechawwan garaa garaa Iraan keessatti raawwattee turte.
Keessumaa saayintistoota nikularaafi qondaalota waraanaa yaaddoo uumu jettee yaaddurratti xiyyeeffachuuni kan isheen ajjeechaa gaggeessaa turte.
Haa ta'u garuu, nama akka Ismaa'el Haniyyaa siyaasa keessatti beekamtii guddaa qaburratti xiyyeeffatee miti kan ajjeechaa gaggeessite.
Waggaa sadiin dura ministiirri tikaa duraanii Iraan Alii Yuneesii harki tika Israa'el dheeratee gola Iraan lixuu akeekkachiisun "qondaalonni Iraan hunduu lubbuusaaniif yaadda'uu qabu" jechuun akeekkachiisee ture.
Keessumaa Iraan omisha anniisaa nikularaa akka omishtu beeksisuusheerraa eegalee Israa'el qondaaltotafi saayintistoota nikularaa Iraan adamsitee ajjeesuu hin dhiisne.
Israa'el sodaanshee Iraan boombii nikularaa omishuuf akka jirtu ragaa qabatamaa akka qabduufi Iraan meeshaa nikularaa hidhannaan "jiraachun Israa'el gaaffii keessa jira" kan jedhuuni Iraan keessatti saayinstistootafi qondaalota waraanaa Iraan kan ajjeestu.
Israa'el saayintistootafi qondaalota waraanaa kam fa'aa ajjeeste?
Masuud Aliimohaamadii
Iraan gabbisa nikularaa taasiftu akka dhaabduf ykn to'annaadhaf banaa akka gootuf US dabalatee biyyooni lixaa dhiibbaa garaa garaa irratti taasisaa turan.
Bara 2015tti Iraanifi biyyoonni lixaa dhimma nikulara Iraan irratti walii galtee tolfachuun Iraan gabbisa nikularaa anniisaaf malee meeshaa waraanaaf akka hin taane waadaa galtee turte.
Haa ta'u garuu Doonald Tiraamp yeroo gara aangotti dhufan US waliigaltee sana keessaa akka baatu godhan. Iraanis gabbisa nikularaa taasiftu akka itti fuftu beeksifte.
Israa'el gamasheen sochii gabbisa nikularaa Iraan gufachiisuf haleellaa saayibarii gaggeessuu dabalatee saayinstistoota Iraan ajjeesti.
Saayintistoota Iraan kan Israa'el ajjeeste keessaa tokko saayintistii nikularaa kan ta'e Masuud Aliimohamaadii ture.
Masuud hayyuu beekamoon saayinsii Kuwaantam Fiiziiksii yoo ta'u, bara 2010tti magaala Tehraan keessatti osoo hojiidhaaf manaa bahaa jiranu ture, boombii konkolaataarratti hidhamee fageenyarraa to’atamuun kan ajjeefame.
Ajjeechaa saayintistii kanaaf Iraan kallattiin itti gaafatamaa kan goote dhaabbata basaasa Israa'el kan ta'e Mossadidha.
Maajiid Shaahiri’arii
Maajid saayintistii nikularaa Iraan harka tika Israa'elitti du'e kan biraati.
Saayintistiin kun Yunvarsitii Baaheeshitii jedhamutti barsiisaa kan tureefi akkuma Aliimohamadiin osoo gara hojii imaluuf jiruu mana jireenyasaatii akkuma baheen dhootuu konkolaatarratti kiyyeeffameen ajjeefame.
Du'a hayyuu nikularaa kana kan jalaa ajjeesse Irsaa'el akka ta'e Iraan ibsitee turte.
Janaraal Hasan Teehiraanii Moghaadaam
Janaraal Hasan Teehiraanii Moghaadaam ogummaa misaa'elaa waan qabuuf "abbaa misaa'elaa" jedhamuun beekama.
Bara 2011tti haleellaa irratti gaggeeffameen du'e.
Qondaallo waraanaa kun Chaayinaafi Kooriyaa Kaabaatti saayinsii pilaastiik miisaa’eliitiin barnoota barachuun gara biyyasaaniitti deebi'ee ture.
Sirna awwaalcha Janaraala kanaarratti Ajajaan Eegdoota Warraaqsa Iraan yeroo sanaa Meejar janaraal Huseen Saalaamiin, Moghaadaam ‘‘injiinara humna warraaqsa misaa’elaa ture’’ jechuun ibsanii ture.
Moohisan Faakriizaahed
Mohisaan Fakrizahaad saayintistii nikularaa beekamaafi Iraan keessatti kabaja guddaa qabu ture.
Humni tikaa Israa'el saayintistii kana ajjeesuf yeroo garaa garaa yaalii godhee milkaa'uu baatus bara 2020 itti milkaa'e
Mossad saayintistii kana ajjeessuf meeshaa waraanaa Hubannoo Nam-tolchee (AI) dhaan hojjatuufi fageenyarraa to'atamuuni kan ajjeese.
Iraaniis ajjeechaa nama kanaatiif Israa’eliin itti gaafatamtu gochuuf yeroo itti hin fudhanne. Israa’el ammoo akkuma barame haleellaawwan akkasiirratti yaada hin kennitu.
Waggaa 10 oliif daayirektara Mossad ta'uun kan tajaajilaniifi bara 2021 soorama kan bahe Yoosii Koheen waa'ee ajjeechaa saayintistootafi qondaalota Iraan keessaa Israa'el harka qabaachuu gaafatamanii Israa'el keessaa qabdis, keessaa hin qabdus hin jenne.
Garuu, saayintistoonni Iraan yeroo dheeraf adamsamaa akka turan himan.
"Namichi dandeettii lammiilee Israa'el yaaddoo keessa galchu qaba yoo ta'e dhabamsiifamuu qaba," jechuun dubbatanii ture qondaalli tikaa Israa'el kun.
Halleellaa Olompikii Muunik tarsiimoo oppireeshinii Israa'el jijjiire
Taaten Olompikii Barlin irratti bara 1972 mudate oppireshinii Israa'el gaggeessitu guutummaan kan jijjiire ture.
Fulbaana 5, 1972 Olompikii Muunik irratti atileetonni Israa'el bakka bu'anii deeman hootela keessa buufatan keessatti hidhattoota Filisxeemin ugguramanii booda atileetonni 15 ajjeefaman.
Poolisoonni Jarman Lixaa atileetota ugguraman gadi lakkisiisuf oppireeshinii gaggeessanis oppireshinii qindaa'aa waan hin turreef hin milkoofne.
Taateen kun hanga mudatutti xiyyeeffannoon tika Israa'el dhimma biyya keessafi naannoo Baha Giddu Galeessaa ture.
Atileetinnishee 15 Olompikirratti hirmaachuf deeman jalaa ajjeefamun, akkamiin daangaasheetin alatti bakka kamittuu opiireeshinii haaloo bahuufi nama diina jettee yaadde dhabamsiisuu karoorsuu eegalte.
Haleellaa dhoksaa biyya biraa keessatti gaggeeffamu (covert operation) biyyoota Awurooppaafi kaan keessatti gaggeessuf murteessite.
Hidhattoonni Filisxeem Jarman keessatti atileetota Israa'el ajjeesan osoo poolisiin hin qabamin miliquunsaanii ammoo Israa'el garmalee aarse.
Muummen Ministiiraa Israa'el yeroo sanaa Goldaa Meeyir hidhattoota Filisxeem ajjeechaa sana raawwatan tokko tokkoon haaloo akka bahan dhaadatan. Mossad bakka seene seenee kanneen atileetota ajjeesan akka ajjeesuf ajaja kennan.
Ergasii kanneen ajjeechaa Olompikii Muunik irratti hirmaatan biyyoota garaa garaa keessatti hordoffii gochuun ajjeesuu eegalte.
Hanga bara 1994tti Israa'elifi Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) kan Yaasir Arfaatin gaggeeffamaa ture walii galtee waliif mallatteessanitti Israa'el qondaaltota siyaasafi waraanaa Filisxeem biyyoota akka Yordaanos, Libaanos, Aljeeriyaafi biyyoota Awurooppaa keessatti adamsuun ajjeesaa turte.